Koronaavaayirasi: Biyyoonni Eshiyaa danbalii koronaa lammaffaan mudataa jiraa?

Madda suuraa, Getty Images
Biyyoonni akka Koriyaa Kaabaa, Chaayinaafi Singaapoor dambalii koronaa marsaa lammaffaan namoota alaa galan hedduun mudataa jiru keessaayi.
Chaayinaa, biyyi jalqaba vaayirasichi keessatti mudate, guyyaa Kamisaa erga taateen kun eegale qabee yeroo jalqabaatiif mudannoo haaraan homtu osoo hingalmaa'iin ole.
Haa ta'u malee namoota dhiheenya gara biyyaatti deebii'an keessaa mudannoon 34 Chaayinaa keessaatti galmaa'eera.
Siingaapoor ammoo namoota haaraa qabaman 43 kanneen 33 isaanii kan dhiheenya gara biyyaatti deebii'aniidha.
Koriyaan Kibbaas guyyaa Kamisaa mudannoo vaayirasichaa haaraa 152 kan galmeessite yoo ta'u isaan keessaa meeqa kan biyya alaatii deebii'an akka ta'e adda hinbaane.

Jaappaan guyyaa Roobii mudannoo vaayirasichaa sadii galmeesite. Haa ta'u malee biyyattiitti naannoo Hokka'ido namoonni vaayirasichaan qabaman 154 galmeeffamusaatiin walqabatee Guraandhala irraa qabee yaroo muddamaa labsameera.
Qondaaltoonni mootummaas namoonni manasaanii keessa akka turaniif jajjabeessaa jiru tatamsa'ina dhukkubichaa to'achuuf.
Akkasumas Chaayinaatti Komishiniin Fayyaa biyyatti erga vaayirasichi baatii Muddee keessa ka'ee eegalee yeroo jalqabaatiin mudannoon biyyattii keessatti galmaa'ee hinjiru jedheera.
Kana malees Wuhaan keessatti mudannon homti hinjiru, haa ta'u malee namoonni vaayirasichaan qabaman 34 argamaniiru.
Chaayinaa keessatti du'uutii 3,245 kan qaqqabee yoo ta'u, lakkoosfa biyyattin dhiyeessaa jirtu kanarratti namoonni gaaffii kaasanis hin dhabamne.
Biyyoonni arfanuu taate vaayisarichaa biyya keessaatti to'achurratti hojii fiixaan bahee kan raawwatan yoo ta'u, garuu babalachuun vaayirasichaa eddoo biraa biyyoota kanneen keessattis dabalu danda'a soodaa jedheu umeera.














