Shawaa Bahaa ajjeechaan abboota amantaa Gadaamii Cuqqaalarratti raawwate akkamiin mudate?

Madda suuraa, FB
Godina Shawaa Bahaa aanaa Liiban Cuqqaalaa keessatti kan argamu Gadaamii Abuna Gabra manfas Qiddus (Gadaamii Cuqqaalaa) jedhamuun beekamu keesatti Gurraandhala 13, 2016 ALItti hidhattoonni abbootii amantaa fi bulchitoota gadaamichaa afur ajjeesan jechuun manni amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa ibsite.
Mana amantichaatti Itti gaafatamaan Qajeelcha Pirojektiilee Waliigalaa kan tahan Malaaka Hiwoot Qomoos Abbaa Walde Seefuu BBC'tti akka himanitti, haleellaa kana kan raawwate qaamolee hidhatanii naannicha keessa socho’anidha.
Haalichas yoo ibsan, “Gaafa Guraandhala,13 walgahiidhaaf isin barbaanna jedhanii abboota sadii fuudhanii deeman. Bariituusaa ammoo abboota lama dabalanii erga fuudhanii booda namni tokko jalaa miliqe. Warra hafan afran gadaamirraa lafa sa’aatii lama deemsisu geessanii achitti ajjeesani,” jedhan.
TVn Mana amantaa Ortodoksii Tawaadihoo Itoophiyaa marsariitii isaarratti akka barreesseetti ammoo, ''abbootiin amantaa lamaan booda keessa hidhattootaan to'atamanis osoo kanneen duraan qabaman sadan gadi lakkiisiisuuf yaalii taasiisaa jiranu'' jedheera.
Haleellaan kun ganama naannoo sa’aatii 1:30tti akka raawwatamee fi abbootiin amantaa ajjeefamanis sadii gaggeesitootaafi abboota gadaamichaa yoo ta’an, namni tokko ammoo monoksee gadaamicha keessatti tajaajilan ta'uutu himame.
Gadaamiin Cuqqaalaa magaala Finfinneerraa fageenya kilometira 80 irratti kan argamu yoo ta’uu, garuu dhiheenya magaala Bishooftuutti argama.
Tulluu guddinaan shawaa Bahaa keessatti beekamuu, olka’iinsa olaanaa kan qabuu fi kan bosonaan marfame fiixeerratti kan argamu Gadaamiin Cuqqqaalaa umurii waggaa 100 olii akka qabutu himama.
Haleellaan gadaamicharratti raawwate kun kan jalaqabaa akka hin taaneefi ammaan dura yeroo lama qabeenya gaadaamichaa irratti saamichi raawwatamuu eeran abbaan amantaa kun.
“Hidhattoonni kunneen ammaan duras dhufanii marsaa jalqabaa qabeenya gadaamichaa saaman. Yeroo marsaa lammaffaa ammoo saamichaan dabalata abboota amantaa gadaamicha keessa turan uffata irraa baasuun dararaa irratti raawwatanii ture” jedhan.
Abboonni amantaa fi gaggeesitoonni gadaamichaa tibbana hidhattootaan ajjeefaman kunneenis sirni awwaalcha isaanii achuma mana amantaa Taklahayimaanot jedhamutti gaggeeffamuus dabaluun himan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gadaamiin Cuqqaalaa kun Gadaamii seena qabeessaa fi hambaaleen amantichaa seena qabeeyyiin keessatti argaman akkasuma kan namoonni amantaa hedduu ammmayyuu achi qubatanii jiran waan ta’eef mootummaan eegumsa akka godhuufis gaafatu.
“Gadaamiin kun waggaa 100 caalu kan lakkoofsise seena qabeessa. Kana malees, yeroo ammaa barattoonni amanti barachaa jiran 300 caalan monoksoonni jireenya addunyaa dhiisanii amantii isaaniitti goran 200 caalan waliigala namoonni 500 caalan ammayyuu gadaamii kana keessa jiru,” jedhan.
Namoota gadaamii kana keessa jiranis erga ajjeechaan kun irratti raawwatamee asitti dooorsisni irra qaqqabaa jiraachuus dubbatu.
Namoonni gadaamii kana keessa jiran namoota siyaasa keessa hin jirree fi baayyeen isaanii jireenya biyya lafaa dhiisanii waaqa kadhachuu qofarratti kan fuulleffatani kan jedhan abbaan amantaa kun gochi namoota akkanaa irratti raawwatame haalan kan nama gaddisiisu ta’uu himu.
Biiroon bulchiinsaa fi Nageenyaa Oromiyaa dhimma kana ilaalchisuun ibsa guyyaa Kamisaa Guraandhala 22, 2024 baaseen, ''Gadaamii guddicha Cuqqaalaatti argamu keessatti kan tajaajilan abbootiin amantaa afur humna shororkeessaa Shaneetiin butamanii ajjeefamaniiru,” jedhe.
Biirichi gocha raawwatame kana balaaleffachuun, “caasaa mootummaa sadarkaan jiran waliin ta’uun humna shororkeessaa ajjeechaa kana raawwate adamsuurratti argamas” jedhe.
Ajjeechaa abbootii amantaa Gadaamii Cuqqaalaa irratti raawwatame kanaan kan himataman hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo hanga ammaatti dhimmicharratti waan jedhe hin qabu.
Ajjeechaan akkasii naannoo Itoophiyaa keessatti yoo raawwatu kun kan jalqabaa miti.
Arsii aanaa Shirkaa keessattis dhiyeenya amantoonni Ortodoksii ajjeefamuu manni amantichaa ibsitee turte.
Qeellam Wallagga aanaa Gidaamiittis namoonni kadhannaarra turan sagal tahan qaama hidhateen ajjeefamuu waldaa Makaana Iyyesuus Itoophiyaa beeksiftee ture.












