Koronaavaayiras: Faransaayiifi Ispeen dabalatee biyyoonni Awurooppaa dhorkaawwan jajjaboo haaraa kaa'aa jiru

Madda suuraa, EPA
Biyyoonni Awurooppaa gurguddoo lama, Ispeeniifi Faransaay, Xaaliyaanitti aanuun labsii yeroo muddamaa labsuun dhorkaawwan gurguddoo sochii ummataa irra kaa'uun tatamsa'ina koronaavaayirasii ittisuuf yaalaa jirti.
Ispeen keessatti namoonni meehsaalee barbaachisoo ta'aniifi qoricha bitachuu ykn ammoo hojiif yoo ta'e malee manaa akka hin baane dhorkamaniiru.
Ispeen keessatti namoonni koronaavaayirasiin du'an hanga har'aatti 191 irra kan ga'e yommuu ta'u Xaaliyaanitti aansuun biyya Awurooppaa baayyee miidhamte taateetti.
Faransaay keessatti ammoo namoonni 91 hanga ammaatti kan du'an yoo ta'u bakkawwan namoonni itti walitti qabaman akka kaaffee, mana nyaataa, manneen siniimaafi suuqiiwwan hedduun cufataniiru.
Xaliyaan ammoo sababii koronaavaayirasiitiin namoota 1,440 kan dhabde yoo ta'y Wixata darbe irraa kaaste guutummaa biyyaatti sochiin tokkollee akka hin jiraanne taasifteetti.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) dhibaa addunyaa hamaa kanaan Awurooppaan yeroo ammaa kana giddu-galeessa taateetti jedheera.

Madda suuraa, Reuters
Kana irraa ka'uudhaan, Daarektarri WHO Dr. Tediroos Adhaanoom lubbuu baraaruudhaaf biyyoonni tarkaanfiiwwan jajjaboo akka sochii ummataa dhorkuufi walitti dhiyeenya hawaasaa hin malle akka fudhataniif gaaftaniiru.
Oduu biraatiin:
- Awustiraaliyaan Dilbata kaleessaa irraa jalqabee namni gara biyya ishee seenu kamiyyu guyyoota 14f adda of baasee turuu akka qabu murteessiteetti. Kun tarkaanfii walfakkaataa Niiwuu Ziilaan fudhattte aanaa kan ta'edha.
- Pirezedaantiin Ameerikaa Doonaal Tiraamp ammoo akka koronaavaayisaiif qoratamuuf gaafatamee booda qoratamuun bilisa ta'uu isaa Waayit Haawus mirkaneesseera.
- Ameerikaan kanaan dura UK irraa kan hafe biyyoonni Awurooppaa gara biyya ishee akka hin seenne dhorkitee turte. Amma ammoo UK fi Ayerlaandiinillee akka biyyya ishee hin seenne dhorkiteetti.
- UK keessatti lakkoofsi namoota du'aa saatii 24 keessatti dachaa ta'uun namoota 21 irra ga'eera. Kana irraa ka'uudhaan saayintistoonni 200 ta'an mootummaan tarkaanfii cimaa akka fudhachuu qabuuf gaafataniiru.
- UK ammoo wanta akka addaatti barbaachisaa ta'e jiraateen ala lammileen ishee akka gara Ispeen hin seenne dhorkiteetti.
- Kanaadaan lammileen ishee biyya alaa jiran osoo yeroon jiruu akka dafanii gara biyyaatti deebi'aniif gaafachaa jirti.
- Chiiliin hojjetoota dooniirra hojjetan 1300 ta'an adda baasuun qofaatti qorataa jirti.
- Isiraa'elitti ammoo Dilbata irraa jalqabe sochiin dinagdee gariin ni cufate, suuqonniifi manneen nyaataa cufataniiru.
- Chaayinaa keessatti, biyya koronaavaayirasiin jalqaba itti mul'atetti lakkoofsi namoota koronaavaayirasii biyya sana keessatti akka haaraatti qabamanii biyya keessaa caalaatti kan biyya biraatii itti seenu ta'uu ibsiteetti.
- Kooriyaa Kibbaa Dilbata irra namoonni haaraa 76 qabamaniiru. Kun erga ji'a tokko darbee asi 100 gadi argamuun isaa.

- Waa'ee koronaavaayirasii gaaffilee keessaniif deebii
- Kallattiin: lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin qabamaniifi du'anii
- Haati warraa MM Kanaadaa koronaavayirasiin qabamte
- Koronaavaayiras dhibee 'addunyaa weerare' jedhamee labsame
- Koronaavaayirasiin hangam yaaddessaadha, akkamiin ofirraa ittisuun danda'ama?
- Mallattoon koronaavaayirasii 'guyyaa shan booda mul'ata'
- Olompikiin Tookiyoo 'waggaa tokko ykn lamaaf achi butamuu mala'
















