Koronaavaayirasii: Ministirri Fayyaa UK Nadinee Dooriis qabamuun mirkanaa'e

Naadinee Dooriis

Namoota UK keessatti koronaavaayirasiitiin qabaman 382 keessa miseensa mana mareefi ministira fayyaa kan taate Nadiis Dooriis tokko ta'uun mirkanaa'eera.

Aadde Nadiis Dooriis miseensa mana maree biyyattii keessaa koronaavaayirasiin qabamuun ishee jalqabaati.

Ministirittiin erga koronaavaayirasiin qabamuun ishee baramee of eeggannoo barbaachisu mara akka gootuufi mana isheetti akka adda baatee jiraattu taasifamteetti.

UK keessatti warra qabaman 382 malee namoonni koronaavayirasiin du'an ja'a qaqqabeera.

Mootummaan biyyattii dhiibbaa koronaavaayirasiin dinagdee biyyattii irratti qaqqabsiisuu mala sodaa jedhuun baajata ramaduu jira jedhameera.

Chaansilar Riishii Sunaak dhaabbatni fayyaa biyyattii NHS tiif yeroo rakkoo hamaa dhibee kanaan qaqqabuu maluu kana keessa "baasii barbaachisu maraaf" ni kennamaaf jechuun waadaa seenaniiru.

Kana birattis, yeroo lakkoofsi namoota qabamanii dabalaa jiru kanatti NHS Ingilaand qorannoo koronaavaayirasii namootaaf gaggeessuuf humna isaa cimsaa jira.

Aadde Naadinee Dooriis akka jettetti Fayyaan Hawwaasaa Ingilaand namoota isheen qunnamteefi walargite duukaa bu'uun hordofuu eegaleera.

Akka Qajeelchi Fayyaa biyyattii jedhutti dubartiin umuriin ishee ganna 62 taate kun hojii ishee narsummaan kan jalqabde yoo taatu waa'ee haadha ishee umuriin wagga 84 yaadda'aa akka jirtullee ni dubbatti.

Mallattoo dhibee kanaa kan of irratti arguu jalqabdes Kamisa darbe irraa ta'uun beekameera. .

Saayintistiin ol-aanaa NHS Pirof. Damee Su'ee Hiil akka jedhanitti tajaajilli fayyaa namoota haaraa qabamuu malaniif tajaajila kennuuf of qopheessaa jira.

"Hospitaalonni guutummaa biyyattiirra jiran, ogeessonni kunuunsa fayyaa hundinuu guutummaatti of qopheessaa jiru jedhameera."