Kophee warqee argachuuf taphattoota sadii kokkee walqabaa jiran

Jifattoota yeroo ammaa Awurooppaatti beekmtii guddaa qaban

Madda suuraa, Getty Images

Yeroo barri dorgommii 2025/26 walakkaatti siqee jirutti morkiin Kophee Warqee Awuooppaa mo'achuu ho'ee itti fufeera.

Halaand goolii omishuun Maanchester Siitiif taphataa murteessaa ta'ee itti fufeera.

Taphataan kun bara dorgommii 2022/23 Pirimer Liigii keessatti goolii 36 rikkardii ta'e galmeessuun yeroo jalqabaaf Kophee Warqee kana mo'atee ture.

Bara dorgommii 2023/24 keessa ammoo Kiliyaan Imbaappeen goolii 31 Riyaal maadiriidiif lakkoofsisuun mo'ateera.

Bara kana keessa taphattoonni liigii Awurooppaa sadii- Piriimer Liigii, Laa Liigaa fi Bondosliigaa keessaa ta'an morkii cimaa gaggeessaa jiru. Taphattoonni kunneen: Erliiga Halaand, Kiliyaan Imbaappee fi Harii Keenidha.

Amballii warra Ingilaand Harii keen, taphoota Bondosliigaa 15 taphatee goolii 19 lakkoofsisuun dursaa jira.

Halaand ammoo Piriimer Liigii keessatti taphoota 17 keessaa goolii 19 walitti qabatee lamaffaarra jira.

Kiliyaan Imbaappeen ammoo Laa Liigaa keessatti taphoota 18 taphateen gaalii 18 sassaabbatee sadaffaarra jira.

Taphattonni kunneen sadan dorgomtoota isaanii kaan caalaa yeroo ammaa kana sadarkaa fooyya'aarratti argamu.

Taphattoonni sadan wal bira yoo qabaman

Jifattoota yeroo ammaa Awurooppaatti beekmtii guddaa qaban

Madda suuraa, Gettyimage

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bara kana taphattoonni kunneen sadan giddu-galeessaan daqiiqaa meeqa keessatti goolii tokko lakkoofisuu akka danda'an wal bira qabuun ilaalameera.

Taphattoota sadan caalaa bara kana Halaand taphoota 13 hirmaata keessatti goolii 23 lakkoofsiseera. Kana jechuun daqiiqaa 47 keessatti goolii tokko lakkoofsisa jechuudha.

Keen ammoo taphoota 12 taphate keessatti goolii 19 kan lakkoofsise yoo ta'u, giddu galeessaan goolii tokko kan galchu daqiiqaa 52 keessattidha.

Imbaappeen ammoo taphoota 13 taphate keessatti goolii 17 ka galche yoo ta'u, giddu galeessaan daqiiqaa 67 keessatti goolii tokko lakkoofsisa.

Imbaappeen kubbaa gooliif ta'u afur kan mijeesse yoo ta'u, Keen fi Halaand ammoo tokkoo tokkoon isaanii kubbaa sadii mijeessanii kennaniiru.

Imbaappeen walumaagalatti kubbaa si'a 772 kan tuqe yoo ta'u, kun ammoo hanga Keen fi Halaand tuqan baayyee caala. Keen walumaagalatti kubbaa 445 yoo tuqu, Halaand ammoo si'a 257 tuqeera.

Halaand taphattoota garee isaatiif carraa ja'a uume. Imbaappeen ammoo carraa 38 kan uumeef yoo ta'u, J

Keen taphattoota gareesaatiif carraa 27 uumeeraaf.

Kubbaa milka'aa gara fula duraatti dabarsuudhaan Halaand si'a 97, Imbaappeen si'a 456, Keen ammoo si'a 231 milkeessaniiru.

Kubbaa irra keessaan dhufu fudhachuun ammoo Halaand namni ittiin qixxaatu hin jiru. Kubbaa irraan dhufu kana Halaand si'a 25, Keen si'a 12, Imbaappeen ammoo si'a sadii mo'ataniiru.

Bara kana Keen kubbaa gooliitti dhiite 45 keessaa %42 lakkoofsisuun dursaa jira. Isatti aanee ammoo kubbaa 54 gooliitti dhiite keessaa %39 lakkoofsisuun Halaand sadarkaa lamaffa aqabateera. Imbaappeen ammoo kubbaa 77 gooliitti dhiite keessaa %22 kan ta'uti gale.

Gaalii biyyasanii lakkoofsisanii yoo ilaalaman ammoo Halaand baayyee fagoo caaleera. Biyyasaa Noorweyiif goolii sagal lakkoofsiseera. Keen ammoo biyyasaa Ingilaandiif tokko lakkoofsie. Imbaappeen garuu Faransaayiif goolii sadii lakoofsiseera.

Biyyoonni sadan calallii kubbaa miilaa Addunyaatiif garee keessatti ramadaman keessatti dursaa jiru.

Keen

Harii Keen

Madda suuraa, Getty Images

Taphataan lammii Ingilaand goolii adamsu, Keen bara kana taphoota 15 irratti Baayer Muniiiif goolii 19 lakkoofsiseera.

Goolii Baayer Muniik bara kana lakkoofsise keessaa %47 kan ta'u kan Keen lakkoofsisedha. Tapha Leeppizhing fi Hofenhiim waliin taasisaniin tokkoo tokkoo isaaniirratti goolii sadii galcheera.

Keen bara kana guutuu Bundesliigaa keessatti sadarkaa goolii galchuu amma itti jiru kana eeguu yoo danda'e goolii 62 galchuun xumura. Liigii olaanaa Awurooppaa keessatti namni goolii hamma kanaa galche hin jiru.

Rikardii Bundesligaa galmaa'e bara dorgommii 2020-21tti Lewaandooskiin Baayer Muniikiif goolii 41 kan akkofsisedha.

Keen Tootenaamiifis taphataa yeroo kamirra caalaa goolii baayyee lakkoofsise yoo ta'u, baroota lamaan darban keessas goolii 36 fi 26 lakkoofsisuu Kophee warqee mo'ateera. Kan Piriimer Liigiitti bara tokko mo'ate dabalatee Keen Kophee Warqee (Gold Boot) sadii mo'ateera.

Imbaappee

Imbaappee

Madda suuraa, Getty Images

Imbaappeen bara kana taphoota 18 Riyaal Maadiriidiif taohateen goolii 18 lakkoofsisseera. Biyyasaa Faransaayiif ammoo sadii taphatee goolii sadii galcheera.

Kun ammoo goolii waliigalaa Riyaal Maadiriid lakkoofsise keessaa %54 kan Imbaappeeti jechuudha.

Imbaappeen saffisa tapha La Liga saddet irratti goolii sagal lakkoofsisuu itti fufnaandhuma bara kanaarratti goolii 42 qabaata. Ispeen keessatti Liyoneel Mesii si'a lama, Kiristaanoo ronaaldoo ammoo si'a lama kanaa ol lakkoofsisanii beeku.

Waggaa saddetiif walitti aansuun Kophee Warqee mo'achuuf carraaqaa jira. Kanaan dura si'a ja'a Liig 1 Faransaay keesstti PSG waliin si'a ja'a mo'ateera. Bara darbe ammoo La Liga keessatti Riyaal Maadiriid waliin mo'ateera.

Dhuma bara kanaarratti taphataa yeroo kamirrayyu caalaa Faransaayiif goolii hedduu lakkoofsise ta'uu barbaada. Hanga ammaatti goolii 53 biyyasaaf kan lakkoofsise yoo ta'u, kanaan ammoo rikkadii Oliiveer Jiruud qabate goolii afuriin qofa hanqata.

Halaand

Halaand

Madda suuraa, Getty Image

Halaand taphataa lammii Noorwey yeroo kamirrayyu caalaa goolii baayyee lakkoofsise ta'eera. Maanchester Siitiif taphoota 17 taphateen goolii 19 lakkoofsisuun rikkardii qabateera.

Haata'u malee, biyyasaa Noorweyiif taphoota sadii taphataafiin goolii sagal lakkoofsiseera. Kana gochuu isaatiinsi osoo hin dhalatiin erga 1998 as yeroo jalqabaatiif Noorwey Waanca Addunyaatiif akka dabartu taasiseera.

Tapha calallii Waancaa Addunyaa hanga ammaatti taphateen goolii 1 lakkoofsiseera. Kun ammoo taphataan Awurooppaa kamiyyu lakkoofsisuu kan danda'u dachaasaati.

Sadarkaa bara kana lakkoofsisaa jiru kana itti fufsiinaan, dorgommi hunda keessatti, yoo xumura Waancaa Shaampiyoons Liigii gahangoolii 70 lakkoofsisuu danda'a. Kun ammoo Karabaawoo Kaapp ykn FA Cup osoo hin dabalatiindha.

Goolii waliigalaa kilabaa isaafi biyya isaaf lakkoofsisuu danda'u yoo walitti idaane ammoo bara kana goolii 100 lakkoofsisuu danda'a.

Eenyuti hunda caala?

Taphataan duraanii Iskootilaand, Chelsiifi Everten yeroo ammaa xiinxala BBC Sport ta'e Paat Neevin akkas jedhe: "Erliing Halaand addunyaa kubbaa miilaa keessatti taphata yeroo kamiyyu caalaa guddaadha."

Gaazexeessaan kubbaa miilaa Ispeen Guuyilem Balaaguun ammoo Imbaappeefi taphataan sarara cinaa Baarseloonaa Lamiin Yamaal addunyaarratti yeroo ammaa taphattoota eenyuyyu isaan qixxxaachuu hin dandeenyedha.

Taphataan Maanchester Siitii Nikoo Gonzaaleez ammoo Halaand "addunyaarratti jifataa qixxee hin qabnedha" jedhee amanan

Waan fedhes ta'u Kophee Warqee Awurooppaa bara kana Keen, Halaand fi Imbaappee keessaa tokko harrka galti.

Kan eenyuu ta'a laata?

teenyee ilaalla.