Bataskaanni Ortodoksii Itoophiyaa, Abuune Pheexiroos, akka gara biyyaa galaniif akka eeyyamamuuf gaafatte

Madda suuraa, EOTC
Bataskaanni Ortodoksii Tewaahidoo Itoophiyaa, hoggansi mana amantichaa keessatti qaban yaada keessa galfamuun Abuune Pheexiroos akka gara biyyaa galan akka eeyamamuuf gaafatte.
Manni amantichaa gaaffii kana kan dhiyeesse erga Barreessaa olaanaan Qulqulluu Siindosii fi Phaaphaasiin kutaa Lallabaa Niw Yoorkii fi naannoo ishee, Abuune Pheexiroos, biyya alaa deemuun gara Itoophiyaatti yoo deebi'an akka biyya hin galleef dhorkamuun isaanii dhaga'ameeti.
BBC'n abboota amantii bataskaanichaa lama dubbisuun akka mirkaneeffatetti, Abuune Pheexiroos erga Buufata Xiyyaaraa Idil-adunyaa Boolee ga'anii akka achii hin baane dhorkamaniiru.
Akkasumas Abuune Pheexiroosiin simachuuf mana amantichaa irraa bakka bu'uun gara buufata xiyyaaraa Boolee kan deeman sa'a ni gahu jedhamee eegaluun eegaa akka turan himaniiru.
Dubbii himaan mana amantichaa akka jedhetti, Abuune Pheexiroos turtii isaanii Ameerikaa Kaabaa xumuruun gara Itoophiyaatti yoo deebi'an akka gara biyyaa hin galleef dhorkaman.
Dhorkaan kun akka ka'uuf manni amantichaa gaaffii dhiyeesseera.
Mana amantichaatti Qajeelchi Qunnamtii Uummataa, Abuune Pheexiroos torbaniin dura beekamtii bataskaanichaan hojiif gara kutaa lallaba isaanii Ameerikaa jiruu akka deeman himeera.
Turtii torbaniin booda Facaasaa har'aa, Guraandhala 6 bara 2024, gara Finfinneetti yoo deebi'an qaama mootummaa eenyummaan isaa hin beekamneen buufata xiyyaaraa keessaa akka hin baane dhorkamuu hime.
Qunnamtii Uummataa Bataskaana Ortodoksii Itoophiyaa Ibsa Kibxata sa'a booda baaseen, Abuune Pheexiroos buufata Xiyyaaraa Boolee jiraachuu isaanii malee, maaliif akka dhorkaman hin ibsine.
Ganama har'aa irraa eegaluun Abuune Pheexiroos akka gara biyyaatti galaa jiran miidiyaa hawaasaa irratti qoodamaa turus, guyyaa walakkaa booda ammoo suuraa isaanii maxxansuun buufata xiyyaaraa Booleedhaa akka hin baane dhorkaman kan jedhu qoodamaa ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Abuune Pheexiroos Abbaa [gaggeessaa] mana amantichaa fi hogganaa akkasumas Barreessaa Olaanaa Qulqulluu Sinodosii tahuu yaada keessa galchuun aka gara biyyaa galaniif akka eeyyamamuuf gaafaneerra jedhe qunnamtiin uummataa mana amantichaa.
“Qulqulluu Abuune Pheexiroos yeroo ammaa kana Buufata Xiyyaaraa Idil-adunyaa Boolee kan jiran tahuu yeroo simannaaf garas imalle hubachuu dandeenyeerra,'' jedhe.
Abuune Pheexiroos maaliifa akka gara biyyaatti akka hin galle godhaman kan jedhuuf Tajaajila Lammummaa fi Immigireeshinii irraa deebiin argachuuf yaalle hin milkoofne.
Odeeffannon miidiyaa hawaasaarra deemaa jiru ammoo Abuune Pheexiroos Finfinneetii ba'uuf xiyyaara biraa yeroo seenan agarsiisa.
BBC'n odeeffannoo kana mirkaneessuf yaaliin taasise hin milkoofne, gaggeesitootni mana amantichaas dhimma kana akka hin beekne himan.
Barreessaa Olaanaan Qulqulluu Sinodosii torbanoota darban keessa yeroo gara Ameerikaa deeman barreessaa olaanaan Sinodosii ''biyyaa godaanan'' kan jedhu qoodamaa ture.
Hojii Gaggeessaa Olaanaan Mana Amantichaa Qulqulluu ABuune Abirahaam, Abuune Pheexiroos gara Ameerikaa kan deemaniif beekamtii Sinodosii fi kabaja ayyaana waggaa afuuraa gaggeeffamuu fi muudama Daaqonummaa kennuuf jechuun ibseera.
Abuune Pheexiroos akka biyyaa baqatan fakkeessuun waan odeeffame ulfina mana amantichaa xiqqeessuuf yaadameeti jedhan Abuune Abirahaam.












