Maanchistar Yunaayitid leenjisaa isaa Amoorim hojirraa ari'e

Madda suuraa, Getty Images
Maanchistar Yunaayitid leenjisaa isaa Ruuban Amoorim baatii 14 booda ofirraa ari'e.
Tapha kilabichi gaafa Roobii Barnileey waliin qabu Daaran Fileecher akka itti gaafatama fudhatee dalagu kilabichi ibseera.
Ruuben Amoorim hoggantoonni olaanoo Maanchister Yuunaayitid hojii isaa gidduugaltummaa tokko malee akka hojjetuuf akka isaaf eeyyamaniif jecha dhihoo dubbatee ture.
Amoorim Jimaata darbe akka duubaan waa jiru ibsa amiidiyaaleef kenneen akeekee ture.
Tapha Liidsi Yuunaayitid booda gaaffii miidiyaalee irraa dhiyaataniif yeroo deebii kennu dubbii guddaa dubbachuun ajandaa ijoo miidiyaa taheera.
Amoorim irra deddeebi'uun yeroo kontiraanni isaa dhumu akka deemu dubbate.
Innis ji'a 18 keessatti kan xumuramu tahuu himuun hanga sanatti na dhiisaa hojiikoon hojjedha jechuun hoggantoota olaanoo Maanchister Yuunaayitidiif dhaameera.
Osoo leenjistoota kaan tahee silaa akkas hin tahu ture jechuun kan dubbate Amoorim hojii leenjisummaa isaa keessa kanneen galan akka jira hime.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Maqaa leenjistoota bebbeekamoo dhahuun kan dubbate Amoorim aarii qabu ibseera.
''Ani Toomaas Tuuhel, Antooniyoo Koontee ykn Joosee Moorinihoo miti. Garuu leenjisaa osoo hin taane manaajera Maanchister Yuunaayitididha'' jedhe.
Osoo isaan tahee hoggantoonni olaanoon kilebichaa hojii isaanii gidduu hin galan ture jechuuf Amoorim kana dubbate.
Dippaartimantii kamiyyuu yoo tahe, kan taphattoota filu, daariktera ispoortii- hundi isaanii hojii isaan ilaallatu hojjechuu qabu. Ji'oota 18'f anis hojiikoo nan hojjedha'' jedhe.
''Ammas irra deebi'ee nan dubbadha. Ani manaajera garee kanaati malee leenjisaa qofa miti. Inni ammoo ji'oota 18 keessatti kan xumuramu taha. Guyyaa sana namni tokko dhufee bakka na bu'uu danda'a. Waliigalteen keenya akkasidha. Kun hojiikooti. Leenjisaa qofa tahuu miti'' jedhe.
Amoorim waa'ee qeeqa kilebicha irratti ka'uu irrattis dubbateera.
''Namni qeeqaa fi ceephoo gaarii neevil dandamachuu hin dandeenye yoo jiraate kilebicha jijjiiruu qabna'' jedhe.
Gaarii Neevil tapha Maanchister Yuunaayitid Woolvis waliin qixa xumure akka malee qeeqe. Waan gadhee keessaa isa baay'ee badaadha'' jedhe.
Ji'a darbe ammoo Gaarii Neevil wlaiin duraan Yuunaayitidiif taphachaa kan ture Pool Iskools, Amoorim ''Maanchiser Yuunaayitidiin waan bare natti hin fakkaatu'' jechuun isa Amoorim ittisa sadiin taphatu qeeqe.
Amoorim ergasii injifannoo Niwkaasil irratti argataniif gara ittisa afuriitti deebise. Ergasii tapha Woolvis irratti ammoo gara sadiitti deebisuun qixa bahan.
Akkasumas tapha Liidsi Yuunaayitid irrattis gara ittisa sadiitti deebise. Erga galchiin irratti lakkaa'amee garuu Leenii Yooroo baasuun Jooshoyaa Zirkizee galchee gara ittisa afuriitti deebise. Galchii lakkoofsisaniis wal qixxaatan.
Hogganaan dippaartimantii filannoo taphattootaa, Kiristoofer Viivel, erga leenjisaan Fuulham Maarkoo Silvaa taaktikiin Amoorim beekamaadha jedhee dubbatee isaafis qophaa'ee dhufuun 1-1 qixa xumuranii, taaktika kee haala taphattootaaf mijatuutti madaqsuu qabda jedhee ture.
Kanaan ala morkattoonni kee salphaatti haala taphakee waan beekaniif haaluma salphaa taheen qophaa'anii dhufu.
Yoo xiqqaate gara ittisa afuriitti deebisiitii akka morkattoonnikee salphaatti hin tilmaamne godhi jedheeran jedhama.
Amoorim ammoo taaktika isaa 3-4-2-1 taphatuuf taphattoota barbaada.
Aantoonii Semenyoo akka mallattesisaniif gaafatee hogganaan isa ilaalatu Jaason Wiilkooksi osoo hin milkeesiin hafe.
Amoorim erga Semenyoo dhabanii akka sarara gidduu irra taphattoota mallatesisaniif gaafateera.
Hoggantoonni kilebichaa ammoo rakkoo yeroo gabaabaa furuuf osoo hin taane fuulduree kilebichaaf kan oolan mallattesifna amantaa jedhu qabu.
Miidhama taphattootaa akka Buruunoo, Maatiyaas Dilikti, Haarii Maaguwer fi Maawontiin dabalata Amaad, Diyaaloo, Biriyaan Embuumoo fi Maazoraawwiin Waancaa Afrikaaf taphachuuf deemaniiru.
Amoorim kileba isaa carraa sadarkaa 1-4 keessa galchuu irra dedebuun argatus taphoota hedduu mo'achuu dhabuu isaan ammas sadarkaa arfaffaatti dhiyaatee, duubaanis sadarkaa 14ffaati dhiyaatee jira.
Wal dhabdeen isaanii kun Ruuben Amooriimiin hojii isaa dhabsiisuu mala. Eenzoo Maareshkaa akkasuma ifatti dubbachuu isaatiin Cheelsii keessaa ari'ame.












