Netaaniyaahuun karoora Gaazaa Pirezidaanti Tiraamp irratti yaaddoo qaba

Tiraamp fi Natinaahuu

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp fi Natinaahuu

MM Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun, Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraamp miseensota boordii Nagaa Gaazaa ifa gochuu hordofee mana maree Ministiroota Ittisaa waliin walgahii hatattamaa taasisuuf waamicha dhiyeessan.

Qondaaltonni Israa'el akkaataa filannoo "boordii Nagaa" hundeeffamee, irratti Israa'el hin mariisifnee jedhu. Achi keessa kanneen imaammata faallaa Israa'el ta'an qaban waan jirraniif yaaddoo qaban ibsu.

Ameerikaan Sanbata darbe miseensota Boordii Hojii Raawwachiiftuu Gaazaa kan ifoomsite yoo ta'u ministeera dhimma alaa Turkii, qondaalli Kaatar, Ministira Muummee UK duraanii Tooni Bileer fi Soddaa Tiraamp Jaareed Kushner faa keessatti argamu.

Caasaan sirrii boordii kanaa ammallee ifa waan hin taaneef miseensonni itti dabalaman biroo jiraachuu akka danda'an eegama.

Komishiiniin Tiraampiin hundeeffame kunis bulchiinsa fi tasgabbii Gaazaa kan to'ata.

"Boordii Hojii Raawwachiiftuu Gaazaa" garee bulchiinsaa biraa, Koree Biyyoolessaa Bulchiinsa Gaazaa (NCAG) hunda to'achuuf itti gaafatamummaa qaba jedha ibsi Waayit Haawus baase.

Boordii Hojii Raawwachiiftu olaanoo kana keessatti qondaaltota biyyoota lama kanneen yeroo waraana Gaazaa Israa'el qeeqan Turkii fi Kaatar ni argamu.

Kun ammoo Israa'eliif hin fudhatamne jedha Gaazexaan Taayims of Israa'el.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gama biraatiin Falasxeemonni dhaabbilee kanaan bakka bu'uu akka hin qabne fedjii qabu.

Hogganaan Inishiyeetiivii Biyyoolessaa Filisxeem Mustafaa Barghuti BBC'tti akka himanitti, manni marichaa ''dhaabbata Ameerikaa miseensota idil-addunyaa muraasa of keessaa qabu fakkaata'' jedhan.

Hanga ammaatti miseensi Israa'el Boordii Hojii Raawwachiiftuu Gaazaa keessa jiru Yakir Gabay, daldalaa Israa'el keessatti dhalatee amma teessoo isaa Qophros keessa jiraatu qofaadha. Boordii olaanoo lamaan keessaa lammiileen Falasxeem hin jiran.

Hogganaan paartii mormituu Israa'el Yahir Lapid kun ''Israa'eliif kufaatii dippilomaasii'' cimaadha jechuun barreessan.

Boordiin Nagaa waliigalaa kun hoggantoota addunyaa ''bulchiinsa bu'a qabeessaa fi kenniinsa tajaajila sadarkaa isaa eeggate kan nagaa fi tasgabbii ummata Gaazaa fiduu'' kan of keessaa qabu yoo ta'u, dura taa'aa isaanii Pirezidaanti Tiraampi jedhe Waayit Haawus.

Gaazexaan Taayims of Israa'el Dilbata darbe waajjira MM Israa'el wabeeffachuun, bahe beeksisni Waayit Haawus qaama idil-addunyaa haaraa Gaazaa to'atu hundeessuu ilaalchisee baase "Israa'el waliin kan hin mari'atamnee fi imaammata ishee kan faallessudha" jedhe.

Akka gaazexaan kun jedhutti, Netaaniyaahuun mana maree haaraa 'Hojii Raawwachiiftuu' jedhamuun ijaarame kan morman fakkaatu.

Manni Maree Hojii Raawwachiiftuu kun teeknikaan Mana Maree Nageenyaa jalatti kan hojjetu ta'us itti gaafatamummaan isaanii Pirezidaantii Tiraampifi.

Keyir Istarmer fi Tiraamp

Madda suuraa, EPA

Waajjirri Netaaniyaahuu ibsa barreeffamaan kenneen, Ministirri muummee ministeeraa Ministira Dhimma Alaa Gideon Sa'ar mormii Israa'el caasaa mana maree hojii raawwachiiftuu irratti qabdu gita isaanii Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo akka beeksisan qajeelfama kennaniiru.

Bloombergi akka gabaasetti, bulchiinsi prezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp biyyoonni mana maree nagaa kanatti makamuuf doolaara biiliyoona 1 akka kaffalan gaafataa jiru.

Rooyitars ammoo gabaasa kana mirkaneessuu akka hin dandeenye ibseera.

Miseensonni boordii eenyufa'i?

Waayit Haawus tarree miseensota Tiraamp 'mana maree nagaa' haaraa Gaazaaf uume ifoomseera.

Manni marichaa Ministira Muummee UK duraanii Tooni Bileer, Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo, Ergamaa addaa Ameerikaa Baha Giddu Galeessaa Istiiv Wiitkoof, soddaa Pirezidaantii Doonaald Tiraamp Jaareed Kushner, biliyeenara Ameerikaa Maark Roowaan, Pirezidaantii Baankii Addunyaa Ajaay Baangaa, Gorsitoota Nageenya Biyyaalessaa Ameerikaa Roobart Gabri'eel fi Nikoolaay Meladenov, akkasumas nama siyaasaa Bulgaariyaa fi ergamaa duraanii Baha Giddu Galeessaa UN kan of keessatti hammatedha.

Waayit Haawus akka jedhetti, tokkoon tokkoon miseensi Mana Maree Nageenyaa Gaazaa keessatti tasgabbii mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa taphachuutu irraa eegama.

Haa ta'u malee, hanga ammaatti dirqamni fi mirgi miseensotaa maal akka ta'u kan hin beekamne yoo ta'u, maqaan dubartoota koree kana keessa jiran hanga ammaatti hin ibsamne.

Gama biraatiin ammoo, Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii Sambata darbe rakkoon namoomaa Gaazaa keessatti mudate ''xumuramuu irraa fagaateera'' jechuun akeekkachiiseera.

UN akka tilmaametti gamoolee Gaazaa keessaa naannoo %80 barbadaa'uu ykn miidhamuu isaanii fi maatiin waraana kana irraa hafan ammallee qorraa keessa fi hanqina nyaataa fi bakka jireenyaa wajjin wal'aansoo qabaa jiru jedhe