Butii qalbii haadhaa cabsee maatii diige

Madda suuraa, Getty Images
Daggituu Daaqaamuwaa Naannoo Sidaamaa, Godina Cirrii, Ganda Laalesaa keessatti dhalattee guddatte.
Bara 2004’tti barattuu kutaa saddeettaffaa yemmu turte waraqaa qormaata ministirii suura barbaachisu ka’uuf gara magaalaa ganda isheetti dhiyaatu deemuun akka irra ture ni yaadatti.
Maatii isheef mucaa hangafaa kan taate Daggituun obbolaa dubaraa shan qabdi.
Umurii ganna 13 yeroo turte kanatti Daggituun suuraa ka’uuf jecha gara magaalaa kan deemte hiriyyaashee waliin ture.
Yeroo suura ka’aanii manatti deebi’aan lukaan deemuurra doqdoqqee akka fayyadamaniif hiriyyaan ishee Daggituu gaafatte.
Daandiin doqdoqqeen gara ganda isaaniitti deemuuf fayyadaman daandii biraa fagoo ta’uun isaa isheetti itti hin tolle.
Daggituun galgalaa'aa waan jiruuf gaaffii hiriyyaa isheef tole jettee, lamaanuu doqdoqqee tokkoon yeroo imala isaanii eegalan, duuba isaaniin dargaggoonni hedduun doqdoqqeen yemmuu isaan hordofan agarte.
“Hiriyyaakootiin ‘warri nu hordofan kun eenyu?’ jedhee yemmuun gaafadhu ‘maal si galche’ naan jette,” jechuun haala ture himti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Daggituun hiriyyaan ishee beekaa ishee buchisiisuuf akka yaalaa jirtu yemmu shakkite, doqdoqqee sanarraa utaaltee buute.
Yemmuu utaaltu, dhagaan isheen irratti kufte harka fi miilla ishee waan rukuteef ol ka’uu hin dandeenye.
Namni naannicha jiru yoo dhaga’e na gargaara jettee yaaddee iyya keessaa fuute.
Hiriyyaan nama ishee butuu lafa isheen kuftee rifeensa ishee harkisee ol kaasee yemmuu ishee dhaanu, Daggituun iyya ishee addaan hin kutne.
Qaamoleen nageenya nannicha turaniifi angaa’onni gandichaa isheef birmatan.
Miseensotni bulchiinsaa “sii birmanneerra hin na’iin” yeroo ishee jedhan Daggituun hanga tokko tasgabboofte.
Dargaggoonni ishee butuuf yaalan qaamolee nageenyaan qabamanii, ishiinis angaa’oota kanaa waliin hundi gara buufata poolisiitti geeffaman.
Qaamoleen nageenyaa kun abbaa fi haati Daggituu akka dhufanii ishee fudhataniif itti himame.
Halkan sana maatii ishee utuu eegduu hirribi ishee fudhatee deeme.
Jimaata ganama, dargaggoonni ishee butuuf turan hidhaa keessaa miliquu isaanii qamooleen nageenyaa Daggituutti himan.
Boo’ichaan abbaan ishee dhufee akka fudhatuuf kadhatuunis, ‘dhufaa jiru’ jechuun deebii kennamuun alatti namni ishee fudhatu hin argamne.
Waaree boodarra daraggoonni ishee butuuf yaalan dhufanii akka ishee fudhatan godhani.
Daggituun ammas booyichaan iyya keessaa fuute. Jiraattonni naannichaa dhufanii hoggantoonni gaandichaa maaf kana akka hojjechaa jiran yemmuu gaafatan deebii hin arganne.
Dargaggoonni kun Daggituu humnaan fudhatanii daggala naannicha jiru seenan.
Haati intalli ishee butamuu yemmu dhageessu reefu deessee utuu jirtuu, fiigichaan gara mana bulchitootaa deemtus nama ishee dhaga’u hin arganne.
Dargaggoonni ishee butan kun, poolisii irraas ta’e hoggantoota irraa kan isaan morme waan hin turreef, akka barbaadan Daggituu tuman. Daggala sana keessatti nama ishee buteen gudeedamte.
Haadha ijoollee dubaraa ja’a kan ta’an Aadde Buzunesh Argisoo loowwan muraasa qaban gurguruun, intallikoo fudhatamtee bakka isheen jirtu naaf barbaadaa jechuun iyyata barreessuun himata dhiyeessani.
Qaamoleen nageenyaa garuu haati intala koo naaf barbaadaa jechuun maallaqa doqdoqqeef fayyadamaa jechuun itti kennan fudhachuun, dargaggeessa Daggituu butee daggala keessa jiruun “dhufuuf jenna usi” jechuun odeeffanoo kennaafi akka turan maatiin ni himu.
Dargaggoonni ishee butaniifi kan isa gargaaraa turan darbees daggala keessa turan faana isaanii balleeffatan.
Daggituun “fincaaniif ykn bobbaafillee argaa isaanirra akkan fagaadhuuf naaf hin eeyyaman turan” jetti.
Kanaaf, nyaata isaan fidaniif hin nyaadhu jechuun diduu eegalte.
Haala kanaan dadhabdee utuu jirtu, daggala tokkorra isa biraatti ishee daddabarsaa ji’a lamaaf turan. “Guyyaa tokkotti daggala afur shan yeroo itti geeddarre jira,” jette.
Maaliif mana isaatti si fuudhee hin deemne? Daggala keessa maaliif si tursan? Kan jedhu gaaffii BBC ture.
“Yeroo sanatti harmeen koo himata dhiyeessitee turte. Gara manaatti na fuudhee yoo deeme kallattiin poolisiin to’annoo jala isa oolcha. Kanaafidha.
“Hanga sanatti abbaankoo ani intala koon barbaada jechaa ture. Gabbara dhiyaate hin fudhanne ture. Ani kanan barbaadu intala koo qofa jechaa ture.”
Guyyootii jaatamaaf yemmuu Daggituun daggala keessa turte, jaarsoliin waan ittiin araara gaafatan adda addaa qabatanii mana maatii isheetti deddeebi’aa turan.
Yeroon itti mucaa isaanii dhabanii turan waan dheerachaa deemeef maatiin dhumarratti kennaa araaraa jaarsoliin dhiyeessan tole jedhanii fudhatan.
Abbaan Daggituu fi abbaan dargaggeessa ishee butee araara buusan.
Yeroo kanatti dargaggeessi ishee bute Daggituu daggalaa baasee mana isaatti fudhatee gale.
Yeroo kanatti abdiin isheen qabdu ofiin of dandeessee dhaabbachuu akka ta’e murteessite.
Amala jijjiirratee, nyaata ishee sirnaan nyaachuu fi dargaggeessa ishee bute waliin nagaan odeessuu eegalte.
Kun ammoo sababa isheen nyaata seeraan osoo hin nyaatin ji’a lamaaf turteef dargaggooti kun akka xiyyeeffannoon isaanii hatamu taasise.
Akka isheen tasgabboofte yemmuu argan gara mana haadha isaatti ishee fudhanii deeman.
“Mana harmee isaa kan geenye gara naannoo saatii saddeetitti ture, gara naannoo sa’aatii 12’tti mana fincaaniin deema jedheen gara boroottin qajeele.”
Daggituun kolfitee waan haasa’aa turteef, maatiin isaa gammachuun keessummaa isaanii haasa'aa keessummeessuuf ko’oomanii turan.
Isheen garuu gaa’ela fedhii ishee malee seente kana keessaa ofiin of olchuu akka qabdu murteessite.
Boroo sanaatii gara lukishee ishee geessetti fiigichaan miliqxe.
Safara mana nama ishee butee irraa kaatee hagam akka fiigde hin beektu.
Halkan sana, iyya waraabessaa dhaga’aa daggalaa keessa fiigaa turtee yeroo dadhabdu mukatti ol baate buluuf murteessite.
Akka muka sanarraa hin kufneef, shaashii qabattee turteen damee mukaa tokkotti of hiite.
Ganama itti aanuus, daandii guddaatti ba’uu dhiistee daggaluma keessa gara magaalaatti qajeelte.
Imala guyyaa lamaa booda Godina Cirrii geesse.
“Godina Cirrii keessaa fira qabaadhus gara isaanii deemuu nan sodaadhe. Abbaan koo gabbara waan fudhateef gara namicha na buteetti na deebisu jedheen sodaadhe.”
Abbaanshee maatii nama ishee butee waliin walii galaniis, harmeenkoo garuu ammayyuu na hin gattu jettee yaaduun gara buufata poolisiitti qajeelte.
Bulchaa naannichaa bira yemmuu geessu “Ani daggituun jedhama, butamee yeroon turetti harmeenkoo himata dhiyeessitee turte,” jechuun haala jiru ibsituufis namni dhaga’uun hin turre. Darbaniiyyuu akka dubbii ishee dhagahuu didan himti.
Utuu isheen achi jirtuu dargaggeessi ishee bute, obbolaan isaa, abbaan isaa fi hiriyyoonni isaa waliin gara sana dhufani.
Daggituun qaama iyyata ishee dhaga’uu fi yakkamtoota kana to’annoo jala oolchu hin arganne. Qondaalli nageenyaa tokko “adaraatiin firakee bira si keenya” jechuun fira ishee bira geessun adaraan itti kennani.
Abbaan ishee intalli isaanii magaalicha keessa fira bira akka jirtu yemmu dhaga’an dhufanii deebi’i jechuun dheekkamanii, ishee akeekkachiisani.
Essumootni ishee “dhimmikee dhumeera, gara isaatti deebi’i, maaliif of dadhabsita, kana booda boquu gadi qabachuukeetiim,” jechuun dheekkamani.
Abbaan ishee haati akka himata dhiyeessite kaastuuf waan ishee akeekkachisaniif, harmeen Dagittuu ishee bira dhufte itti boossi.
Daggituun garuu tasa yaada hin geeddaru jette. Eessumni isheen bira turte sababa isheetti maatii fi fira waliin akka wal argineef jaarsoliitiin loogiin irra ga’e.
Ji’a tokko magaalaa kana erga turte booda gara Hawaasaa deemuu akka qabdu murteessite.
Nama kadhattee Hawaasaa deemuun waajjirri Dhimma dubartootaa dhimma ishee akka ilaaluuf iyyata galfatte.
Wajjirri Dhimma Dubartootaa fi Daa’immaniis iyyata ishee dhaga’anii, uffata ishee geeddaranii gara poolisiitti geessuun himata ishee galchani.
Daggituun wiirtuu dubartoota keessa ka’amtee dhimmi ishee hordofamuu eegale.
Bara 2004’tti butamtee kan gudeedamte Daggituun haqa utuu hin argatiin barri haaraa 2005 seene. Bara 2005’tti wiirtuu Talitaa Rise Up jedhamu seente.
Dhaabbatni kun wiirtuu dubartoota naannicha haleellaan saalaa irra ga’eef da’oo ta’uun haqa akka isaan argataniif kan falmudha.
Daggituun tajaajila fayyaa argattee barnoota addaan kuttee turte, kutaa saddeettaffaa irraa akka itti fuftu taasifame.
Ta’us haqa akka argattuuf wajjira dhimma dubartoota waliin ta’uun, hoggantuun dhaabbaticha Aadde Atkilti Jaankaa dhama’aa turanis waggaa dheeraaf milkaa’uu hin dandeenye.
Maatiin dargaggeessa ishee butee maallaqa hedduu baasuun, matta’aa kennuun, darbaniiyyu xalayaa barreessuu fi sodaachisuun haqi akka hin argamneef gufachiisaa akka turan himti.
Dargaggeessi ishee bute kun wiirtuu Dagittuun keessa turtettis xalayaa dorsisaa waan ergeef, Aadde Atkiltii gara Finfinneetti Dagittuu ergan.
Dagittuun erga Finfinnee seentee hariiroon maatii ishee waliin qabdu addaan cite. Xiyyeefannoo ishee barnootarra goote.
Barnoota sadarkaa lammaffaa ishee yemmuu xumurtu, haala maatii ishee yemmuu gaffattu obboleettiin ishee lammataa butamtee gaa’elatti seenuu ishee dhageesse.
Oboleettiinshee isheen sadaffaas akka butamuu dandeessu yemmuu dhageessu dubartii ishee guddiste Aadde Atkiltiitti himte.
Abbaan ishee harmee ishee irratti haadha warraa lammataa fuudhuun ilma godhatani.
Sababa kanaan qabeenyi isaani hundi haadha manaa ishee lammataatti dabarfame.
Harmeen ishee wanta uumame hundaan jeeqamani.
Daggituun eegumsa galmee uummataan eebbifamtee “harmeekoo siin olfadha” jettee yaaduun yemmuu bilbiltu, “harmeenkee sammuun ishee dhukkubsatee halkaniin manaa baate qofaa dandiirra bulti,” jechuun oduun gaddaa itti himame.
Daggituun harmee ishee waldhaansisuuf gara Yirgaalemitti ishee fidde. Obbolaan ishee sadanis achi dhufani.
“Harmeenkoo ana hin beektu, kan odeessitu waan duriidha. Abbaankoo maal akka ishee godhe qofa haasofti. Utuu sireen jiru lafa buutee qucuummattee teesse waan hiika hin qabne odeessiti,” jechuun haala fayyummaa harmee ishee ibsiti.
Daggituun yeroo ammaatti barnoota ishee xumurtee Qabiinsa Galmee Ummataan digirii jalqabaa ishee argattee, dhaabbata ishee guddise keessatti ogeetti herreegaa taatee hojechaa jirti.












