Dhimma ajjeechaa abboota Mana amantaa Ortodoksii Horroo Guduruu maal beekna?

Maatiin namoota ajjeefaman reeffa isaanii akka hin fudhanne BBC'n odeeffateera

Madda suuraa, EOTC

Ibsa waa'ee suuraa, Luba Dassaaleny Namoomsaa [bitaa] fi Ergamaa Edoom Qasiis [Luba] Dhugumaa Dhufaa

Gaggeessitoonni Mana-amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa kutaa lallaba Horroo Guduruu Wallaggaa ayyaana waggaa kan Maariyaamii Tsiyoon kabajuuf A.L.I Sadaasa 21 bara 2018 Shaambuurraa gara Haratoo kan imalan.

Haratoon magaalaa bulchiinsa Aanaa Jimmaa Gannatii yeroo taatu, daandii Shaamburraa gara Finfinnee geessurra fageenya 27km irratti argamti.

Sagantaa kanaaf hoji-gaggeessaa kutaa lallaba Horroo Guduruu Wallaggaa Ergamaa Edoom Qasiis [Luba] Dhugumaa Dhufaa dabalatee abboonni amantaa, faarfattoonniifi namootni biroos imala kana keessa turan.

Sagantaan Bataskaana Maaramii Haratoo akkuma xumurameen abbootni amantaa kunneen yeroo konkolaataa tokkoon gara magaalaa Shaambuutti deebi'aa turan hidhattootaan kan dhaabsifaman.

"Aanaa Jimmaa Gannatiitti guyyaa kabaja haadha keenya qulqulleettii Maaramiitu ture. Achiirraa sagantaa xumurree osoo deebi'aa jirruu guyyaa naannoo sa'aatii sagalii qaamolee hidhataniin karaatti dhaabsifamne," jedhan namni isaan keessaa BBCn dubbise tokko.

"Konkolaataa sanarra namoota 20 turre. Namoota 20 kana keessaa 10 fudhatanii gara gaaratti olbaasan. Warri kaan boqqoolloo keessa faca'ee jalaa bahe," jechuun waan tahe dubba.

'Hidhattoonni maqaa namoota barbaadanii galmeerraa waamaa turan'

Akka namni kun jedhanitti hidhattoonni namoota kabaja ayyaanaarraa deebi'an kana dhiheenya seensa Magaalaa Shaambuutti karaa cufanii dhaabsisan.

Meeshaalee akka isnaayiparii hidhatanii turuus himu lubni BBCn dubbise kun.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ergasii namoota kudhan gara gaaraatti baasan keessaa hoji-gaggeessaa kutaa lallaba Horroo Guduruu Wallaggaa, gaggeesitoota kutaa lallabichaa biroo, ijoollee faarfattoota kan of keessaa qabu akka tures himu.

"Gaaratti olbaasanii maqaa waaman. Maqaa tokko tokkoon erga waamanii ijoollee kaan maqaan isaanii keessa waan hin jirreef 'isin hin barbaadamtanii galaa' jedhanii gadhiisan".

"Hoji-gaggeessaa kutaa lallaba Horroo Guduruu, Luba Dhugumaa Dhufaa, Luba Qanaasaa Giddiisaa, Luba Dassaaleny Namoomsaa fi Faarfataa Baabush kan jedhamu namoota afur keessaa foo'anii fudhatanii deemani" jedhu.

Hidhattoonni badii kanaaf himataman hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoodha.

Hidhattoota kana paarlaamaan Itoophiyaa tarree shororkeessummaa jala kaa'eera. Ammatti gama hidhattoota kanaan wanti jedhame hin jiru.

Himannaawwan kana dura ture garuu gocha akkasii raawwachuu ni waakkatu.

Gaggeesitootaa fi hojjettoota kutaa lallaba Horroo Guduruu Wallaggaa afran hidhattootaan fudhataman kunneen keessaa namootni lama turtii torbee lamaa booda gadhiifaman.

ALI Muddee 3, bara 2018 gaaffii fi hordoffii taasifameen Hoji-gaggeessaan kutaa lallaba Horoo Guduruu Wallaggaa Ergamaa Edoom Qeesis [Luba] Dhugumaa Dhufaa fi Luba Dassaaleny Namoomsaa ajjeefamuu odeeffannoon ergame jedhan namni kun.

"Namoota lamaan Jimaata gara galgalaa gadhiisan. Jara lamaan hafemmoo gaafa Sambata xiqqaa du'aniiru kan jedhu ergaan dhufe," jechuun himan.

Ajjeefamuun gaggeesitoota Mana-amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa kutaa lallaba Horroo Guduruu Wallaggaa kun erga dhagahameen booda bataskaanatti sirni boo'ichaa raawwatamuufis himan.

Gaggeesitoonni mana amantaa ajjeefaman lamaanuu dhalattootuma naannichaati.

Maatiin isaanii reeffa argachuuf yaalii taasisanis sababa 'reeffa argachuu hin dandeessan' jedhuun hanga ammaatti maatiin sirna awwaalcha isaanii hin raawwatamne.

Kutaa lallaba Horroo Guduruu Wallagaa keessa kan hojjetanii fi nageenya isaaniif maqaa kiyya hin ibsinaa kan jedhan Lubni biraa, ajjeechaan kuni qindaa'ee kan raawwatame malee akeeka hidhattootaan kan ta'e miti yaada jedhu qabu.

"Erga qabamanii firoonni isaanii nuuf gadhiisaa jedhanii gara hidhattootaatti bibilbilaa turan. Gadhiisuu miti reeffayyuu hin laannu jedhan. Warri waan kana qindeesse magaalaa taa'eeti" yaada jedhu qabu.

Abuuna Maatiyaas, Paatiriyaarkii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa ajjeechaa hordoftootaa isheerratti irra deddeebiin raawwatamu balaaleeffachaa turte

Mana-amantaa Ortodoksii kutaa lallaba Horroo Guduruu Wallaggaa keessa sababa 'Sinodosii Oromiyaa warra deeggaruu fi warra mormu' jedhuun dhibdeen garee turuu himu lubni kuni.

Ukkaamsuu fi ajjeechaan gaggeessitoota amantaa kunneen irratti raawwatamees falmiin garee lamaanii hammaatee sadarkaa kanarraan kan gahe yaada jedhu qabu.

BBC'n dhimma kana addatti waan mirkaneeffate hin qabu.

Uggura hidhattootaa kana harkaa kan bahan lubni biraa kana ni dhugoomsu.

"Jarri kuni namoota siyaasaa miti. Warra nagaa araara labsu. Hidhattoota waliin waan walitti isaan fidu hin qaban.

''Hidhattoonni namoota kana qaban eenyutu kami kan jedhuyyuu waliisaa hin beekan. Maqaa waamanii adda baafachaa turan," jedhu.

Kanaanis, abboota kanarratti shirri qindaa'e akka jiruu fi maqaan galmeeffamee adda baafamee kan kennameefi jechuun ibsu.

Himanni hidhattootaan abboota kanarratti kaasan 'Afaan Oromoo gadi qabdanii Amaariffa leellistu' kan jedhu tahuu namootni BBCn dubbise kunneen.

Luboonni dubbisne kunneen garuu 'abbootni ajjeefaman lamaanuu sabummaanis Oromoodha, warra naannuma kanatti dhalatanii uummata isaanii tajaajilaa turani" jechuun ibsu.

Hoji-gaggeessaa olaanaan Kutaa Lallaba Horroo Guduruu Wallaggaa Ergamaa Edoom Qeesis Dhugumaa Dhufaa, qabeenyi mana amantichaa akka hin qisaasamne amanamummaan hojjetaa nama turani jechuun ibsu miiltoowwan hojii isaanii kunneen.

Ajjeechaa abboota amantaa kana hordofee namootni magaalarraa waan kana keessatti qooda qabaachuu malu jedhamanii shakkaman to'atamuus odeeffachuu himu maddeen kunneen.

Luboonni BBC'n dubbise lameen garuu ajjeechaan abboota kanaa 'ta'e jedhee kan qindaa'e' waan ta'eef mootummaan waan kana qulqulleessuun haqa akka baasuuf gaafatu.

Waa'ee ajjeechaa maaltu jedhame?

Ajjeechaa kanarratti ammatti gama aangawoota mootummaa wanti jedhame hin jiru. BBC'n dubbisuu yaalees hin milkoofne.

Haata'u malee, Waajirri Kominikeeshinii magaalaa Shaambuu fuula Facebook isaarratti gadda ibseera.

Ibsa isaarratti dureewwan amantaan lamaan alatti hojjetaan Waajjira Nagaafi Milishaa Bulchiinsa Magaalaa Shaambuu Obbo Abarraa Olaanii bakka biraatti ajjeefamuullee ibse.

Kunneen bakka ''adda addaatti qaama hidhatanii bosona socho'aniin butamanii wareegamuu isaanitti Bulchiinsi Magaalaa Shaambuu gadda itti dhagahame ibsa," jechuun ibseera.

Waa'ee ajjeechaa gaggeesitoota Amantaa kutaa lallaba Biyya Horroo Guduruu irratti hidhattootaan raawwatame jedhame kanarratti Mana-amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa irraa ibsi kenname hin jiru.

Haa ta'u malee, miidiyaan bataskaanattii ajjeechaa kanaa yeroo gabaaasu kanneen badiin himate ''hidhattoota seeraan ala'' jechuun ibse.

Phaaphaasiin kutaa lallaba Harargee Bahaa, Wallagga Bahaafi Horro Guduruu Wallaggaa Qul. Abuuna Niqoodimos ergaa miidiyaa hawaasaarratti baasaniin gadda isaanii ibsaniiru.

Ibsa isaaniin, ''ji'a torba guutuu miindaa malee hojjettanii...mana Kiristaanaaf mana bittanii ufiif garuu goodaa keessatti kuftanii haftan'' jechuun ibsan.

Ajjeechaan kuni ajjeechaa irra deddeebbiin manni Kiristaanaa hordoftoota kiyyarratti raawwate jette ibsaa yeroo jirtutti mudate.

Baatii Onkololeessa keessa Naannoo Oromiyaa Godina Arsii bakkee garagaraatti haleellaawwan torban tokko keessatti raawwateen daa'imman dabalatee ''namoonni 25'' ajjeefamuu maatiifi dureewwan Bataskaana Ortodoksii Itoophiyaa himanii turan.