Eenyu leenjiisaa Maanchister Yunaayitid ta'a?

Zhaavii, Gilaasneer, Dareen Fileecher

Madda suuraa, Getty Images

Barbaachi leenjisaa Maanchister Yunaayitiid itti aanuu eegalameera.

Ruuben Amoriim ji'oota 14f Oldi Tiraafoord erga turee booda hooggansa kilabichaa qeequusaatiin Wiixata darbe ari'ameera.

Yunaayitiid ammaan tana gabatee liigichaa sadarkaa jahaffaarra jira. Bara dhuftu Shaampiyoonsi Liigiirratti hirmaachuuf waldhaansoo godha.

Barri kun hanga xumuramutti leenjisaan kilabicha qabatu hanga murtaahutti taphoota muraasa dhufaniif. Daareen Fileecheer gaafatama akka fudhatu BBC Sport ragaa argateera.

Garuu, eenyuutu leenjisaa itti aanu ta'a?

Morkattoota Piriimiyeer Liigii

Erikii teen Haag, Raalf Raangniik fi Amoriim yaalamanii Yunaayitiid keessatti milkii waan dhabaniif amma tarii yeroo itti leenjistoota Piriimiyeer Liigii keessatti qoraman yaalaniidhaa?

Unaay Emrii Astoon Viilaa sadarkaa liigicha keessaa bu'uuf wixxirfatan keessaa baasee dorgommii Awurooppaan gaheera. Baranammoo falmitoota waancaayyuu ta'aniiru.

Viilaan amma sadarkaa sadaffaarra jira. Arsenaalirraa qabxii jahaan fagaatee argama.

Turtiinsaa Arsenaal milkaahaa hin turre garuu danqaa itti ta'aa laata?

Andoonii Ariyoolaa Boornimaziin bara dheengaddaa sadarkaa sagalaffaatti ol fideera.

Ammaan tana taphoota walitti aanan 11 irratti injifannoo dhabuun rakkachaa haa jiraataniyyuu malee, yoo hireen kennameef Ariyoolaan Yunaayitidiin waan didu miti.

Oliiver Gilaasneer kontiraatnisaa Kiristaal Paalaas ganna dhuftu xumurama. Gareensaa baraa darbe waancaa FA nyaateera. Baruma sana Eedii Haawus waancaa dheebuu Niiwkaasil baroota dheeraatti xumura godheera.

Laamaansaaniiyyuu filannoo keessa galuu malan.

Hariiroo Yunaayitiid waliin jiru?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yunaayitiid itti aansee manuma keessa mil'atee mana keessaa leenjisaa muudaa?

Taphataan sarara gidduu duraanii kilabichaafi ammaan tana garee kilabichaa umrii 18 gadii kan leenjisu Fileecher taphoota muraasaaf Yunaayitiid dursa. Waggoota 11f bara Aleeks Fargusan taphataa ture.

Namni biraan bakka kanaaf maqaansaa ka'u taphataa duraanii kilabichaa Maayikil Kaariiki.

Kaariik ji'oota dura kilaba yeroo duraaf leenjisummaan qabate Midilsbroow irraa ar'imeer amma hojii malee jira.

Leenjisaan Ipiswiich Kiyeraan McKeenaa leenjisaa biraa maqaansaa Yunaayitid waliiin ka'aa jiruudha.

Namni ganna 39 kun duraan gargaaraa leenjisaa Yunaayitiid ta'ee hojjetee beeka. Hojiisaa leenjisummaa isa jalqaba Ipiswiich kanaan milkaahina argateera.

Yeroo walitti aanu lama gara Piriimiyeer Liigiitti guddateera. Shaampiyoonshiippii keessattis sadarkaa sadaffaan xumure.

Bara kanas liigichatti olguddata taanaan maqaa guddaa horata.

Leenjisaan duraanii Olee Gaaner Soolshaayeroo yoo deebi'e?

Ammallee hojii malee jira. Waan ta'u fakkaachuu baatus, deeggartootni isa jaalatu.

Turtinsaa Yunaayitid bara 2018-2021 ture akka gaariitti hin xumuramne. Bara 2021 Yunaayitiid isa jalatti liigicha lammaffaa ta'ee xumure. Erga barri Fargusan xumuramee yeroo jalqabaaf barasaatti Yunaayitiid bara tokkotti goolii 73 galche.

Tarii hojiisaa kanaaf kabaja argachuu qabaa?

Awurrooppaa keessaawoo?

Ardii Awurooppaa keessa leenjistootni hedduun Yunaayitiid irratti xiyyeeffachuu danda'u jiru.

Yunaayitiid waliin maqaansaa irra deddeebiin kan ka'aa ture leenjisaa garee USA Maawuriisiyoo Pochetiinoodha.

Ganna dhuftu kana US waancaa addunyaa keessummeessuu booda Yunaayitiid leenjisaa kana dhaabbiidhaan fudhachuu mala ta'a.

Maqaan biraan hundaa olitti dhahamu ammoo leenjisaa duraanii Baarseloonaa Zhaaviidha.

Erga bara 2024 hojii malee jira. Piriimiyeer Liigii keessatti garee akka Yunaayitidirraa gaaffiin yoo dhiyaateef diduuf ni qorama.

Leenjisaa biraan Luwiis Eneriikeedha. PSG yeroo duraaf waancaa Shaampiyoonsi Liigii argamsiiseera. Bara darbe liigii biyyichaa dabalatee waancaa sadii nyaateera.

PSG waliin akka gaarii jira. Garuummoo hunda waan milkeesseef tarii Yunaayitidiin yaaluu danda'a.

Zineediin Zidaan waggaa afur dura Riyaal maadriidiin erga gadhiisee booda ammallee hojii malee jira.

Ammayyuu leenjisaa Faransaay ta'uuf eegaa jiramoo hiree Yunaayitiid yaaluu mala kan jedhu gaaffiidha.

Biraayitan waliin yeroo gaarii dabarsee gara liigii Faransaay kan godaane Robeertoo d Zeerbiinis leenjisaa biraa maqaansaa ka'udha. Kilaba Maarsee waliin yeroo gaarii dabarsaa jira.

Ammoo nama waan itti amane dubbachuurraa boodatti jedhuu miti. Kuni ammoo hariiroo hooggansa Yunaayitiid waliin qabaatuuf rakkoo ta'uu mala.

Gareez Saawuzgeetiifi dhiyoo Cheelsii wajjin kan adda bahe Eenzoo Maareeskaas warra maqaan dhahamu keessaati.