Waa'ee haleellaa Godina Arsii tibbanaa lubbuu galaafate maal beekna?

Owwaalcha jumlaa

Madda suuraa, Mahibere Kidusan Broadcast Service

Ibsa waa'ee suuraa, Aanaa Honqoloo Waabeetti haleellaa raawwateen namoonni shan ajjeefamuu BBC'n odeeffateera

Naannoo Oromiyaa Godina Arsii bakkee garagaraatti haleellaawwan torban tokko keessatti raawwateen daa'imman dabalatee ''namoonni 25'' ajjeefamuu maatiifi dureewwan Bataskaana Ortodoksii Itoophiyaa himan.

Kanneen ajjeefaman mana keessaa hidhattootaan fudhamanii ajjeefamuu, miseensa maatii tokko kan ta'an akka jiraniifi owwaalchis jumlaan raawwatuu himani.

BBC'n aangawoota Godina Arsiifi aanaalee haleellaan dhaqqabe jedhamanitti bilbiluun iyyaafataa ture.

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa gama isaan waa'ee haleellaa kanaa ''odeeffannoo walitti qabaa'' akka jiru qondaalli komishinichaa BBC'tti himaniiru.

Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa ibsa Roobii galgala baasteen Godina Arsiitti baatii Onkololeessa qofa ''namoonni 25 ol'' ajjeefamuu beeksisteetti.

Miseensi maatii fi dureewwan bataskaanaa BBC'n dubbise namoonni haleellaan irratti raawwate ''sababa amantii isaaniin irratti xiyyeeffatameera'' amantaa jedhu qabu.

Teessoo Paatiriyaarkii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaarra kan dubbisne Malaaka Hiwoot Qomoos Abbaa Waldee Seefuu Galataa ''kuni yakka guddaadha'' jedhan.

''Warri amma boqotan kuni warra siyaasa keessa hin jirre, warra jireenya ofii jiraatu,'' jechuun ibsanii ajjeechaan irra deddeebi'uufi ummataaf eegumsi akka taasifamu gaafatan.

''Nuyi amantaadha. Akka amantaatti gara Waaqayyootti iyyuu, gara Waaqayyoo kadhannaa dhiheessuudha malee humna biraa hin qabnu.

''Poolisa hin qabnu, raayyaa ittisaa hin qabnu wanti nu qabnu yoo jiraate kadhannaa qofaadha.''

Maaltu ta'e?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Godina Arsii keessatti haleellaan akkanaa kana duras gabaafamaa kan ture yoo ta'u isa tibbanaan suuraan haleellicha ibsan jedhaman qoodamaa turan.

Haleellaa jalqabaa torban darbe guyyaa Roobiifi Kamisaa raawwateen namoota ajjeefaman keessaa ''saddeet miseensa maatii tokko'' akka ta'an maddeen sadii BBC'tti himaniiru.

Dureen mana amantichaa biroon immoo bakkee ''Abbaa Jamaa'' jedhamutti haleellaa raawwateen walumaagala ''namoonni 17'' ajjeefamuu ibsan.

Godina Arsii Aanaa Shirkaatti haleellaan kan raawwate ALI Onkololeessa 17, 2018 halkan akka ta'eefi ''namoonni sadii'' ajjeefamuu dureen bataskaanichaa tokko hubachiisaniiru.

Bulee isaa halkan sa'aatii shan irrattimmoo aanaa Godina Arsii biroo, Honqoloo Waabeetti haleellaan sadaffaa raawwatuu maddeen lama dubbataniiru.

Haleellaa kanaan ''namoonni shan'' ajjeefamuu dureen bataskaana aanichaa tokko kan himan yoo ta'u, kanneen du'an ''miseensa maatii tokko'' ta'u isaanii ibsaniiru.

''Miseensa maatii tokko daa'imman dubartoota lamaafi dhiirota sadii manaa baasanii ajjeesan,'' jedhan.

Namni tokko immoo butamee akka fudhatameefi hanga yoonaa bakki jiru akka hin beekamne ibsaniiru.

'Miseensa maatii saddeet ajjeefaman'

Aanaa jalqaba haleellaan keessatti raawwate Gunaatti namoonni ajjeefaman 14 ta'uufi bakkee tokko kan jiraataniifi firooma kan qaban ta'uu maddeen afur BBC'tti himaniiru.

Maatiifi dureewwan mana amantaa tarree maqaa namoota kanneeni qoodaniiru. Maqaan kuni kan BBC'n maddeenirraa walitti qabeen wal fakkaata.

Miseensonni maatii lama BBC'n dubbise daa'imman waggaa afuriifi saddeet haleellaa kanaan miidhaan guddaa irra gahee wal'aansisaa jiranidha.

Maddi tokko obboleettiin isaa akka ajjeefamte dubbateera.

Kaan immoo harmeen isaa, obbolaa lakkuu lama umriin isaanii sagal ta'an, akkasumas obboleettii isaa tokko dabalatee miseensi maatii isaa saddeet ajjeefamuu hime.

Haati warraa obboleessa isaafi shamarreen ganna 16 illee ajjeefamuu dubbate.

Kanneen ajjeefaman keessaa haati warraa eessuma isaafi ol adeemaa ganna 12 mana isaanii jiraataa tures akka jiru BBC'tti hime.

Akka maddeen jedhanitti, Roobii guyyaa sa'aatii sagal irrratti haleellaan jalqabaa kan raawwate miseensota maatii jahaa guyyaa ''Qul. Mikaa'elii'' kabajuuf manatti walitti qabaman irrattidha.

Namoonni kuni ''gara bosonaa'' erga geeffaman booda ajjeefamuu hime miseensi maatii gaddarra jiruufi BBC'n dubbise.

Namoota gaddarra jiran

Madda suuraa, Mahibere Kidusan Broadcast Service

Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaa Aanaa Shirkaatti raawwateen namoonni sadii ajjeefamuu ibsameera

Haleellaa kanaan kan yaadda'an miseensonni maatii sagal osoo mana tokko keessa walitti qabamanii jiranii hidhattooti dhufuun isaaniifi ollaatii nama tokko fudhatanii deeman jedhan maddeen lama.

Kanneenis, bakka ''Tara Alii'' jedhamutti saddeet keessaa ajjeesuun daa'imman lama lubbuun ooluu himu.

Miseensonni maatii BBC'n dubbise maqaa namoota ajjeefaman jedhan kan ijoolleefi maatii tarreessaniiru.

Daa'imman lubbuun oolan kan argaman bulee isaa ganama sa'aatii tokkotti jiraattota ''poolisii waliin'' lafa ajjeechaan raawwate deemaniini.

Daa'imman lamaan magaalaa Adaamaa hospitaala duratti ''Haayilamaariyaam Maammoo'' jedhamu kan amma Hospitaala Adaamaa jedhamutti geeffamuullee maaatiin himaniiru.

Maatiin suuraa miidhaa daa'imman irra gahe jedhan BBC'f kan qoodan yoo ta'u, suuraawwan kuni daa'ima ganna saddeet irratti mataafi harka isheerra miidhaa irra gahe agarsiisu.

Daa'imni waggaa afur immoo buusaa harka isaafi miila isaa irratti miidhaan akka irra gahe miseensi maatii ibsaniiru.

Keessumaa daa'imi kuni miidhaan lafee miila isaarra gahe olaanaa ta'u isaa ibsuun Hospitaala Kiristaanaa Walaayittaa Soddoo tajaajilli akkanaa kennamutti geeffamuu ibsaniiru.

Nami miseensi maatii isaa saddeet ajjeefamuu BBC'tti hime tokko, aanichatti imalee harmee, obboleettiifi obbolaa isaa owwaaluu akka hin dandeenye dubbata.

''Akka hin dhufne'' jedhamuufi ''lubbuu keenyaaf sodaanne. Nami itti gaafatamummaa fudhatu waan hin jirreef deemneellee owwaaluu hin dandeenye'' hime.

Namoota gaddarra jiran

Madda suuraa, Mahibere Kidusan Broadcast Service

Ibsa waa'ee suuraa, Manni Kiristaanaa Ortodoksii Itoophiyaa ibsa baasteen Onkololeessa keessa qofa ''namoonni 25 ol'' ajjeefamuu himte

Miseensa maatii isaa saddeet keessaa jaha bakka tokko, haati fi niitiin eessuma isaa immoo bataskaana birootti owwaalamu dubbate.

Abbaan isaas baatii jaha dura hidhattootaan erga fudhataman booda haala wal fakkaataan ajjeefamuu hima.

Yeroos abbaa isaa dabalatee namoota butaman saddeet gadhiisisuuf tokkoon tokko isaaniif birriin 500,000 kaffalamuufi abbaan isaa erga gadhiifaman booda reebicha isaan qunnameen guyyoota sadii booda lubbuun isaanii darrbuu dubbatu.

''Abdii homaatuu hin qabu,'' jechuun haqas ta'e deebi'ee qe'eetti jiraachuuf abdiin qaban xiqqaachuu himu.

Bakkichatti haleellaan akkanaa irra deddeebiin raawwachuu isaanii akka fakkeenyaatti eeru.

Haleellaa jalqabaa booda qondaaloti aanaa Gunaa bakkichatti imalanii hidhattoota irratti ''tarkaanfii'' fudhachuu isaanii gabaasi akka isaan bira gahe dureen olaanaa bataskaanattii BBC'tti himaniiru.

Aangawoonni maal jedhan?

Haleellaa kanarratti hanga yoonaa ifatti gama mootummaa Naannoo Oromiyaa wanti jedhame hin jiru.

BBC'n dhimma kana qondaalota irraa odeeffachuuf yaalii taasisaa tureera.

Qondaalli Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa Obbo Badhaasaa Lammeessaan eeruun isaan bira gahuu himan.

''Odeeffannoo arganneerra hordofaadhuma jirra. Raga jalqabaa fageenyarra teenyee funaanaa jirra. …qulqulleessuuf yaalaa jirra dhimmichi akkamitti akka ilaalamuu qabu,'' jechuun himan.

Bulchaan Aanaa Honqoloo Waabee Obbo Hasan Mohaammad waa'ee haleellaa raawwate gaafatamanii ''qulqulleeffannee odeeffannoo gaha ni kennina'' jedhaniiru.

Dhimmuma kana kan gaafataman bulchaan Godina Arsii Obbo Ibraahim Kadir gama isaaniin ''sobadha'' jechuun haleellaa raawwatan jedhaman waakkataniiru.

BBC'n maddeen gara garaarraa akka odeeffateetti Godina Arsiitti marii nageenyaa ummati irratti hirmaate irratti yaaddoon kuni dhihaataa jira.