Bataskaanni Ortodoksii Itoophiyaa ajjeechaa 'amantoota 36' Shirkaatti raawwate balaaleeffatte

Madda suuraa, Getty Images
Haleellaa Godina Arsii Aanaa Shirkaatti jalqaba torban kana dabalatee tibbana itti fufinsaan raawwataa tureen hordoftoonnishee 36 ajjeefamuu Bataskaanni Ortodoksii Itoophiyaa himte.
Bataskaanittiin ibsa Mudde 4 bara 2023 baasteen haleellaan aanaa Shirkaatti qaamolee hidhataniin raawwate amantaa irratti kan xiyyeeffatedha jetteetti.
Ajjeechaa kanaan ''baay’ee gadduu'' kan ibsite yoo ta’u dhimmicha qaamolee mootummaa isaan ilaallatu waliin akka hordoftu ibsiteetti.
Garuu qaamota haleellicha raawwatan kanneen ''dukkana dahoo godhatan'' jechuun alatti ifatti hin ibsine.
Jiraattonni gandoota garagaraa Aanaa Shirkaadhaa BBC'n dubbise lakkoofsa amantoota qaamolee hidhataniin ajjeefamanii 40 ol ta'u himan.
‘’Yeroo darbe ganda tokkotti 17, ganda biraa 11, ammas ganda biraatti 8, har’ammoo [Wiixata] nama shan. Yeroo torban lama hin guunne keessatti nama gara 41’tu ajjeefame,’’ jedhan lubi owwaalcha raawwachiisan.
‘’Daa’imi umriin torban jahaa, kan bulti 25 fa’i, akkasumas deessuunis kanneen ajjeefaman keessa jirti. Baay’ee gaddisiisaadha,’’ jechuun dubbatan.
Haleellaa mariin nagaa mootummaafi WBO fashaluu booda hammaatuu ibsame kanaan qabeenyis manca’uufi kan hafanis qe’eerraa buqqa’uufi yaaddoo keessa seenuu himaniiru.
Haa ta’u malee, eenyummaa namoota ajjeechaa kana raawwatanis ta’e sababa isaanirratti raawwateef akka hin beekne kanneen lubbuun hafan BBC’tti himaniiru.
Aangawaan mootummaa Naannoo Oromiyaa Shirkaatti namoonni ''baay’ee'' ajjeefamuu mirkaneessaniiru. Badii raawwateefis hidhattoota WBO himatan.
Dubbii Himaan hidhattootaa miidiyaatti dubbatan garuu harka keessaa akka hinqabne himan.
Maaltu mudate?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ajjeechaan kuni ALI Sadaasa bultii 13 fi 17, 2016 gandoota Aanaa Shirkaa Xijjoo Labuu, Solee Digaluufi kaanitti raawwate.
Lubi Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa nageenya isaaniif maqaa isaanii dhoksine owwaalcha namoota shanii Wiixata raawwaterraa deebi’aa akka jiran himan.
‘’Ni tasgabbaa’a jennee eegaa turre…. Dhumaa jirra malee wanti biraa jennu hinqabnu. Walitti qabaniiti ajjeesu. Du’uu isaanii qofa dhageenya,’’ jedhan sagalee abdii kutateen.
‘’Barii naannawa sa’aatii 11:00’tti seenaniiti [Wiixata] kan hidhattoonni namoota shan ajjeesan. Namootuma ollaa jiraatan fuudhanii ajjeesu. Du’uudhuma isaanii dhageenya.’’
''Godina Arsii aanota tokko tokkotti Ortodoksota irratti haleellaa raawwatu cimsinee balaaleeffanna, humnoonni nageenyaas haleellaa kana akka ittisan gaafanna,'' jedheera ibsi bahe.
Manni Kiristaanaa haleellaan ''amantaa irratti xiyyeeffate hordoftootarratti raawwachuun sirrii kan hintaaneefi mirga amantaa fedhan hordofuufi heerarra taa’e kan cabsudha,’’ jetteetti.
Ibsi bahe Aanaa Shirkaa Mikaa’elii Solee, Maaramii Digaluu, akkasumas Bataskaana Maaramii Roobee Indatootti haleellaa yeroo adda addaa raawwateen lubbuun darbuu ibse.
Hordoftoonni amantichaa ''manaa walitti qabamanii ajjeefamuu'' kan ibsite Manni Kiristaanaa, kanaanis maanguddoo ganna 70 hanga daa’ima torban afurii ajjeefamuu beeksiste.
Kana dura kanneen badii akkanaa keessatti hirmaatan ‘’mootummaatiin tarkaanfiin’’ akka irratti fudhatame yaadachiifteetti.
Qonnaan bultoonni biroo lama maatiin isaanii duraa ajjeefamuu himanis waan raawwate sirnaan hubachuu akka hin dandeenye himan.
‘’Raayyaan Ittisa Biyyaa akkasumas humnoonni nageenyaa kaan jiru. Osoo tasgabbaa’a jennuu gidduutti hordoftoonni amantichaa dhumaa jiru,’’ jedhan hogganaan amantii.
Ajjeechaa namoota shan Wiixata raawwate booda reeffa gara aangawootaa geessanii erga iyyatan booda owwaalamuullee himan.
Ajjeechaa Wiixataa dura Rooyitars yoo xiqqaate namoonni 36 ajjeefamuu jiraattota waabeffatee gabaasee ture.
Haleellaa irra deddeebiin raawwateen kanneen lubbuu dhaban 40 ol ta’u jiraataan biraas himaniiru.
Kanneen keessaa walakkaan kan maatii tokko ta’u jiraattoti mirkaneessaniiru. ‘’Namoonni 11, akkasumas 8 fira ta’aniifi ajjeefaman ni jiru,‘‘ jedhan lubi Mana Kiristaanaa.
'Bakka tokkootti awwaalle'
Kanneen lubbuun hafaniifi maatiin isaanii ajjeefamuu himan keessaa qonnaan bulaan maatii torba dhabuu dubbatan jiru.
Haleellaa raawwateen ‘’haadha warraakoofi mucaakoo … walumaa gala maatii torbatu na duraa ajjeefame. Manaa fuudhanii ajjeesan,’’ jechuun gaddaan himan.
Nami ganda Xijjoo Labuu keessa akka jiraatan himan kuni yeroo ajjeechaan raawwate mana waan hin jirreef lubbuun hafuu himan.
Yeroo BBC’n dubbise ijoollee isaanii waggaa lamaafi waggaa saddeeti haleellaarraa hafan mana yaalaa geessanii deebi’aa turani.
Qonnaan bulaa lammataa dubbifne, ajjeechaa kanaan haadha warraa isaanii haadha ijoollee saddeetiifi intala isaanii dhabuu himan. Gaddaa ‘’Namoota kana narraa fixanii deeman,’’ jedhan.
Walumaagala ganda isaan jiraatan, Solee Digaluutii, ALI Sadaasa bultii 13 namootni 17 ajjeefamuu dubbatan.
‘’Ollaakootii nama 15, haadha warraa kiyya ganna 45 fi intala kiyya waggaa 12 walumaagala namoota 17 ajjeesan.’’

Madda suuraa, Tewahedo Media Center
Waan mudatees akkanaan himan:
‘’Galgala sa’aatii 3:00’tti mana kiyyaafi mana biraa tokko seenan. Ana bira haadha warraa kiyyaafi intala kiyya waggaa 12 ajjeesan.
‘’Miseensota maatii tokko 11 ajjeesan. Jaarsaafi jaartii ajjeesan. Reeffa namoota 15 lafa naqanii deeman,’’ jechuun BBC’tti himan.
Eeenyutu raawwate gaaffii jedhuf ‘’Maal beekna? Hin beeknu,’‘ jechuun ajjeechaa qawween raawwatee duuba jiru abbaa jiru akka hinbeekne himan.
‘‘Bataksaanuma tokkotti awwaalle,‘‘ jedhan. Kanneen ajjeefaman boolla tokkottillee akka owwaalaman taasifamuu BBC’n odeeffateera.
Ajjeechaa dhaabatuu dide
Waqtiin ammaa waqtii midhaan itti sassaabamu ta’ullee qonnaan bultoonni ajjeechaa irra deddeebiin raawwatuun baqatanii akka jiran himan.
Ajjeechaan yeroo raawwatu yeroo jalqabaaf akka hin taanellee himan. Jalqaba waggaa kanaa lubi tokkoofi namoonni biroo lama ganda isaanitti dhihoo jirutti ajjeefamu dubbatan.
Erga ajjeechaan raawwate humnooti mootummaa dhufanis tarkaanfiin fudhatame hin jiru jechuun komatu.
‘’Jiraattonni nageenya isaaniif yaadda’anii buqqa’aa jiru. Kanneen baqatanis akka hin deebine mana isaanii gubaafi qabeenya isaaniis barbadeessaa jiru,’’ jedhan.
Dubbii Himaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa turtii miidiyaa mootummaa Pireesii Itoophiyaa waliin taasisaniin kanneen ajjeefaman ‘’baay’ee’’ ta’uu dubbataniiru.
Mootummaan tarkaanfii hidhattoota WBO irratti Bunnoo Beddellee keessa raawwate ‘’ijaa bahuuf‘‘ Shirkaatti lammiilee nagaarratti miidhaa ‘’sukaneessaa’’ dhaqqabsiisuun himatan.
Dubbii Himaan WBO dubbii miidiyaaf kennaniin hidhattooti isaanii kana akka hin raawwanne deebisan.

Madda suuraa, Getty Images
Aanaan Shirkaa Godina Arsii keessatti argamtu hordoftoonni amantaa Kiristaanaas ta’e Muslimaa bal’inaan keessatti jiraatanidha.
Qeellam Wallaggaa aanaa Gidaamiitti Sadaasa 24 bara 2023 ajjeechaan amantoota Waldaa Warra Wangeelaa Makaane Iyyasuus Itoophiyaa irratti hidhattootaan raawwachuu ibsamee ture.
Miseensotni waldichaa halkan osoo kadhannaarra jiranii qaama hidhate kan eenyummaa isaanii hin barreen ajjeefamuu namootni BBC'n dubbise himaniiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa hidhattooti ‘nageenya didan’ jedhe ‘araaratti akka deebi'an’ tarkaanfii fudhataa akka jiru ibsuun isaa ni yaadatama.












