''Haleellaa meeshaa jabaa'' Gadaamii keessa raawwateen maaltu ta'e?

Gadaamii Ri'isa Adibaaraat Wataa'ikaa Nagast Atiroonis Maariyaam

Madda suuraa, Mehal Sayint Woreda comm.

Ibsa waa'ee suuraa, Gadaamiin Ri'isa Adibaaraat Wataa'ikaa Nagast Atiroonis Maariyaam Godina Kibba Walloo argama
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Naannoo Amaaraa, Godina Kibba Walloo, Aanaa Mahaal Saayint keessatti Gadaamii argamuurratti ''haleellaa meeshaa waraanaa jabaa'' raawwateen namoonni jaha ajjeefamuufi 20 ol madaa'uu bulchaan Gadaamichaafi kanneen ijaan argan BBC'tti himan.

Haleellaan kuni ALI Guraandhala 28, 2018 Gadaamii Ri'isa Adibaaraat Wataa'ikaa Nagast Atroonis Maariyaam kan jedhamuurratti ganama naannawa sa'aatii sadiitti raawwate jedhame.

Haleellaa kanarratti gama mootummaa ammatti wanti jedhame hin jiru. BBC'n abbaa haleellaa kana raawwate adda baasuu hin dandeenye.

Maddi BBC'n dubbise garuu humnoota mootummaan raawwatuu akka malu akeeku.

Bulchaan gadaamii kanaa Makbib Abbaa G/Igzaaber H/Maariyaam wanti mudate ''haleellaa mortaariidha'' jedhaniiru BBC'tti yoo dubbatan.

Gaafas Qiddaasee booda haleellaa raawwate jedhame kanaan monoksoonni, daaqoonotaafi barataan ajjeefamuus dubbatan.

Haleellaa kanaan abbaan isaanii ajjeefamuu kan BBC'tti dubbatan Marigetaa Simuur ''bataskaana keessaa iyyi gaafa dhagahamu fiigaa deemeen arge.

''Reeffa baay'een arge. Reeffa kaasee maatii isaaniitti kenne,'' jedhaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bulchaan gadaamichaa gama isaaniin kanneen du'an alatti harmeen yaadannoo nama du'eef soorata fudhatanii deeman ''harkaafi miilli isaanii cituu'' akkasumas waardiyyaan gadaamichaa ''ijaafi miila'' isaanii akka dhaban himan.

Dabalataan, namoonni 21 ''qaanqeen meeshaa waraanaa'' isaan madeessuu dubbatan.

Kunneenis, hospitaalota aanicha akkasuma magaalaa Dasee jiran keessatti wal'aanamaa akka jiran himaniiru.

''Amma bataskaanicha kan jiru ana qofaadha. [Dur] tajaajiltoonni 100 gadii hin taane turan,'' kan jedhan Abbaa G/Igzaaber, tajaajiltoonni hafan akka ''baqatan'' fi tajaajiltoonni biroo immoo wal'aansarra akka jiran dubbatan.

Miidhaa namarra dhaqqabeen ala galma bataskaanichaa, qorqorroo bataskaanichaa fi kaan manca'uullee himan.

Jiraataan naannichaa fi maddi BBC'n dubbise haleellaa kanaan kanneen ajjeefaman keessaa tokko abbaa abbaa warraa isaanii ta'uu himan.

''Qiddaasee booda mortaarii Guwaamedaatii gara Atiroonis dhukaafameen lubbuun namoota jaha darbeera.

''[Namoota] 28 irrattimmoo miidhaan jabaa gaheera,'' jedhaniiru.

Haleellaa kanaan namoonni miidhaan irra gahe ''walakkaan harki isaanii citeera, walakkaan miilli citeera, kaan iji isaanii badeera,'' jechuunis himan.

Namoota miidhaan irra gahe keessaa 10 kan ta'an miidhaan irra gahe salphaa ta'uu dubbatan.

Namoonni ajjeefaman miidhaan isaanii jabaa waan tureef ''kuni abaluudha'' jedhuufu rakkisaa akka ture namni ijaan argan kuni dubbatan.

Bulchaan gadaamichaas ''reeffa isaanii qofa qofa hirree funaannee kaafne. Qaama isaanii guutuu hin arganne,'' jedhaniiru.

''Bakka kanatti hidhattoonni jiran meeshaa akkanaa hin qaban, qabaachuus hin danda'an'' kan jedhan namni ijaan argan, haleellaa kana ''humni nageenyaa'' naannicha jiru raawwachuu hin oolle jechuun dubbatu.

Bakkee humnoonni mootummaafi hidhattooti Faannoo jiran kanatti BBC'n abbaa haleellaa raawwatte addatti waan mirkaneeffate hin qabu.

Haleellaa raawwate irratti mootummaa naannichaas ta'e mootummaa federaalaa irraa hanga ammaatti wanti ifatti dubbatame hin jiru.

Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa haleellaa raawwate kanarratti ifatti odeeffannoon kennitees hin jiru.

BBC'n bulchiinsa Godina Walloo Kibbaarraa odeeffachuuf yaaliin taasise aangawoonni bilbila waan hin kaafneef milkaa'uu hin dandeenye.

Akka namni ijaan argan jedhanitti Aanaa Mahaal Saayint jedhamu aanaalee Ajibaar fi Makaana Salaam gidduu waan argamuuf, meeshaan kuni bakkee ''Ajibaarii gad siqee Guwaamedaatii'' dhukaafamuu akka hin oolle dubbatu.

Akka isaan jedhanitti, Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa naannawicha akka jiraniifi humnoonni kuni ''Ajibaarii bahanii gad siqanii ganda baadiyyaa guwaamedaatii yeroo dhukaasan dhuka'e.''

Bulchaan gadaamichaas ''meeshaan waraanichaa kan bu'e Ajibaariiti'' jechuun dubbatan.

Bulchaan gadaamichaa meeshaan sadii dhukaafame jedhan bakka bu'eefi maqaa namoota lubbuun isaaniii darbee BBC'f tarreessaniiru.

Kanneen du'an keessaa owwaalchi namoota sadanii ALI Guraandhala 29, 2018 achuma gadaamicha keessa raawwatameera jedhan.

Haleellaan maaliif akka raawwate ''waan beeknu hin jiru'' kan jedhan bulchaan gadaamichaa, ''meeshaan jabaa dhufee yeroo nu fixu qofa agarre.

''Itoophiyaafi addunyaaf kadhachuufi galata Waaqaa dhiheessuu keenya qofa beekna. Miidhaan nurra gaha jennee wanti yaadnu hin jiru,'' jechuunis himan.

Namni ijaan argan gadaamichi ''bosonaan kan uwwifame waan ta'ef ''bosona keessa hidhattoonni ni jiraatu jedhanii'' humnoonni mootummaa haleellaa raawwatan ta'uu akka malu tilmaamu.

Haleellaan erga raawwateetii naannawa Mahaal Saayint ''walitti aansuun dhukaafamaa ture'' jechuunis dubbatu.

Aanaa Mahaal Saayintitti kana duras (ALI Sadaasa 30, 2016) haleellaa diroonii raawwateen namoonni baay'ee ajjeefamuu maddeen yeroos BBC'n dubbise himaniiru.

Naannoo Amaaraatti humnoota mootummaafi hidhattoota Faannoo gidduu walitti bu'iinsi eegale ammallee itti fufee jira.

Walitti bu'iinsa kanaan lammiilee nagaarratti badiin raawwatuu dhaabbileen mirgaa kana dura irra deddeebiin ibsaniiru.

Bakkeewwan amantaatti haleellaan akkanaa yeroo raawwatu garuu hammana dhagahamee hin beeku.