Koronaavaayiras: Gaaffii baruu barbaaddan ilaalchisuun deebii hanga ammaa jiru

Dhimmoota dhukkuba koronaavaayirasii ilaalchisuun gaaffiiwwan hordoftoonni keenya gaafatan keessaa muraasni:
Bishaan namoonni hedduu daakan keessa daakuun amansiisaadhaa?
Koronaavaayirasiirraa fayyitee booda lamaffaa hin qabamtuu?
Vaayirasichi yeroo hangamiif meeshaaleefi wantoota irra bu'erra tura?
Ogeessi BBC dhimma fayyaa xiinxalu gaaffiilee ijoo koronaavaayirasii ilaalchisee karaaa adda addaa dhiyaataniif deebii kennaa jiru.
Erga weerarri kun mudatee kaasee hanga ammaatti gaaffileen hawaasa irraa BBC'f dhiyaatan 50,000 ta'aniiru.
Dhukkubni kuni hangam namarra tura?
Namoota shan keessaa afurif dhibeen COVID-19 dhukkuba salphaadha, akkuma qufaa/utaallooti.
Mallattoon isaa qaama gubuufi qufaa gogaa (laphee nama gogsu) dha. Guyyoota muraasaaf miirri kee sitti toluu dhiisuu danda'a. Garuu erga mallattoon isaa sirratti mul'atee torban tokko keessatti fayyummaatti deebiyuu qabda.
Namoonni hedduun akkuma qabamanillee hin beekan. Waa'ee kanaa ifatti hinbeeknu garuu kun dhugaa ta'ee jennaan oduu gammachiisadha. Sababiin isaas sadarkaa humna dhibee ofirraa ittisuu waloo ta'e hawaasa keessatti uuma.
Vaayirasiin kun yoo somba keessatti cime garuu rakkoo argansuufi nimooniyaa qaqqabsiisuu ni mala. Namoota torba keessaa tokko hospitaalatti wal'aansa isaan barbaachisuu kan malu ta'a.
Warra hospitaala sadarkaa galuurra gahan lama keessaa tokko ammoo wallaansa addaa akka ventileeteriifi oksijiinii barbaada/barbaaddi.
Chaayinaa keessatti, namoonni baay'ee dhukkubsatan hospitaala keessa torban sadiif turan. Kan lubbuun darbe yoo jiraatellee, namoota dhukkubsatan keessaa harki caalan ni fayyu.
Namoota dudulloomoo ykn rakkoo fayyaa duraan jiru qabaatanillee carraa fayyuu ni qabu.
Vaayirasichi yeroo hangamiif meeshaaleefi wantoota irra bu'erra tura?
Akka haala lafa/bakka irra bu'e sanaa irratti hundaa'a. Bakkawwan jajjabaatoo akka akka qabannaa karraa, furtuu liiftii, mana itti bilcheeffatanii keessa saatii 48 turuu danda'u jedhama.
Qorannoon kanaan dura koronaavaayirasii irratti taasifame garuu bakka tokko tokko keessa torban tokkoof turuu danda'u.
Bakkawwan lallaafoo ta'an kan akka huccuu, yeroo gabaabaa ta'e tura. Fakkeenyaaf, yoo kootii vaayirasii qabu guyyaa tokkoo hanga lamaa osoo hin uffatiin turtee vaayirasiin isaan booda lubbuun hin jiraatu.
Kan yaadachuu qabdan, bakka vaayirasiitiin faalame kana qaqqabuu qofaan dhibee COVID-19 nama hin qabsiisu.
Vaayirasiin kun akka harka keenyaan gara afaanii, funyaaniifi ija keenyaan gara keessa qaama keenyaatti hin seennetti yeroo ala jirru fuula keenya qaqqabuu dhaabuudha.
Koronaavaayirasiirraa fayyitee booda lamaffaa hin qabamtuu?
Kana ammatti dubbachuudhaaf yeroon isaa hin geenye. Vaayirasiin kun Mudde darberraa eegaleeti kan mul'ate.
Garuu muuxannoo vaayirasiifi koronaavaayirasoota biraa irraa jiruun takka qabamtee booda qaama vaayirasii irraa si ittisu uummachuu qabda.
Vaayirasii akka 'Sars' fi gosoota koronaavaayirasii birootiif deebinee dhukkuba kanaan hin qabamnu.
Gabaasonni tokko tokko Chaayinaa irraa dhaga'aman namoonni hospitaalaa bahan yeroo deebiyan qabamaniiru jedhama. Garuu, waa'ee qorannoo kanaa wanti mirkanaa'e hin jiru.

- Waa'ee koronaavaayirasii gaaffilee keessaniif deebii
- Kallattiin: lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin qabamaniifi du'anii
- Biyyoota Eshiyaa danbaliin koronaa lammaffaan mudataa jira?
- Koronaavaayiras ofirraa ittisuuf harka ni dhiqattu, bilbila keessan hoo akkamiin qulqulleeffattu?
- Lammiileen Itoophiyaa lama dhukkuba Koronavaayirasiin Xaaliyaanitti du'an
- Wantoota shan Itoophiyaan koronaavaayirasiif qophii akka hin taane mul'isan















