KALLATTIIN, Israa'el Iraan fi Libaanos haleeluu itti fufte, US dooniiwwan Iraan dhootuuwwan awwaalan 16 barbaddeessuu himte

Israa'el akka haaraatti Iraan fi Libaanos haleeluu eegalteetti. Ameerikaan ammoo dooniiwwan Iraan dhootuuwwan galaana keessa awwaalan 16 barbadeessuu ibsite. Iraan gamasheen haleellaa hedduu Israa'el fi wiirtuuwwan humna waraanaa US irratti raawwachuu himte.

Guduunfaa

  • Israa'el haleellaa bifa haaraan Libaanos fi Iraan irratti eegaluu ibsite, Iraan ammoo haleellaawwan hedduu Israa'el fi wiirtuuwwan humna waraanaa US Baha Giddu Galeessaa jiran irratti raawwachuu ibsite
  • US dooniiwwan waraanaa Iraan kanneen dhootuuwwan galaana keessa awwaalan 16 barbadeessuu himte
  • Tiraamp akka Iraan ''dhootuuwwan Ulaa Hormuz keessa hin keenye'' akeekkachiisuu booda US tarkaanfii fudhatte
  • Qondaalli poolisii Iraan namni mootummaarratti mormii dhiheessuu yaadu kamuu ''waan diinni arge arguuf deema'' jechuun akeekkachiiseera
  • MM Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu ''lammiileen Iraan sirna Ayaatollaa ofirraa kuffisuu qabu,'' jedhe
  • Tamsaasa kallattii kanaan duraa
  • Odeessaalee keenya karaa marsariitii, YouTube, Facebook fi WhatsApp keenyaa bal'inaan ni argattu

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Waraana Iraaniin hanga ammaatti loltoonni Ameerikaa 140 ta'an miidhamuun ibsame

    Imbasii US Kuweet jiru irratti haleellaan raawwannan mootummaan Ameerikaa akka lammiileensaa ba'an ajaje

    Madda suuraa, Reuters

    Waraana Iraan guyyaa 12ffaa qabateen loltoonni Ameerikaa Baha Giddugaleessaa keessa jiran 140 ta'an miidhamuu Ministeerri Ittisaa biyyattii ibse.

    Dubbi himaan ministeerichaa Vaan Paarnul ''duulli Operation Epic Fury jedhamu erga jalqabamee lola guyyoota 10f gaggeeffame keessatti miseensonni raayyaa ittisaa 140 ta'an madaa'aniiru,'' jedhe.

    Kanneen keessaa ''miidhaan qaqqabe garri caalu salphaadha'' jedhe humni waraanaa US.

    Loltoota miidhaman keessaa 108 kan ta'an bayyanachuun gara hojii idileetti deebi'aniiru jedhe.

    ''Miseensonni raayyaa ittisaa saddeet guddoo miidhaman. Wal'aansa sadarkaasaa eeggate argachaa jiru,'' jedhe.

  2. Iraan buufataalee humna waraanaa US Baha Giddugaleessaa keessa jiranirratti haleellaa haaraa raawwachuu ibsite

    Ibsi Eegodta Warraaqsa Islaamummaa Iraan X irratti ba'e akka mul'isutti biyyattiin Iraan buufata humna waraanaa US kan Qataar keessatti argamu Udeid, kan Kuweet keessatti argamu Camp Arifjan fi Kan Iraaq jiru Harir misaa'elaan haleelteetti.

    Miidiyaan Iraan ISNA jedhamu ibsa kana qooduun gabaaseera.

    Miidiyaan kun Iraan haleellaa guddaa buufata humna galaanaa US Bahreen jiru Fifth Fleet jedhamu irratti raawwachuu gabaase.

    ''Misoomaawwan bu'uuraa buufata kana hojjechiisuu danda'an maca'aniiru,'' jedha gabaasi miidiyaa kanaa.

    US waa'ee haleellaa kanaa hanga yoonaa hin dubbanne.

  3. Erga waraanni eegalee lammiileen US 40,000 caalan Giddugala Bahaa keessaa ba'aniiru

    Dubbi himaan Ministeera dhimma alaa US akka ibsetti erga waraanni US-Israa'el fi Iraan Guraandhala 28, 2026 eegalee lammiileen US kuma 43 caalan Baha Giddugaleessaa keessaa ba'aniiru.

    Kanneen keessaa kuma 30 kan ta'an karaa gargaarsa ministeerichaa baafamuu hime Toomii Pigot.

    Ameerikaan lammiilee kunneen baasuuf xiyyaarota balalii al-idilee 20 caalan fayyadamteetti.

    Garuu lammiileen Ameerikaa hedduun xiyyaara idileen imaluu waan fedhaniif balalii al-idileetiin hojiin namoota baasuu milkaa'e dhibbeentaa 40 hin caalu jedhe ministeerichi.

    Ammas hojiin balalii al-idileen lammiilee US baasuu itti fufeera. Lammiin Ameerikaa kamuu deeggarsa gaafannaan argachuu danda'a jedhe.

  4. Haleellaawwan Israa'el magaalaa Beeruut irratti raawwatte booda dhohiinsi guddaan wayita mudatu viidiyoo agarsiisu

    Israa'el haleellaa bifa haaraan qiyyaafannoowwan Hezboollaa irratti raawwachuu ibsiteetti.

    Haleellaawwan hedduu magaalaa Beeruut irratti raawwatte booda dhohiinsi guddaan magaaattii keessatti mudateera.

    Viidiyoon dhohiinsa guddaa magaalaa Beeruut agarsiisu kunooti.

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Haleellaawwan Israa'eliin dhohiinsa magaalaa Beeruut keessatti mudate viidiyoo agarsiisu
  5. Iraan haleellaa haaraa eegaluu himte, Israa'el Beeruut fi Iraan irratti haleellaa cimsite

    Haleellaa magaalaa Beerutitti

    Madda suuraa, Getty Images

    Waraanni US-Israa'el fi Iraan guyyaa 12ffaaf itti fufeera. Israa'el akka haaraatti Libaanos fi Iraan irratti haleellaa eegaluu ibsiteetti.

    Iraan ammoo haleellaawwan hedduu Israa'el fi buufataalee waraanaa US Baha Giddugaleessaa keessaa qabdu irratti raawwachuu himte.

    Miidiyaan mootummaa Iraan akka jedhutti haleellaan Iraan halkan edaa raawwatte erga waraanni kun eegalee isa hamaadha.

    Israa'el misaa'eloota Iraan irraa dhukaafaman qolachuu ibsuun, haleellaan kun waan jiraattotaaf yaaddessu akka hin turre himte.

    Sa'uudii Arabiyaan dirooniiwwan lama gara buufata boba'aa isheetti dhukaafaman qolachuu ibsiteetti.

    Biyyattiin misaa'eloota ja'a gara buufata humna waraanaatti dhukaafamanis qolachuu himteetti.

    Teessoo humna galaanaa US Fifth Fleet kan taate Baahireen keessattis sagaleen akeekkachiisaa dhagahamaa ture.

    Gama kaaniin Tiraamp akka Iraan Ulaa Hormuz keessa dhootuuwwan hin awwaalle akeekkachiisuu hordofee US dooniiwwan Iraan kanneen dhootuuwwan awwaalu jedhaman 16 barbadeessuu ibse.

  6. Michoonni Iraan Chaayinaa fi Raashiyaan maaliif waraanaan Iraan hin tumsine?

    Pirezidantii Chaayinaa

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Ameerikaa fi Israa'el biyyootni humna waraanaa fi ittisaa cimaa qabaan wal ta'uun Erga Iraan haleeluu eegalanii guyyootni hedduun lakkaa'amaniiru.

    Biyyootni baha giddu galeessas kallattiin waraanicha keessatti hirmaachuu baatanis haleellaa misaa'elaa fi dirooni Iraan irraa gara isaanitti dhukaafamu qolachuun hirmaataa jiru.

    UK'n Ameerikaa fi Israa'el haleellaa Iraan irratti geggeessaaniif buufataalee qilleensaa ishee akka fayyadaman hayyamte. Biyyootni Awurooppaa biroo heddus Iraan haleeluuf doorsisaa jiru.

    Garuu Iraan hanga yoonaa qofaa ishee lolataa jirti.