'Intalakoo bakka guddaatti utuun eegu wiilchariirratti najalaa hambisan'

Daraartuun* shamarree ganna 17 yoo taatu Salaale aanaa Kuyyuutti barattuu kutaa 7ffaati.
"Barattuu qaxalee tokkoffaa baatudha" jedhu abbaanshee waa'ee cimina barnoota irratti qabdu yoo ibsan.
Aanaan Kuyyuu aanaalee Godina shawaa kaabaa rakkoo nageenyaa qaban sagal keessaa tokko yoo taatu iddoowwan akkasiitti miidhaan dubartoota irra gahu ammoo irra deddeebii kan qabu.
Aanaa kanatti rakkoo nageenyaa kana daheeffachuun barattoota dubartootaa irratti buttaan irra deddeebiin kan mudate ta'ulleen, kan barattuu kana mudate garuu hiree jireenyashe fulla'iinsaan kan miidhe ta'e.
Abbaan Ishee taatee gaddisiisaa mucaa isaanii mudatee fi haala rakkisaa amma keessa jirtu irratti BBCtti himaniiru.
ALI Amajjii 5, bara 2018 barattuun kuni barnoota waaree boodaatiif hiriyootashee waliin dursitee fuula mana barumsaashee geesseetti.
Balbala mana barumsaa olseenuuf yeroo jettu wanti ishee mudate garuu waan tasuma eegde hin turre.
Barsiisonnii fi barattoonni osoo dhaabbatanii laalanii fuudhanii deeman.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dargaggoonni lakkoofsan torba ta'an meeshaalee akka cuubee fi kaan qabatanii karra mana barumsaa irraa ukkaamsanii fudhatan.
"Intala kiyya nama torba ta'anii mana barumsaa keessaa osoo isheen iyyituu dabtarashee facaasanii fudhatanii deeman barsiisonnis barattoonnis dhaabbatanii laalaa turan" jedhu.
Barattootaafi barsiisota meeshaa qabataniin erga doorsisaniin booda namni ishee baraaruuf duuka bu'e hin turre.
Duuba mana barumsichaa lafa gammoojjii ta'etti erga fudhatanii seenanii dargaggoota ishee ukkaamsan torba kana harkaa bahuuf yaalii gochuu hin dhiisne.
"Erga gara gammoojjii gadi seensisanii dhakaa qabattee hin deemu jettee isaan rakkiste.
''Dhakaa qabattee gadhiisuu dinnaan aaridhaan warra ishee butan keessaa namootni lama harkaa fi mataa qabanii hallayyaarran gadi gatanii" jedhu abbaan ishee miira imimmaanin guutameen.
Dargaggoonni kunneen mucaa ganna 17 butan kana erga hallayyaa irraan darbanii bu'anii yoo ilaalan akkuma nama du'ee waan turteef baala cabsanii irra kaa'anii bakkichaa miliqan.
"Nama bosona keessaa turee fi waan ta'e kana argetu iyyee nus namootas itti waame. Yeroo bira geenyu of hin beektu hafuurumatu keessa jira malee akkuma nama du'eeti" jedhan.
Naannoo kana sababa rakkoo nageenyaatiin tajaajilli geejjibaa waan hin turreef ummatuma naannoo waliin sireedhaan fuudhanii hospitaala kuyyuutin gahuu himu abbaan kun.
"Buqqeen mataa bakka sadii urateera. Dugdishee akkuma jirutti daakameera. Hospitaalli Kuyyuus, Hospitaalli Fiichees humna keenyaa oli jedhanii Finfinneetti nu ergani" jedhu.
Ji'a lama waanin qabu hunda yaalasheetti fixadhe jedhaniis dubbatan.
Shamarreen kuni erga yaalii dabalataatiif Finfinnee dhuftee guyyootaan booda dammaqxee ofbarte. Jioota lamaan darban Hospitaalota Finfinnee adda addaa keessatti yaalamaa jirti.
"Matanshee fayyeefii jira. Garuu digdishee waan daakameef baqaqsanii yaaluu yeroo adda addaa hojjetamuufileen qaamnishee mudhii gadii socho'uu hin danda'u. Wiilchariidhaan sochoosna.
"Ji'a lamaan kana waanan qabu gurguree ishee yaalchisuuttin jira. Hojii qonnaa fi jiruukoo ergan dhiisee hospitaalatti galee ji'a lama caalaan jira.
''Mucaan kiyya wiilcherii irratti najalaa hambisani" jedhu abbaan ishee miira gaddaatiin.
Yaaliin intalasaanii ammalleen kan dhume waan hin taaneef 'qaamni mootummaa fi uummanni osoo nagargaaree intallikoo yaalii fooyya'aa argattee wiilchariirraa buutee barnoota jaalattutti naaf deebiti' jechuunis deeggarsa gaafachuutti jiru.
Abbaan isheee akka jedhanitti, buttaa fi miidhaan hamaan intala isaaniirra gahe kuni dahoo rakkoo nageenyaa naannicha jiruutiin waan ta'eef ''warri carraa intala kiyyaa akkana godhe keessaa hanga ammaa namni tokkolleen too'atamee gaafatame hin jiru" jedhu.
Mana barumsaa Gosee jedhamu kanatti barsiisaa kan ta'anii fi yaaddoo nageenyaaf jecha maqaan isaanii akka hin ibsamne kan gaafatan "Daraartuu* yoo butanii fuudhanii deeman hunduu sodaa waan qabnuuf namni irraa buusuu yaale hin jiru" jedhu.
Yeroo buttaan kuni raawwatamu ijaan arguu kan himan barsiisaan kuni, ''ofii keenyafuu sodaa meeqa keessa taanee hojjenna eenyutu dhaabsisuu yaala?'' Jechuun gaafatu.
"Daraartuu* barattuu qaxalee turte. Balbaluma mana barumsaarra osoo olseenaa jirtuuyi kan butan. Guyyaa sana barattuu keenya kan biraa tokkos butaniiru" jedhu.
Sababa buttaa irra deddeebiin mudachaa jiruun ijoolleen shamarranii baayyeen mana barumsichaatii barnoota adda kutuun manatti hafaa jiraachuus himu barsiisaan kuni.
'Barattoonni 87 buttaa sodaatanii barumsa dhiisan'
Godina shawaa kaabaatti aanaaleen sagal sababa hidhattoonni WBO kan Mootummaan ABO Shanee jedhuunii fi hidhattoota Faannootiin yeroo kanatti manneen barnootaa 96 tajaajila baruu fi barsiisuu adda kutaniiru.
Itti gaafatamaan waajjira barnootaa Godina Shawaa Kaabaa Obbo Gaashuu Akliluu BBCtti akka himanitti, waggoota darban Sababa rakkoo nageenyaatiin manneen barnootaa 200 caalan tajaajilaan ala turuu himan.
Bara kana tattaaffii taasifameen manneen barnootaa kaan hojiitti deebi'anis manneen barnootaa 96 irraa barattoonni kuma 14 caalan ammayyuu dirree barnootaatiin adda bahaniiru.
Buttaan Ijoollee shamarranii rakkoo nageenyaa dahoo godhachuun hammaataa jiru ammoo godina durumaa adeemsa baruu fi barsiisuu gaggeessuuf rakkataa jiru irratti rakkoo dabalataa uumuu himu.
"Shamarran dirqamaan butamanii dirree barnotaa irraa fudhataman jiru. Kanneen butamaniin alatti ammoo gabaasa qabnuun shamarran 87 nibutamna sodaa jedhuun barnoota dhiisaniiru."
"Qe'ee jeneraal Taaddasaa keessatti, bakka ijoolleen shamarranii barachuu qabu jedhamaa jirutti shamarran keenyarra miidhaa guddaatu gahaa jira.
''Tokko yoo butamte warri kaan nisodaatu. Harcaatii barataa guddaa uumaa jira. Shamarran mana keessatti hambisuun miidhaa guddaa geessisaa jira" jedhan.
*Daraartuun maqaa shamarree miidhamteef moggaasnedha. Kunis, nageenya isheef taasifame.












