Koroonaavaayiras: Loltoonni Itoophiyaa kaampii keessaa akka hin baane gorfaman

Loltoota Itoophiyaa nagaa eegsisuurraa jiran, Sudaan Kibbaatti

Madda suuraa, Getty Images

Ajajaan Itaamaazhoorii Raayyaa Ittisa Biyyaa Jeneraal Adam Mohaammad, loltoonni kaampii keessaa akka hin baane ergaa dabarsan.

Janaraalichi tatamsa'inna koroonaavayiras ittisuufi dhimmoota ofeeggannoorratti ibsa kennaniin, loltoonni biyyattii vaayirasii kanarraa ofeeggachuu qabu jedhaniiru.

Kanneen biyya keessa jiraniifi kanneen ergama fudhatanii biyyoota biroo jiranis, ergama isaanii bahachuuf ofiisaanii eeguu qabu jedhan Jeneraal Adam.

Vaayirasicha to'achuufis kaampiiwwan raayyaan itti buufatee jiru hundatti tajaajilli bishaanii akka addaan hin cinneef ni godhamas jedhaniiru.

Miidiyaaleen biyya keessaa raayyaan ittisa biyyaa, garee dhimmi kana hordofus gurmeessuusaas gabaasaniiru.

Kana malees, galmeen haaraa loltootaa akka dhaabbatu, heeyyamnis akka hin bahamneefi kaampiin alatti walitti dhufeenya hawaasa waliin qaban akka dhaabanis hubachiisaniiru.

Akka Jeneraal Adam jedhanitti, hanga ammaatti loltoota biyyattii keessaa namni vaayirasichaan qabame hinjiru.

Manneen murtii Federaalaa cufamuufi...

Gama biraatiin ammoo, manneen murtii federaalaa to'annoo COVED-19'f jecha gariin cufamuufi.

Pireezidantiin mana Murtii waliigalaa Federaalaa aadde Ma'aazaa Ashanaafii ibsa kennaniin Kamisa irraa eegalee guyyoota 14'f manneen murtii federaalaa akka cufaman ibsaniiru.

Guyyoota kana keessattis galmeen haaraan akka hin banamneefi kanneen guyyoota kana keessatti beellama qaban beellamni isaanii torbee lama duuba akka ilaalamu himan.

Dhimmootni ariifachiisooniifi nageenyaafi tasgabbii biyyaa waliin walqabatan madaalamanii akka ilaalamuu malaniis dubbatan.

Koroonaavaayiras
koronaavaayiras