Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa koronaavaayirasiin dhibee 'addunyaa weerare' jedhe

Koroonaavaayiras

Madda suuraa, EPA

Koronaavaayirasiin dhibee 'addunyaa weerare' ykn 'pandemic' jedhamee Dhaabbata Fayyaa Addunyaatiin labsame.

Hogganaan WHO Dr Teediroos Adihaanoom lakkoofsi namoota Chaayinaan alatti vaayirasichaan qabamanii torbee lamaan darban dachaa 13'n dabale jedhan.

Saffisa vaayirasichi ittiin babal'ataa jiruun "daran yaadda'uu" himaniiru.

Dhibeen tokko 'pandemic' ykn 'weerara' kan jedhamu al tokkotti addunyaa irratti biyyoota hedduu keessatti yoo tamsa'edha.

Dhibeen kun 'weerara' jedhamuun isaa WHO'n gorsa biyyootni akka raawwatan kennaa ture ni jijjiira jechuu miti jedhan Dr Teediroos.

Koroonaavaayiras
koronaavaayiras

Hogganoonni biyyoota addunyaa "tarkaanfii ariifachiisaa fi jabaa" fudhachuun haala itti vaayirasichi tamsa'aa jiru akka jijjiiran gaafatanii jiru.

"Biyyoonni hedduun vaayirasichi to'atamuu kan danda'u akka ta'e mirkaneessaniiru" jedhan.

"Biyyoota vaayirasichi ariitiin keessatti babal'ataa jiru keessatti gaaffiin ka'u akka biyyoonni kun godhan gochuu ni danda'u osoo hin taane hayyamamoodha?, kan jedhudha."

Mootummoonni fayyaa lammilee isaanii eegu, jiruufi jireenyi idilee lammilee akka hin jeeqamne gochuu fi lubbuu lammileef dhimmamuu gidduutti madaala eegu qabu jedhan.

"Rakkoo kana walumaan keessa jirra, lammilee addunyaa eeguu fi tasgabeessuun waan danda'amudha," jedhan.

Ameerikaa keessatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii 1000 darbeera. Awurooppaa keessatti kuma 15 ol gaheera.

Walumaagalatti amma dura namoonni guutuu addunyaatti vaayirasii kanaan qabaman 122,000 yoo ta'an, namoonni 4370 ol lubbuu dhabaniiru.