Dureewwan Ortodoksii Tigraay watwaannaa Qul. Sinoodosii diduun Ephis Qophoosota 10 filatan

Madda suuraa, Tigrai Television
Dureewwan Ortodoksii Naannoo Tigraayitti argaman watwaannaa Qulqulluu Sinodosii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa diduun Ephis Qophoosota filachuu beeksisan.
Tarkaanfiin itti aanu dureewwan amantaa kana muuduu akka ta'es ibsaniiru.
Itoophiyaa keessa hordoftoota hedduu kan qabdu Manni Kiristaanaa Ortodoksii Itoophiyaa adeemsa kana dursitee balaaleeffatte.
Filannoon ''seera bataskaanaa kan hin kabajne, giddugaleessummaa bataskaanaa kan sarbu fi tokkummaa mana amantittii kan hubuudha,'' jechuun filannoo gaggeessuu dura adeemsa kanarra dhorkaa kaa'uu ibsite.
Mootummaan federaalaa fi mootummaan yeroo Tigraay gocha kana akka dhaabsisan gaafatteetti.
Sababa waraana Kaaba Itoophiyaa tureen walqabatee dureewwan amantichaa naannicha jiran dureewwan Finfinnee jiran waliin dhibdee seenaniiru.
Caasaa bulchiinsaa 'Mana Lubummaa Manbara Salaamaa Kasaatee Birahaan' jedhamu hundeessuus beeksisaniiru.
Caasaa kana qaami olaanaa Mana Kiristaanichaa, Qulqulluun Sinoodosii, beekamtii akka itti hin kennine ibseera.
Jilli Qulqulluu Sinoodosii komii ture hiikuuf socho'aa ture, abbootii fi barsiisonni amantii naannoo Tigraay ''carraa nagaa fi mariin rakkoo hiikuuf argame fayyadamuu diduun caaseffama mana amantichaa sarbaniiru,'' jechuun ibse.
Sirni filannoo dureewwan Tigraay kuni Dilbata ALI Adoolessa 09, 2015, Gadaamii Manbara paatiriyaarkii Qul. Maariyaami Aksum argamutti raawwachuun gabaafameera.
'Of muudun dhaabachuu qaba'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yeroo adeemsi kuni gaggeeffamaa jirutti Manni Kiristaanichaa Ephis Qophoosota sagal Magaalaa Finfinneetti muudaa turte.
Ephis qophoosota torba biyya alaatii dhufan dabalatee, kaadhimamtoonni 26 filannoo jedhame kana irratti hirmaachuutu gabaafame.
Sirna amantaa Dilbata raawwate kanaan namoonni 101 sagalee kennuun kan filatan ogguu tahu, adeemsi filannichaas 'naga-qabeessaafi afuurawaa ture' jechuun miidiyaan naannichaa Televijiniin Tigraay gabaaseera.
Paatiriyaarkiin Mana Kiristaanichaa Abuuna Maatiyaas ‘’Barmaati ofumaan of muuduu dhaabsifamuu qaba,’’ jechuun mariin akka furamuufi kan miidhames akka kiisamu dhaaman.
''Kanaan ala badiirratti badiin raawwatee gocha egeree bataskaanichaa qoru dhaabsisuu qabna,’’ jechuun akeekkachiisan.
Manni Kiristaanaa hariiroo dureewwan amantaa Tigraay jiran waliin furuuf yeroo adda addaatti sochii taasisuu ibsiti.
Qulqulluun sinoodosii wayita waraanni Kaaba Itoophiyaa gaggeeffamaa ture bataskaanattiin ''waraanni akka dhaabbatu gaafachuun ibsa baasuu dhabuu, amantoota, abbootii amantii fi uummata hubachuu fi jajjabeessuu dhabuudhaan mufannaa fi waldhibdee uumameef,'' dhiifama gaafateera.
Dhiifama bataskaanattii booda jilli paatiriyaarkichaan durfamu abbootii amantii naannicha jiran waliin walarguuf garas imalanis kan isaan yaadan hin milkoofne.
Abbootiin amantii naannoo Tigraay kunneen sirna kamirrattuu jila kana waliin osoo wal hin argin hafuu fi jilli kun wayita gara bataskaana naannichaa deemu cufaa ta'uusaan paatiriyaarkiin balbala irratti deebi'aniiru.
Miseensi hojii raawwachiiftuu qaama bulchiinsa dureewwan amantii naannichaa hundeessan tokko ''jalqabbiin kun gaarii ta'us garuu kan barfatee fi ga'aa kan hin taanedha,'' jedhanii turan.
Isa booda adeemsi filannoo gaggeessuu kan dhagahame.
Taatee Tigraayitti raawwateen dura baatii Amajjii keessa dureewwan amantaa Oromiyaa keessatti beekamtii Mana Kiristaanaa malee Ephis Qophoosota muuduu beeksisanii turan.
Kunis muddama uumee boodarra jaarsummaa Ministira Muummee Abiy Ahimadiin durfamuun furamee ture.

Madda suuraa, EOTC
Gama kaaniin, Dureen Mana Kiristaanichaa Melboorn, Awustiraaliyaatti tajaajilaa Bataskaana DebreTsiyoon Qiddist Mariyam akka tahan kan himan Abbaa SaraqaBirhaan Walda Saamu’eel, torban dabre keessa gara Tigraayitti imaluuf buufata xayyaaraa Boolee gahanis, gara Maqalee imaluu akka dhorkaman BBCtti himaniiru.
Bakka nyaataafi turtiin gahaan hin jirretti tursiifamuu isaaniis dabalanii himanii turan.
Dureen amantaa kuni sirna filannoo Naannoo Tigraayitti adeemsifamuuf yaadamerra akka hin argamne barbaadantu, hojimaata Daandii Qilleensichaa fayyadamuun kana tolchan jechuun shakku.
Akka isaan jedhanitti, gara Tigraay deemuu akka hin dandeenyeefi buufata xayyaaraa keessa bahanii magaalaa Finfinnee keessa turuu ykn gara iddoo dhufan Awustiraaliyaatti akka deebi'an itti himame.
Mootummaan Bulchiinsa Yeroo Tigraay ibsa baaseen dureen amantaa kana 'humnaan biyyaa baasuu' cimsee balaaleeffateera.
Ibsa torban dabre keessa baaseen, "haleellaan sabummaa dhalattoota Tigraay irratti gahaa jiru itti fufeera," jedhe.
Dhimma kana irratti BBC'n Daandii Qilleensa Itoophiyaa irraa odeeffachuuf yaaluus hin milkoofne.
Turtii guyyoota afuriin boodas dureen amantaa kun, gara Delhii Indiyaatti akka balali'an dirqamuun isaanii himatani.
Waraana Tigraayitti gaggeeffamaa tureen wal-qabatee Bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaafi dureewwan amantii Ortodokisii Tigraay gidduu hariiroon hammaate ammallee hin furamiin jira.












