Gaaffii fi yaaddoo butiin intala Hawaasaa Tsaggaa Balaachoo uume

Tibba kana magaalaa Hawaasaa keessatti hojjettuun baankii Tsaggaa Balaachew jedhamtu butamtee torbanii oliif achi buuteen ishee dhabamuun dubbii ijoo ta'ee miidiyaalee hedduun gabaafamaa bahe.
Hedduun suura ishee miidiyaalee hawaasaa gubbaatti qoodanii, Tsaggaan eessa? Haqni Tsaggaaf? jechuun gaafachaa turan.
Waxabajjii 1, 2023 Tsaggaan harka nama ishee bute keessaa baafamuu maatii fi poolisiin himaniiru.
Shamarreen kun torban Kibxata darbee iddoo hojii isheetii baatee dhimma ishee osoo deemtuu, naannoo Aroogee Mannahaariyaa jedhamutti butamte.
Tsaggaan duula poolisiifi deeggarsa uummataan harka warra ishee butee baate.
Butii 'magaalaa jaalalaa', Hawaasaa kessatti
ALI bara 2001 irraa eegalee jiraataa magaalaa Hawaasaa ta'uu kan dubbatu jiraataan maqaan isaa akka hin dhahamne gaafate tokko, dhimmi Tsaggaa gurra miidiyaalee waan bu'eef malee dubartootni butamanii birmannaa dhaban jiruu jedha.
Paarkii Indaastirii Hawaasaa duuba, naannoo daattoo masmar jedhamu dargaggoonni baajaajiifi motoraan shamarree kutaa 12 barattu hordofanii butuuf yeroo yaalan, barattoota ishee cinaa jiraniin baraaramuushee nan beeka jedha.
Shamarreen kun barnoota ishee akka ta'utti hordofuuf waan rakkatteef naannoo jiraattu jijjiiruuf dirqamteetti jedha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Dur akkas hin turre'' kan jedhu namni kun, waggoota lamaan darban yakki akka kanaa dabalaa dhufeera jedha.
''Gandoota naannicha keessa argaman irraa hedduun gara magaalaa dhufaa jiru. Gidduugala magaalaa kireeffatanii jiraachuu waan hin dandeenyeef gara qarqara magaalaa jiraatu. Kunimmoo yakkichi akka baayyatu sababa waan ta'e natti fakkaata.''
Miidhamtootni yakka akka kanaa sababa jaarsummaa jedhuun iyyi isaanii ukkaamfamee hafeera jedha namni kun.
Kutaa magaalaa Tuulaa jedhamu keessa dubartoota lama akkasuma butamanii erga fudhatamanii booda dhimmichi jaarsummaan qabamuu isaatiin akkasuma ulfis uumamuu isaan miidhamtootni gaa'ila itti hin amanne keessa turuuf dirqaman akka beeku dubbate.
Shamarran mana barnootaatii, bakka hojiitii, tasa daandii irraa akkasumas bataskaanaa butaman yeroo jedhamu dhagahuun baratamaa dhufeeras jedha.
Komishiniin Mirga namoomaa Itoophiyaa ALI Onkololessa 2015 ibsa baaseen Hawaasaa fi naannoo isheetti butiifi yakkoonni kaan hammaachaa dhufuu akeekkachiisee ture.
Itti dabaluunis murteen manneen murtiin darban hanga dhumaatti raawwatamuu dhabuu, qorannoon yakkaa erga eegalee ykn himatni erga hundaa'ee booda dhimmicha gidduu jaarsummaan galuun adeemsichi adda cituu taajjabuu ibseera.

Madda suuraa, Getty Images
Hooggantuun waajira Waldaa Dubartoota Ogeeyyii seeraa Itoophiyaa damee Hawaasaa aadde Salaamaawiit Kaasaaye, ''keessumaa yeroo dhiyoo as wantootni akkasii(butii) dabalaa jira'' jetti.
BBC'n bulchiinsa magaalichaa fi waajira dhimma dubartootaa naannichaa irraa butiin hangam takka dabalaa akka jiru ragaa lakkoofsaafi ibsa dabalataa argachuuf yaaliin taasise hin milkoofne.
Ogeettiin seeraa aadde Salaamaawit butamuu Tsaggaa torban lama dura, barattuun Yunivarsiitii Hawaasaa tokko balbaluma Yunivarsiitichaa irraa butamuu ni yaadatti.
''Dhimmichi xiyeeffannoo miidiyaa argachuufi dhiisuudha malee dubartooti hedduun butamanii gara gaa'ila akka galan godhama'' jechuun sababa hojii isheen waan hubatte dubbatti.
Salaamaawiit akka jettutti butiin magaalittii keessatti raawwatu aadaa waliin hariiroo jabaa qaba.
''Seeraan olitti,...marii, jaarsummaa ykn doorsisaan hiikuutu baratame'' jechuun jaarsummaan yakkitootaaf dahoo ta'uu himti.
Magaalaa Hawaasaatti hooggantuu itti aantuu qaajelcha Dhimma Dubartootaa, Daa'immaniifi Dargaggootaa kan ta'an aadde Qiddist Dame magaalittii keessatti butiin ''darbee darbee'' akka mudatu himan.
Salaamaawwit akka jettutti butii kana caalattuu rakkisaa kan taasisu hooggantootnifi qaamoleen nageenyaa keessatti hirmaannaa yoo qabaataniidha.
''Dhimmi dubartoota butiin irratti raawwatamee haala gahaadha jedhamuun nu biira gaheera jedhee hin yaadu. Sababni isaas jaarsummaafi waliigaltee maatiin dubartiin butamte miidhamtus dhimmi ishee akka hin kaane godhamee hafa.''
Hawaasaa fi maatii irraa dhiibbaan yeroo shamarree butamterra gahu dhimmichi jaarsummaan akka dhumu gochuuf dirqamuunis gama dubartoota butamaniin akka mul'atu himteetti.
Namni waggoota 14 darbaniif magaalaa Hawaasaa jiraateefi dhimma butii irratti taajjabbii isaa qoode, gama qaamolee seeraan hordoffiin gahaan dhabamuun dhimmichi gara jaarsummaa akka deemu sababa ta'uu mala jedha.
Kuni ammoo miidhama dubartii butamtee sana boodatti dhiibuun isa buteef hiree kennaa jedha.












