Diraamaa Afcon: Maaliin kudhaniin taphattee Tuniiziyaa kuffifte

Garee biyyaalessaa Maalii

Madda suuraa, Getty Images

Morkiin Waancaa Afrikaa mo'anii darbuu kaleessa eegalame. Senegaal Sudaniin durfamuurraa kaatee 3-1n injifatte. Maaliin ammoo kudhaniin taphattee Tuniiziyaa mo'atte.

Tapha mo'anii darbuu isa jalqabaa kan ture morkii Senegaaliifi Sudaani. Biyyi waraanaan goolamaa jirtu Sudaan karaa garee biyyaalessaasheen addunyaatti iftee ture. Dursanii goolii ajaa'ibaa tokko Abdallaah Yoniisiin lakkoofsiisan.

Leencotni Teraangaa garuu gahuumsaa fi muuxannoosaanii fayyadamuun osoo boqonnaa hin bahiin goolii lama, boqonnaa boodas goolii tokko lakkoofsisanii 3-1n injifatanii darban.

Taphni lammataa biyya Lixaafi Kaaba Afrikaa walitti fide. Maaliifi Tuniiziyaa. Tapha kanarratti kubbaan cinaatti morkiin humnaa guddaanis mul'ateera.

Daanyaan tapha kana humnasaanii to'achuuf gareelee lamaaniif kaardii keelloo 10 fi kaardii diimaa tokko kenneera.

Maaliin taphataa Kuulibaaliiy jedhamu daqiiqaa 26ffaarratti kaardii diimaa kallattiin argateen daqiiqaawwan 90 ol kudhaniin taphachuuf dirqamteetti.

Sababa kanaattis olaantummaan kubbaa dhibbeentaan 73 harka Tuniiziyaa ture.

Haata'u malee ittisni maalii waan cimeef Tuniiziyaan carraa goolii sadii caala taasisuu hin dandeenye ture.

Daqiiqaawwan gara dhumaatti Tuniiziyaan goolii lakkoofsifte. Firaas Cho'aat daqiiqaa 88ffaa irratti gooliin lakkoofsise Tuniziyaa dabarse jedhamee abdatame.

Haata'u malee daqiiqaa 96ffaarratti Maaliin adabbii rukuttaa peenaalitii kennisiisu irratti raawwatame. Maaliin sa'aatii isa dhumaatti 1-1 ta'uun gara daqiiqaa dabalataatti seente.

Daqiiqaan dabalataa 30n goolii malee xumuramuu hordofees gareeleen lamaan rukuttaa peenaalitiin gargar bahan. Maaliin rukuttaawwan peenaalitii shan keessaa sadi yoo galchitu Tuniziyaan ammoo lama galchitee. Baamaakootti gammachuu Tuniizitti ammoo gaddi ta'e.

Morkii itti aanuun Maaliin, Sudaaniin kan injifatte Senegaal morkatti.

Galgala kana sa'aa tokkorraa kaasee ammoo qopheessituun sagantiichaa Morookoon bakka buutuu biyya Baha Afrikaa Taanzaaniyaa morkatti.

Sa'aatii Afur irratti ammoo Kaamerooniifi Afrikaan Kibbaa ni morkatu.