Qulqulluu Sinodosii Ortodoksii Tewaahidoo abbootii amantaa naannoo Tigiraayirraa aangoo lubummaa mulqe

Madda suuraa, EOTC
Qulqulluu Sinodosiin Ortodoksi Tewaahidoo Itoophiyaa yaa’ii ariifachiisaa har’a gaggeesseen abbootii amantaa naannoo Tigiraayitti phaaphasota muudan daaqonummaa irraa kaasee hanga lubummaatti aangoo kennameef mulquu beeksise.
Sinodosichi abbootiin amantaa naannoo Tigiraay aangoo isaaniif kennamee fi danbii mana amantichaa cabsuun muudama Iphis Qoophosota sagalii gaggeessaniiru jechuun balaaleffateera.
"Namootni dhuunfaa kunneen waan raawwatan, nama amantaa isaa jaalatu, nama abbootii kabajuu fi uummata naannoo Tigiraay hubataa tahe kan bakka hin buunedha,’’ jedhe Ibsi Qulqulluu Siinodosii Ortodoksi Tewaahidoo Itoophiyaa
Abbootiin amantaa Ortodoksii Tewaahidoo Itoophiyaa naannoo Tigiraay muudamicha raawwachuun balaaleffataman, Qulqulluu Abuune Isaayaas Walitti qabaa Luboota Mana Lallabaa Maqalee, Qul.Abuune Merehaa Kiristoos Phaaphaasii Kutaa Lallabaa Adigiraat, Qul. Abuune Maqaariyoos, Phaaphaasii Naannoo Tigiraay, godina Gidduugaleessaa fi Qul. Abuune Pheexiroos Kutaa Lallabaa Shiree Indesillaasee kan tahan muudamicha raawwataniiru jechuun Sinodosichi balaaleffate.
‘’Danbii ittiin bulmaata mana amantichaa cabsuun, aangoo isaaniif hin kennamneen Iphis Qoophosota sagal muudneerra, siinodosii hundeesineerra jechuun amantoota biyya keessa jiranii fi biyya alaa gowwomsuun hojii ganumsaa raawwataniiru,’’ jechuun ibse.
Qulqulluu Sinodoosichi abbootii amantaa muudama kennan irraa aangoo lubbummaa isaanii mulquun cinatti abbootiin muudamanis lubummaan manni amantichaa kenneef irraa mulqamuun tajaajila tokkoyyuu kennuu akka hin dandeenye ibsiteetti.
Abbootiin amantaa muudamicha kennaniifi muudaman maqaa isaanii duraaniin akka waamaman murteessuu ibsuun, dabalataan tajaajila afuuraa mana amantichaa homaa argachuu akka hin dandeenyes ibsichaan himaniiru.
Sinodosichi abbootiin amantaa eeraman gochaa isaaniitti gaabbuun yoo dhiifama gaafatan amanni amantichaa deebistee akka isaan simattu himaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sababa waraana Kaaba Itoophiyaa tureen walqabatee dureewwan amantichaa naannicha jiran dureewwan Finfinnee jiran waliin dhibdee seenaniiru.
Caasaa bulchiinsaa 'Mana Lubummaa Manbara Salaamaa Kasaatee Birahaan' jedhamu hundeessuus beeksisaniiru.
Caasaa kana qaami olaanaa Mana Kiristaanichaa, Qulqulluun Sinoodosii, beekamtii akka itti hin kennine ibseera.
Paatiriyaarkiin Mana Kiristaanichaa Abuuna Maatiyaas ‘’Barmaati ofumaan of muuduu dhaabsifamuu qaba,’’ jechuun mariin akka furamuufi kan miidhames akka kiisamu dhaamanii turan.
''Kanaan ala badiirratti badiin raawwatee gocha egeree bataskaanichaa qoru dhaabsisuu qabna,’’ jechuun akeekkachiisan.
Manni Kiristaanaa hariiroo dureewwan amantaa Tigraay jiran waliin furuuf yeroo adda addaatti sochii taasisuu ibsiti.
Qulqulluun sinoodosii wayita waraanni Kaaba Itoophiyaa gaggeeffamaa ture bataskaanattiin ''waraanni akka dhaabbatu gaafachuun ibsa baasuu dhabuu, amantoota, abbootii amantii fi uummata hubachuu fi jajjabeessuu dhabuudhaan mufannaa fi waldhibdee uumameef,'' dhiifama gaafateera.
Dhiifama bataskaanattii booda jilli paatiriyaarkichaan durfamu abbootii amantii naannicha jiran waliin walarguuf garas imalanis kan isaan yaadan hin milkoofne.
Abbootiin amantii naannoo Tigraay kunneen sirna kamirrattuu jila kana waliin osoo wal hin argin hafuu fi jilli kun wayita gara bataskaana naannichaa deemu cufaa ta'uusaan paatiriyaarkiin balbala irratti deebi'aniiru.
Miseensi hojii raawwachiiftuu qaama bulchiinsa dureewwan amantii naannichaa hundeessan tokko ''jalqabbiin kun gaarii ta'us garuu kan barfatee fi ga'aa kan hin taanedha,'' jedhanii turan.












