Miiluma qullaa ittiin deemaa ooluunan nyaata sooradha- Taarikuu Margaa

Taarikuu Margaa osoo miilasaatiin kompitararratti barreessaa jiruu

Madda suuraa, Barsiisaa Darajjee Mokonnin

Ibsa waa'ee suuraa, Taarikuu Margaa osoo miilasaatiin kompitararratti barreessaa jiruu

''Yeroo ijoollummaakoo miiluman ittiin deemaa ooluunan nyaadha ture. Amma miillikoo naaf ajajamuu dide. Yeroon ittiin deemu waan dafquuf ittiin nyaachuunis natti ulfaate.''

Uumaa hin gaafatan! Taarikuu Margaa Shawaa Lixaa, naannoo Sanqalleetti harka lamaan malee dhalate. Nyaachuuf, uffachuufis ta'e waan raawwachuu barbaadu kamiyyuu ittiin hojjechuuf umamumaan harka hin qabu.

Yeroo dhalatee kaasee hanga har'aattuu haadha harma hoosiftee guddisteetu gargaara.

Erga guddatee dargaggeessa tahees nyaata afaan kan keessu haadhasaati.

Taarikuun amma dargaggeessa waggaa 20ti. Garuu harmeensaa akkuma yeroo daa'immummaa isaa qaamasaa dhiqxee guddiste sana har'as akkasuma qaamasaa dhiqxee uffata itti jijjiirtee jiraachisaa jirti.

''Akkan qaama hir'uu tahe kanan hubachuu jalqabe yeroo umuriinkoo waggaa afur, shan tahudha. Yeroo ijoolleen ollaa fiiganii taphatan taphachuu hin dandeenye. Yeroo sanaa jalqabee sammuunkoo dhiphachuu jalqabe. Ol ka'ee deemuu hin danda'un ture,'' jechuun BBCtti hime Taarkuun.

Haati Taarikuu Aadde Balaayinesh Nugusee, ''daa'imakoo kana yeroo dhalatee kaasee maatiikoo hundan dhoksaa ture. Abbaankoo, ollaankoo hundan dhoksa ture. Halkaniifi guyyaan boo'aan tures,'' jedhan.

Yeroo daa'imummaa isaa irraa eegaluun har'a erga dargaggeessa waggaa 20 tahees mana fincaanii geessuun, uffata itti jijjiiruun, nyaatas kan afaan kaa'an harmeesaa Aadde Balaayineshidha.

''Ana malee eenyuu qaba? Firri waan biraa si gargaaruu danda'a? Eenyutu guyyaa hundaa uffata itti jijjiira? Eenyutu qaama isaa dhiqa? Yoo haadha tahe malee kana eenyutu danda'a? jedhan.

Taarikuun akkamiin akka deemsa jalqabe yoo yaadatu, ''daa'imummaakootti waanuma naannookoo jirutti hirkadhee ol ka'ee dhaabachuun jalqabe. Akkasiin deemsa ergan jalqabee booda keessa ammoo yeroo umuriinkoo waggaa jaha tahu maatiinkoo mana barumsaa na galchan,'' jechuun BBC'tti hime.

Taarikuu Margaa, Shawaa Lixaatti barataa harka lamaan malee dhalate

Madda suuraa, Barsiisaa Darajjee Mokonnin

''Baradhee hakiima tahuun barbaada ture'' kan jedhu Taarikuun har'a maalirra jira?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Aadde Balaayinesh Taarikuu waliin ijoolee dhiiraa sadii fi ijoollee dubaraa sadii qabu. Taarikuun ammoo mucaa isaanii sadaffaadha.

Taarikuun yeroo dhalatu garuu harka lamaan tasumayyu hin qbau. Kunis naasuu guddaa isaanitti uumuu himu.

''Ilmakoo dahee qaama hir'u tahuusaa yeroon argu abbaa kiyyallee hangan dhoksuttan gahe. Firootakoo, ollaa fi maatii hundaan dhoksaan ture. Manaa gadi hin baasuun ture,'' jedhan Aadde Balaayinesh Nugusee.

''Maatiikoo hunda yeroon dhoksee daa'imakoo kana waliin rakkadhu haadhakoo qofaatu ana waliin manaa bahee rakkataa ture'' jedhan.

Gaafa guddataa adeemu ol jedhee taa'uu jalqabe. Harka ittiin waa qabatee ka'u waan hin qabneef foqoqee dugda isaa taa'umsatti, keenyan manaatti hirkisee ol ka'uu jalqabe.

Akka daa'imni harkaan lafa qabattee daa'imtu inni immoo dugda isaatiin foqoqee bakkaa bakkati socho'uu jalqabe. Osooma jedhuu ol ka'ee deemee gadi bahuu jalqabe jechuun haala ture yaadatu haati Taarkuu.

''Ol jedheen dhaabadha jedhee yeroo ka'uuf tattaafatu osoo kufuu, mataansaa, addisaa guyya guyyaan buruqee osoo dhiiguu, osoon mana yaalaati fiiguun kunoo guddate.''

''Gatiin isa waliin hin baasne hin qabu'' jechuunis, ''Akkamumatti qaama hir'uu tahee dhalate jedhee yaalsisuuf mana yaalaa irran jooraan ture'' jedhan haati Taarikuu Aadde Balaayinesh.

Miilakoonan barruuleerratti barreessa

Taarikuu Margaa erga miilasaatiin ka'ee deemuu jalqabee booda, maatiin isaa harka qalleessa tahanis mana barumsaa galchuuf murteessan.

Manni barumsaa mana isaanii irraa fagoo waan taheef, yoo xiqqaate daqiiqaa 40 miilaan deemee barataa ture.

''Gara jalqabaa daree keessatti barattoonni ilaalcha gaarii waan naaf hin qabneef jecha sammuunkoo tuqu natti dubbatu turan'' jedhe.

Barsiisonni erga waa'ee miidhama isaa kana barattota hubachiisanii booda garuu hiriyyootas argachuu ubbata Taarkuun. ''Dabtarakootuu isaantu naaf baata'' jedhe.

Aadde Balaayinesh, ergan mana barumsaa galee achiitti ijooleen jecha hin taane itti dubbataniin booda deebii'ee mana barumsaa dhaqu hin baradhu jedhee akka didee ture kaasu.

''Ijoolleen harka hin qabdu jettee natti qoosti. Ani ol jedhee ijoollee ilaaluun dadhabe. Hin baradhu na jedhe,''' jedhan.

Haatii saa ammoo mana barumsaa deemuun erga daariktera mana barumsichaa bira dhaqanii dubbisuu fi ''Ijoollee manaa kan qabdan maal jettu? jedheen isaanitti boo'e'' jedhan.

''Mana dhoksee yoon kaa'e waaqayyos namnis maal naan jedha? Dabtaraa fi kobbee fuuldura isaa kaa'aatii adaraa akka barreessu gargaaraa jedheen boo'e.''

Manni barumsichaas barsiisotaa fi barattoota walitti qabuun; ''mucaan kun obboleessa keessanidha. Yoo kufe qabaa kaasaa. Yoo dadhabe gargaaraa jedhanii gorsan'' jedhan.

Dhaabbanni miti mootummaa tokko taa'umsa irra taa'uu fi irratti barreessu hojjetaniif jennaan isuma qabatee daree irraa dareetti darbaa ture jedhan Aaddee Balaayinash.

Kutaa 1- 8 sadarkaa 1-3 gidduu bahaa turuu kan hime Taarikuun, ''gadi jedhee sababiin miilakootiin barreessuuf lapheenkoo na dhukkuba ture'' jedha.

''Manumattan miilaan barreessuu shaakalaa ture. Mana barumsaa galees sarara isaa eegee miilumanan barreessaa hanga ammaa baradhe'' jedhe Taarikuun.

''Sanqallee fi mana barumsaa gidduu daqiiqaa 40 ol miilaan deemeen barachaa ture.''

Itti dabalunis, ''Nan dadhaba. Kophee banaa wayiin kaawwadha. Innis natti hin tolu. Barumsa sadarkaa lammaffaa yeroon gahu dadhabbii irraa kan ka'e erga mana gahee taa'ee dubbisuu waanan dadhabuuf dhiisee rafuun jalqabe,'' jechuun fageenya daandii miilaa adeemu hangam barnootasaa qayyabachurratti dhiibbaa akka uumee ibsa.

Kana malees manni barumsaa Taarkuun keessatti baradhu kan qaama miidhamtootaa miti. Kanaafuu, addatti meeshaan barnootaas tahe ilaalchi qabxii isaaf taasifamu akka hin jirre hima Taarikuun.

Kutaa 12 gahee yeroo qormaata biyyaalessaa fudhatus akkuma barattoota qaama guutuu qabaniitti malee qabxii qaama miidhamtootaaf mootummaan kaa'een akka hin ilaalamne hime.

''Maatiikoo irraa kan hafe nama na gargaaru omaa hin qabu. Qormaanni biyyaalessaa yeroo gahu achuma Ambotti akkan qoramu gaafadheen ture. Garuu naaf hin eeyyamane. Wal-Qixxeetti na erganii rakkadheen achitti qoramee deebi'e,'' jedha.

Qormaani biyyaalessaa kutaa 12ffaa yuunvarsiitiilee adda addaa keessatti kennamaa ture. Yuunvarsiitiin Amboo osoo jiruu Taarikuun Wal-Qixxeetti ergamuun isaaf dadhabbii guddaa akka ture hima.

''Yeroo foormii qormaataa oonlaayinii guunne qaama miidhamaa tahuukoo guuteen ture. Xalayaas galcheera. Yeroo sanattis namni na gargaaru ana cina waan hin jirreef dhiphachaan ture'' jechuun haala rakkiisaa keessa darbe yaadata.

Kanaan wal qabates qormaatichaan osoo hin milkaa'iin hafe. ''Baay'ee aareen maatiinkoos na barsiisuuf humna waan hin qabneef waggaa tokkoos mana bahe.''

''Qabxii darbinsa qormaata biyyaalessaa irratti kan qaama miidamtootaaf qabameen miti kan koo kan ilaalame. Ani akkatti iyyatanis waanan hin beekneef ergasii deebi'ee deemee hin gaafanneen ture'' jedhe.

Taarikuun ammaan tana Ambotti barnoota kompiteraa barachaa jira.

Barsiisota isaa keessaa tokko kan tahe Darajjee Mokonnin, ''guyyaan jalqaba arge na gaddisiise jennaan suuraa kaaseen akka uummanni hubatee isa gargaaruuf yaalaan ture'' jedhe.

Harka lamaan osoo hin qabaatiin tattaaffii mataasaatiin hanga kana baratee xumuruun isaayyuu cimina tokko ta'u dubbatu.

Maatiisaas harka qalleeyyii waan tahaniif rakkina guddaa qaba. Guyyaa guyyaan gatii geejibaa harkaa waan hin qaneef yoo dadhabe jidduutti hafaa barataa jiraachu dubbatu barsiisaan Taarkuu, Barsiisaa Darajjeen.

Miilakoonan kompiitera irratti barreessa

Taarikuun qormaata biyyaalessaa fudhatee osoo hin milkaa'iin waan hafeef amma Ambotti leenjii kompiteraa fudhachaa jira. Kompiitera suphuufis tahe kompiitera irratti barreessuuf harki baay'ee murteessaadha.

Taarikuu garuu kun isa hin daangessine. ''Miilakootiin saffisa gaariidhaan kompiitera irratti nan barreessa. Kana dura Yuunvarsiitiin Amboo laaptooppii tokko naaf kennee ture. Ishuma irratti ergan shaakalaa tureen booda amma sirriitan barreessa,'' jedhe.

Fulduratti mana footokoppiis ykn mana kompiteraa tokko banatee hojjechuu akka barbaadu dubbata.

Barsiisaa Darajjeen barataa Taarikuun osoo namni deeggaru jiraatee bakka guddaa gahuu danda'a jedhu.

Harmeen Taarikuu ''ilmikoo kun baratee osoo hojii naaf qabatee ijikoo argee du'eyyuu, du'e hin jedhu. Inni of danda'uu isaa ijikoo arginaan anaaf boqoannaadha'' jedhan.

Haati Taarikuu Aadde Balaayinesh Haraqee baasanii, abbaansaa immoo hojii humnaa guyya guyyaan argatan hojjetanii jiraatu.

Kanaaf Taarikuuf waan barbaachisu guutuun hedduu itti ulfaata. Qofaa isaa mana kiraayii fudhatee akka hin jiraanne ammoo nyaatayyu ofii bilcheeffachuu hin danda'u.

Abjuun Taarikuu fagoodha. Aadde Balaayinesh amma erga barnoota kompiteraa jalqabee as haamilee argachu dubbatu. ''Sammuun isaa akka duraan miidhame miti. Amma jajjabaachaa jira'' jedhan.

Maatii horachuun hawwa

Taarkuun amma akka qaama miidhamaatti of hin ilaalu. Sammuu guutuun qaba. Akkuma namoota kaanii bakka guddaa gahee maatiis horadhee jiraachuun barbaada.

''Qaama miidhamuu jechuun sammuu miidhamuu jechuu miti. Warri akka koo qaama miidhamaa taatan jabaadhaa'' jechuun dhaama Taarikuun.

Duraan ilaalchi namni isaaf qabu akka isa gaddisiisaa ture kan himu Taarikuun, amma namoonni isa argan akka isaaf gaddan hima.

Garuu gargaarsa waan hin qabneef miila isaa akka harkaa fi miilaatti hojiin itti baay'ateef kophee gaariillee bitachuuf rakkataa jira.

Miilli isaa guddate ammoo akka bara ijoollummaa isaa sana hin abboomamuuf. Kanaaf amma miilaan nyaachuun waan itti ulfaateef maatii isaatu nyaata afaan isa kaa'a.

''Dargaggeessa taatee waan hundaan maatii irratti hirkachuun nama qaanessa. Garuu filannoo biraa hin qabu. Harmeekoo hanga dhumaatti rakkisuu hin barbaaduun ture,'' jedhe.