Lammiileen Itoophiyaa lama dhukkuba Koronavaayirasiin Xaaliyaanitti du'an

Madda suuraa, Getty Images
Lammiileen Itoophiyaa lama biyya Xaaliyaanii jiraatan sababa dhukkuba koronaavaayirasiin lubbuu dhabuun isaanii dhagahame.
Lammiileen Itoophiyaa kunneen Xaaliyaanii keessa dhukkubichaan qabamanii wal'aansi taasifamaafi turee lubbuun isaanii darbu BBC'n maddeen Ministeera Dhimma Alaa irraa mirkaneeffateera.
Umriin namoota lamaanii 40 ol akka ta'eefi keessa tokko waggaa dheeraaf biyyicha keessa jiraachuun isaanii himameera. Tokko dhiira kan lammataa immoo dubartiidha kan jedhame.
Dubartiin du'an yoom gara Xaaliyaanii akka deeman ibsamuu baatus maatii dubbisuuf dhaqanii achi turuun isaanii beekameera.
Dhukkubni koronaavaayirasii namoota dhukkuba biraa qabaniifi dulluma keessa jiran irratti kan cimu yoo ta'u duuni lammiilee Itoophiyaas kanaan shakkameera.
Maddi Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaati BBC'n odeeffate du'a lammiilee Itoophiyaa mirkaneeffachuun ala odeeffannoon dabalataa kennuu hin feene.
Chaayinaan alatti biyyoota Awuroppaa dhukkubni koronaavaayirasii itti hammaate keessaa tokko Xaaliyaaniidha.
Yeroo ammaa biyyattiitti namoonni 31,000 ol dhukkuba kanaan kan qabaman yoo ta'u 2,503 du'aniiru.
Biyyi Xaaliyaanii tatamsa'ina dhukkuba to'achuuf manneen tajajaila kennan kan cufaman yoo ta'u lammiileenis manaa akka hin baane ajaji darbeera.
Dhukkubni kuni Itoophiyaattis kan argame yoo ta'u namoonni jaha dhukkuba kanaan qabamuun mirkanaa'eera.
Haa ta'u malee, namni du'e akka hin jirre qondaaltonni Itoophiyaa ibsaniiru.
Dhukkuba sadarkaa weeararaa gahe kana ittisuuf MM Abiy Ahimad ogeessonni fayyaaf imaanaan guddaa akka kenname ibsaniiru.
Manneen murtii yeroof hojii kan dhaaban yoo ta'u waraanni Itoophiyaa yeroo hin beekamneef kaampiidhaa akka hin baanes ajajni darbeera.

- ‘Weerara biyyarratti qiyyaafaterraa loltuun baraaru ogeessa kominikeeshiniiti’
- Itoophiyaan loltootasheen 'kaampii keessa turaa' jette
- Waa'ee koronaavaayirasii gaaffilee keessaniif deebii
- Itoophiyaatti namni 6ffaa koronaavaayirasiin qabame
- Namtichi koronaavaayirasiin shakkamee, ambulaansiirraa utaalee baqate bilisa ta'e
















