Saarinaa Wiigmaan: Dubartii tasgabbooftuu fi amanamtuu injifannoon beekamtu

Saarinaa Wiigmaan

Madda suuraa, Getty Images

Ijoollummaa isheetti akka dhiiraatti rifeensa ishee gabaabsitee sirreeffachuun dhiirota waliin kubba miilaa taphatti ture.

Dubartii jedhanii akka ishee hin dhorkineef ture. Kun seenaadha. Isheen amma addunyaa irratti seenaa addaa hojjetteetti. Xumura waancaaf dhaqabuun waan namatti toludha.

Garuu yeroo shan dhaqabuun ammoo waan addaati. Kan dhugoomse ammoo Saarinaa Wiigmaanidha. Leenjistuu kubba miilaa biyyaalessaa Ingilaand.

Dubartiin lammii Nezerlaandis taate kun walitti aansuun Waancaa Awurooppaa sadii mo'achuun seenaa hojjetteetti. Tokko Nezerlaandis waliin bara 2017, Ingilaand waliin ammoo bara 2022 fi 2025 keessa ture.

Seenaa wal fakkaatu kan galmeesite leenjistuu duraanii Jarman, Kiristiinaa Tuuneeti. Isheen bara 1997, 2001 fi 2017 seenaa kana galmeesite.

''Karaa kamiinuu haa tahu, ni injifanna amantaa jedhu qabna. kanas hojjennee agarsiifneerra,'' jette Saariinaan.

Tasgabboftuu fi amanamtuudha

Magaalaa guddinaan Nezerlaandis keessaa sadaffaa taate Ze Heeg keessatti dhalattee guddatte.

Osoo kubba taphattuus barsiiftuu Gahumsa Qaamaas tahuun m/B Sadarkaa Lammaffaa keessa barsiisaa turte.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dursituu taphattoota garee Biyyaalessaa Nezerlaandis tahuunis kubba miilaa gahumsa olaanaan taphataa turte.

Yeroo 99 biyya isheef hiriirtee taphatteetti. Bara 2003 ammoo tapha kubba miilaa irraa soorama baate.

Yeroo sana mucaashee lammaffaa ulfa turte.

"Guyyuman jalqaba ishee arge nama jaalalaa akkamii akka taate hubadhe. Nama waliin akkamiin akak dubbattu qajeelchitee beekti, '' jette taphattuun sarara duraa Ingilaand Elan Waayit.

''Dachi [Nezerlaandis] tahuu isheen amanamummaan beekamti. Ofitti amanamummaa, jaalala fi kaka'umsa nama keessa kaa'uun beekamti. Kanaafidha namni hundinuu akkuma garee isaaf mo'achuu barbaadu Sarinaafis mo'achuuf kan dhama'u'' jette.

Saarinaa Wiigmaan kalatummaan waan isheetti dhagahame sitti himti. Garuu karaa si mufachiisuun miti. Ammoo baay'ee tasgabbooftuudha jedhu taphattoonni isheen leenjisaa turte akka Waayit.

Yeroo mo'amtu miira isheetti dhagahame miidiyaa irratti hin ibsitu, garuu yaada ishee qajeelchite eibsachuun beekamtuudha. Miira ishee isa dhugaa garuu irratti arguu dhabuu dandeessa.

Booda kana injifannoo booda taphattoota ishee waliin bashannanti. Isaaniif shuubbisti. Afaan Daach dabalatee muuziqaa adda addaa isaan waliin bohaarti.

Keeraa Waalsh ''yeroo jalqaba dhufte baay'eema hin kofaltu, hin taphattu. Garuu jireenyakoo keessatti leenjistuu jabduu akka isheef taphadhee hin beeku.

Yeroo dogommiin waancaa jiru haalli hedduun rakkisaa taha. garuu Saarinaan dursa kan kennitu namummaafidha,'' jetti.

''Waan biraa isheen ittiin beekamtu tashabbooftuu tauunidha. Yaadi daqiiqaa 95ffaa irratti galchii 1-0 mo'amaa osoo jirtuu tasgabbaa'uun gaggeessuu jechuudha.

Garuu kanuma keessaa daqiiqaa dhumaattis injifattee baati.

Taphattuun sarara ittisaa Ingilaand Aleeksi Giriinwuud, Saarinaan amaloota adda addaa qabdi. Garuu hunda isaanii wal madaalsiftee adeemti jette.

Yeroo tokko akka ''haadhaati'' jedhamte. Isheenis dhugaa tahuu amanteetti. Kun ammoo murtoo fudhachuuf akka ishee rakkisaa ture himte.

Garuu taphattoonni hunduu murtoo ishee hundaa akka deeggaran himan.

''Akka ijoollee ishee dubaraatti nu ilaalti. Nu kunuunsiti, harka nurra qabdi, kun namummaa gaarii akkamii akka qabdu dubbata.''

'Saariinaan dubbannaan waan fedhe tahus ni dhagggeeffatta'

Eeenyummaa Saarinaa Wiigmaan addatti kan ibsu ammoo fedhii fi kutannoo isheen injifachuuf qabdudha.

Nezerlaandis leenjisaa yeroo turte bara 2017 Waancaa Awurooppaa mo'atte. Bara 2019 ammoo xumura waancaa Addunyaaf dhaqabde.

Taphattuun sarara duraa Viviyaan Miideemaa leenjistoota lamaan Saarinaa Wiigmaani fi leenjisaa ishee ammaa Andirees Joonker akka wal dorgomsiiftu gaafatamte.

''Kubba miilaa irratti lamaanuu jaalala addaa qabu. Ani yoon waa barbaade halkan sa'a 9 irrattiyyuu nan bilbilaafii. Lamaan isaanii kubba miilaa bareechanii taphachuu barbaadu,'' jette.

Saarinaa Wiigmaan tapha hunda dursitee waan dubbattuun taphattoota ishee onnachiifti. Osooma dursamaa jirruuyyuu kan nutti dhagahamu isa isheen dubbatte waan taheef hanga daqiiqaa dhumaatti falmanna jedhan taphattoonni ishee.

''Yeroo isheen dubbattee fixxu dirree galtee waliif falmuuf qophii taata, Dubbii ishee kanaan gahums atapha irratti mul'atu akka dabalu gooti,'' jette Elaa Tuun.

Sarina Wiegman

Madda suuraa, Getty Images

Yeroo isheen taphattuu turte ishee leenjisaa kan ture, Leenjisaan Nezerlaandis Joonker ''qindoominni'' waan isheen ittiin beekamtudha jedhe.

Taphattoonni Ingilaand isheen leenjisaa jirtu ammoo dubartii yaada tarkaanfataa qabdu jechuun ishee ibsu.

Cichoominni mallattoo isheeti. Kanaafidha dubaraafis dhiiraafis leenjistuu jalqabaa Waancaa Awurooppaa biyyoota lama waliin injifatte kan taate.

Wiigmaan jalatti taphattoonni leenji'an hundinuu gatii akka qaban amanu. Fakkeenyaaf taphataan taa'umsa jijjiirraa irra jiru/jirtu tokko akka achii kaatee tapha jijjiirtee ittiin mo'atanii bahan amanti.

Wiigmaan isaaniin 'Finishers' ykn warreen tapha siif mo'atanii bahan jechuun waamti.

Taphattoota ishee jalqabaa adda baastee beekti. Torban torbaniin kan jijjiirtu yoo tahe karoora baasuun maaliif barbaacise jettee amanti.

Taphattoonni ishee dandeettii akkamii akka qaban waan beektuuf haala taphaa isaaniif mijatu taphatti.

Saarinaa Wiigmaan yoo itti hin amanne taphattuu barbaadde garee keessaa hir'isuuf duubatti hin jettu.

Dursituu garee biyyaalessaa Ingilaand Isteef Huutan bara 2022 garee keessaa hir'iste.

Karra eegduu cimtuu Ingilaand Meerii Iirpis bara 2025tti karra eegduu jalqabaa Ingilaand akka hin taane ifatti itti himte.

Taphattuun Ingilaand Joorjiyaa istaanweey, Saarinaa Wiigmaan jaallattes jibbites waan isheetti dhagahame ifumatti sitti himti jette.

Saariinaa Wiigmaan tibbana badhaasa lammiilee UK hojii olaanaa hojjetaniif kennamuu fi maqaa kabajaa Siir/ Dame jedhamu kennameefii jira. Garuu lammiileen alaa maqaa kabajaa kana hin fayyadaman.

Saarinaa Wiigmaan injifannoo sadarkaa garee biyyaalesssaa dhiiraa Ingilaanditti galmaa'ee hin beekne galmeesite.

Dubartummaan milkaa'ina irraa akka nama hin dhorkine nama mirkaneesitedha.

Jaalala kubbaa miilaaf qabdu taphachuu fi leenjisuun milkeesiteetti.