'Arsenaal barana waancaa hin mo'atan taanaan dhiifama hin qaban'

Mikeel Arteettaa

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Arsenaal Sanbata darbe Nootiingihaam Foorest mo'achuu dhabuu isaaniin gaabba hafuu malu jedhe xiinxalaan kubba miilaa beekamaa Fiil Maaknaaltii.

Dhugaan jiru garuu erga tapha tokkollee osoo hin mo'amiin waancaa Piriimer Liigii bara 2004 mo'atanii as xumurri isaanii bareedaa hin turre jedhe.

Arteettaa fi gareen isaa carraa qabxii sagaliin Maanchister Siitii dursuu argachuun ture kan Nootingihaam Foorest morkachuutti galan.

Waancaa waggootaaf Maanchister Siitii fi Liiverpuul mo'atan kana gareen Arteettaa haala kanaan ijaarame hin mo'atu taanaan dhiifamni ofiifis godhan tokkollee hin jiraatu jedhe barreessichi.

Arteettaan garuu Nootiingihaam Foorest waliin yeroo qixa bahan mo'uu dhabuu isaaniif sababoota dhiyeesse.

''Baay'ee gaddineerra, mo'uu barbaannee ture. Garuu Foorest irratti carraa goolii guddaa afur argannee ture. Itti hin fayyadamne.

Rukuttaa peenaaliitii argachuu qabna ture. Maaliif akka nu dhowwatan hin barre.

Kileboota hedduutu qabxii gate, waan goonu hin jiru jabaannee dhufuu malee,'' jedhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haala liigicha keessaatti tahaa jiru hundaa yoo ilaaltu Arsenaalii fi Arteettaaf barana injifannoon hin jiru taanaan yoomuu hin jiraatu jetta.

Yoo haala amma jiran kanaan waancaa hin mo'atan tahe gaabbiin keessa galan inumaayyuu guddaa taha. Haalli hunduu isaaniif kan mijate fakkaata.

Garuu tapha lama walitti aansuun galchii lakkoofsisuu dhabuun Arsenaal fuuldura irraa nama galchii lakkoofsisu jabaa tokko dhabuu isaa agarsiisa.

Morkattoonni isaanii Maanchister Siitii fi Liiverpuulis akkasuma qabxii gataniiru. Garuu Arsenaaliif kun carraa mancaasan tahuu mala.

Gareen Arsenaal hordofaa jiran hunduu qabxii barbaadan walitti fufuun argachaa hin jiran. Maanchister Siitiin morkataa isaa Maanchister Siitiin yeroo mo'amu Astoon Viilaan ammoo carraa maanchister Siitii darbuu qaba ture. Garuu isaanis dirree isaanii irratti Everteeniin mo'aman.

Shaampiyoonaa bara darbee Liiverpuul dirree isaa irratti Barnilee waliin qixa bahe.

Arsenaal irraa qabxii 14'n boodatti hafaniiru.

Unaay Imiree waayeema waancaa mo'achuuyyuu haasa'uu hin barbaanne.

Garuu bakka Astoon Viilaan jiru waancaaf akka morkataa jiru agarsiisa. Viilaan taphataa isaanii barana haala gaarii irra jiru Donyel Maalen Roomaatti gurguree ofii mo'ame.

Maalen ammoo tapha jalqabaan Roomaaf goolii galche. Nu caalaa warri garee cimaa qaban jiru kan jedhe Imireen carraa tokko dhabneerra. Garuu bara kana bakka gaarii irra jirra jedhe.

Carraa sadarkaa lammaffaa galuu kan dhabe Viilaan ammaan booda deebinee cimnee mo'acuu qabna jedhe Imireen.

''Yeroo mo'amtu ni gaddita, yeroo mo'attu ni gammadda. Bara kana isa gaddina caalaa isa gammanne caala.''

Arsenaaliif yaaddoo guddaa tahu kan jedhaman Maanchister Siitiidha. Garuu qabxii 12 keessaa sadii qofa argatan.

Arsenaal waggoota sadan darban sadarkaa lammaffaan xumure. Barana yeroo morkattoonni isaanii kufan kanatti garuu waancaa kana mo'achuuf tattaafataa jiru.

Garuu hiree isaanii murteeffachuun harkuma isaanii keessa jira.

Arteettaan sarara hunda irrattiyyuu taphattoota gahumsa guddaa qaban hedduu qaba. Garuu ammayyuu garaagarummaan uumuu qabu kanaa ol tahuu qaba.

Xiinxaltoonni hedduun Arsenal bara kana waancaa Piriimer Liigii mo'achuu qaba jedhanii amanu.