Arsii Lixaatti tajaajiltoonni Ortodoksii maatii waliin hidhattootaan ajjeefaman

Haleellaa tibbanaan lubiifi daaqoniin maatii isaanii waliin Dodolaatti ajjeefamuu BBC'n dureewwan amantaarraa odeeffateera
Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaa tibbanaan lubiifi daaqoniin maatii isaanii waliin Dodolaatti ajjeefamuu BBC'n dureewwan amantaarraa odeeffateera

Haleellaa Godina Arsiitti qaamoleen hidhatan tajaajiltoota Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa lamaafi maatii isaanii shan irratti raawwataniin ajjeefamuu BBC’n odeeffate.

BBC'n dureewwan amantaa, maatii, jiraattotaafi mootummaarraa akka mirkaneeffateetti Dodolaatti tajaajiltoonni maatii waliin ajjeefamaniiru.

Haleellaa irra-deddeebiin Naannoo Oromiyaa godinoota Arsii Lixaafi Arsiitti raawwataa jiraniin baayyeen ajjeefamuu dureewwan mana amantichaa himaniiru.

Ajjeechaan Godina Arsii Lixaa Aanaa Dodolaatti jalqaba torban kana raawwateen kan miidhaman tajaajiltoota Bataskaana Qul. G/Kiristoosiifi maatii isaanii guutuudha.

Ajjeechaan kun ALI Wiixata Bitootessa 16, 2016 galgala naannawaa sa'aatii sadiitti raawwate.

Kanaanis, lubaafi daaqoniin maatii isaanii shan waliin walumaagala namoonni torba ajjeefamaniiru.

Mana Lubummaa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaarra kan dubbisne Abuuna Yoosef, ajjeechaa raawwate akka quba qaban himaniiru.

Haata’u malee, odeeffannoo bal’aa akka hin qabne BBC’tti dubbatan.

Qondaalli Magaalaa Dodolaa BBC’n dubbise ajjeechaan raawwatuu mirkaneessan. ''Miseensa maatii tokko keessaa namni afur kan du’e jira, sadii kan du’e jira, tokko kan du’e jira,'' jedhan.

Obbo Amaan Daabee akka jedhanitti ''Namoonni ajjeefaman bulchiinsa magaalaa keessatti nama torba, aanaa Dodolaa baadiyarrattimmoo nama afuri. Waliigala nama 11.''

Kanneen ajjeefaman tajaajiltoota Bataskaana Ortodoksii ta’uu gaafatamanii ''Namootni du’an namoota amantii gaggeessani. Barsiisaan amantii jira, barsiistuun amantii jirti,'' jedhan.

Dabaluunis, hordoftoonni amantii biraa, Pirotestaantis, akka jiran himan. Lakkoofsaan garuu hin ibsine.

Ajjeechaa kanaaf ‘’Humna ABO Shaneefi finxaaleyyiin biraallee keessa jiru jennee shakkina,’’ jechuun himan.

‘’Rasaasni akka ummanni yaa’ee birmachuu hin dandeenye sammuu namaarratti kan dhukaafame,’’ kan jedhan qondaalli kuni ummata sabaafi amantiin walitti buusuuf ‘’itti yaadame’’ dalagame jedhan.

Hidhattooti Waraana Bilisummaa Oromoo himannaa irratti dhihaaterratti waan jedhan hin qaban. Himannaan yoo irratti ka'u kuni yeroo duraaf miti.

Ajjeechaa Shirkaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kanaan alas Dilbata ALI Bitootessa 15, 2016 maanguddoon ganna 80 fi dubartiin biroo Arsii Bahaa keessa haala sukaneessaan ajjeefamuu abbaan amantii sababa yaaddoo nageenyaan maqaan isaanii hin dhahamne gaafatan BBC’tti himaniiru.

Abbaan amantii kun akka jedhanitti, hidhattooti dargaggeettii haadha ijoollee taate erga ajjeesan booda abbaa warraafi mucaashee butanii fudhataniiru.

Ajjeechaa haadholii lamaan dura Bataskaana Maalincoo Godina Arsii Bahaa Aanaa Shirkaatti argamuurratti saamichi raawwatee ture jechuun himaniiru.

Haleellaa kana hordofee hawaasi yaaddoo keessa seenuufi kaanillee baqachuu himan.

Akka lubi mana amantaa BBC’n dubbise jedhanitti, haleellaa mana Kiristaanaafi hordoftoota irratti xiyyeeffate jedhan kanaan ALI Bara 2016 keessa qofa namoonni 80 ol ajjeefamaniiru.

Torban lama dura ALI Bitootessa 08, 2016 lubi tokko haadha warraa isaanii waliin godinuma kana bakka Shifoo jedhamutti ajjeefamuu maddi mana amantichaa BBC’tti himaniiru.

‘’Haleellaawwan kunneen yeroo ilaallu bataskaanaa, tajaajiltootaafi hordoftootarratti kan xiyyeeffatanidha,’’ jechuun xiyyeeffannoo haleellaa kanneenii himan.

Haleellaa duuba eenyutu jira?

Godinoota Arsiitti haleellaa irra-deddeebiin rawwataa jiru ilaalchisee eenyu akka raawwate ifatti akka hin beekne luboonniifi tajaajiloonni ni himu.

Qaamoleen mootummaa garuu hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo kan ‘Shanee’ jedhan himatu.

‘’Rakkinichi kan bubbule waan ta’ef humnooti mootummaa homaa gochuu hin dandeenye. Kanneen haleellaa raawwatan mootummaan Shaneedha jedha.

‘’Nutimmoo kanadha jechuuf ragaa homaayyuu hin qabnu,’’ jechuun dureen amantaa BBC’n dubbise dubbataniiru.

Haleellaan Godina Arsiitti yeroo dhaqqabu kun yeroo jalqabaaf miti.

Jalqaba waggaa kanaallee xumura baatii Sadaasaatti hordoftoonni mana amantichaa 36 ajjeefamuu Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo ibsiteetti.

Haleellaa Aanaa Shirkaa mana Kiristaanaafi hordoftootarratti xiyyeeffatedha jette manni Kiristaanaa ibsite kanaan qabeenyillee manca’uu beeksisteetti.

Kanneen ajjeefaman keessaa walakkaan kan maatii tokkoo ta'uu qonnaan bultooti BBC'n yeroos dubbise himanii turan.

Yeroos Dubbii Himaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa ajjeechaa kana mirkaneessuun haleellaa kana hidhattoota ‘Shaneetu’ raawwate jechuun himatan.

Hidhattooti humnoota mootummaa lolaa jiraniifi namoota ugguruun irra-deddeebiin himataman kuni waa'ee ajjeechaa kanaa waan dubbatan hin qaban.

Guraandhala keessammoo Godina Shawaa Bahaatti abbootiin amantaa afur Gadaamii Abuna Gabra Manfas Qiddus (Gadaamii Cuqqaalaa) keessaa butamanii ajjeefamaniiru.

Ajjeechaa kanaafis hidhattoota WBO kan mootummaan ‘Shanee’ jedhutu himatame. Ibsa hidhattooti kuni baasaniin garuu waakkatan.

Ameerikaan ajjeechaa kana balaaleeffachuun ishee ni yaadatama.