Barataa sababa miidhama qaamaatiin barnoota irraa ittifamee doktara ta'e

Biiniyaam Isaayyaas barataa qaxalee garuu sababii miidhama qaamaatiin Yunivarsitii bu'aa bahii keessa darbe

Madda suuraa, Biniyam Isayas

Ibsa waa'ee suuraa, Biiniyaam Isaayyaas barataa qaxalee garuu sababii miidhama qaamaatiin Yunivarsitii bu'aa bahii keessa darbe

Biiniyaam Isaayyaas barataa qaxalee sadarkaa gadi aanaa hanga kutaa 12ffaa xumurutti sadarkaa keessaa bahee hin beekne.

Qorumsa biyyaalessaa kutaa 12ffaa qabxii olaanaa fiduunis ogummaa hawwii ijoollummaa namoota hedduu ta'e doktara yaala fayyaa ta'uuf karaa milkii qabate.

"Barataa sadarkaatin ture ani. Ijoollummaarraayyuu doktara fayyaa ta'uun fedhan ture. Kutaa 12ffaatti qabxii gaarii fidee jennaan hangafoonnikoos barnoota fayyaa akkan seenuu qabu na gorsan," jedha Biiniyaam.

Dr. Biiniyaam dhalootumarraa kaasee miidhama qaamaa akka qabu hima. Harki isaa bitaa ciqilee gadi jiru dhalootumaanuu hin qabaatin akka dhalate hima.

Hanqinni kun garuu jaalala barnootaaf qabuu fi abjuusaa galmaan gahuu irratti dhiibbaa isarraan gahe akka hin jirre hima.

Dargaggeessi kun barnoota sadarkaa olaanaatiif Yunvarsiitii Finfinnee jalatti kan argamuu fi ogeessota yaala fayyaa biyyattii hedduu horachuun gurra guddaa kan qabu Koollejjii Fayyaa Hospitaala Xiqur Ambassaatti gosa barnoota 'Medicine' barachuu eegale.

Barnoota isaa hanga waggaa afurii fi ji'oota muraasaatti haala gaariin erga hordofaa tureen boodaa garuu mana barumsaa isaa irraa rakkoon tasa inni hin eegne isa mudachuu dubbata.

"Waggaa afurii fi ji'oota muraasa nagumaan barachaa tureen booda qaama miidhamaa waan taateef barnoota fayyaa itti fuftee barachuu hin dandeessu kan jedhu dhiibbaan narratti taasifamuu jalqaabe" jedha.

Manni barumsaasaa barataan kun waggoota afurii oliif erga ogummaa kana barateen booda gosa barnootaa biraatti akka jijjiirratu yookan ammoo barnoota kana akka dhaabu itti himamuu dubbata.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Barnoota kana akkan dhaabu dhiibbaan natti cimee jennaan xalayaa naaf barreessaa sababa kanaaf itti fufuu hin dandeessu kan jedhun gaafadhe. Booda xalayaa sababa hojiiwwan ogummaan kun barbaadu akka deessisuu fa'i harka tokko qofaan hojjechuu hin dandeessuu fi kan biroos eeranii xalayaa naaf barreessan" jechuun haala yeroo sana isa mudatee ture hima.

"Xalayaa isaan naaf barreessan kana fudheen yunvarsiitii Finfinnee deemee iyyadhe. Isaanis sababa gahaa ittiin dhorkitan yoo qabaattan jalqaba maaf hin dhorkine kan jedhuun murtii kana akka sirreessan xalayaa hospitaalichaaf barreessaniif," jedha.

Koolleejjiin barnoota isaa garuu xalayaa yunvarsiitirraa barraa'e kanaanis barataa kana daree barnootaatti deebi'ee barnoota akka itti fufu heeyyamuufii akka dides hima.

"Rakkoon kun kara keessaatiin furmaata akka argatu qaama dhimmisaa ilaalu hunda ji'ootaaf deddeebi'een yaale. Garuu dhiibbaan sun furmaata argachuu hin dandeenyee turee" jedha Dr Biiniyaam.

Sababii miidiyaa hawaasatti bahen furmaata argadhe

Biiniyaam maatiifi firoota waliin

Madda suuraa, Biniyam Isayas

Dr. Biiniyaam sababa miidhama qaamaa qabuuf barnoota hawwii ijoollummaasaa ta'e, sanuu eebbaaf karaa walakkaa erga deemeen booda dhorkamuun seera idil addunyaatiinis fudhatama kan qabu akka hin taane hubateera.

Kanaaf jechas rakkoo sababa harka tokko hin qabneef ogummaa fayyaa akka hin baranne dhorkame kana gara miidiyaa hawaasaatti bahee dubbachuuf murteessuu hima.

"Dubbichi dhimma wal hubachiisuu osoo hin taane takka jenne duuba hin deebinu kan jedhu ture. Tibba sana baayyee jeeqameen ture. Silaa kana caalaa maal na gochuu danda'u gadi baheen dubbadha jedheen rakkoo narra gahe miidiyaa hawaasummaatti ifa baase," jedha.

Waggoota lamaan dura dhimmi barataa kanaa miidiyaa hawaasummaa irratti yeroo bahetti ijoo dubbii kan sababa miidhama qaamaatiin qollifannaa taasifamu ibsudha jechuun hedduu qoodamaa ture.

Dhiibbaan hawaasarraa dhagahamaa ture cimaa deemee jennaan koolleejjichi barataan kun barnootasaa itti fufee akka baratuuf deebisee murteessef.

"Yeroon sun yeroo ulfaataa ture. Waaqayyotu na gargaare malee. Maatiinkoo fi uummanni nacinaa dhaabbatee osoo naaf hin falmine ta'ee silaa har'a hin eebbifamun ture," jedha.

Falmiin barataa kanaa fi koolleejjicha gidduutti uumamee ture ji'oota saddeet kan fudhatee ture ta'ulleen yeroo sanatti barataan kun barnoota akka dhaabu afaanumaan itti himame malee xalayaan waan hin kennamneefif barnotasaa ittuma fufee barachaa ture.

"Xalayaan kan naaf kenname dhumarratti. Jalqaba xalayaa naa kennanii waan nan ittisneef ani barataadha jedheen barnoota kiyya itti fufaan ture. Dhorkame jedhee barnoota hin dhaabnen ture. Sababa saniif amma hiriyoota kiyyaan qixan xumure," jedha.

Dr. Biiniyaam Sanbata xiqqaa darbe koolleejjii fayyaa Hospitaala xiqur Ambassaa irraa doktarummaan eebbiffameera.

Sirna eebbaa kanarrattis badhaafamaa addaa jedhamuun waltajjiitti bahee ministira Fayyaa fi ministira barnootaa irraa beekamtii addaa argateera.

Ogummaa jaalatuun eebbifamuu caalaatti sababa miidhama qaamaa qabuuf dhiibbaa isarra gahuuf ture keessa darbuun eebbaaf gahuutti hedduu gammachuu akka qabuufi namoonni miidhama qaamaa qaban harka kennuu hin qaban jechuunis dhaama.

"Qaama miidhamaa ta'uun samuu miidhamuu jechuu miti. Kanaafuu kan namni tokko karaa tokkoon hojjetu namni biraa ammoo karaa biraa hojjechuu danda'a.

''Kanaaf namni miidhama qaamaa qabu namni akkas naan jedhe jedhee gadi of qabuu hin qabu. Ofitti amanamummaa qabaachuu qabu," jechuun dhaama.

Dr. Biiniyaama tibbana ogummaa fayyaa aarsaan milkeeffate kanatti yeroo eebbaa sagantaawwan adda addaatiin maatiisaa waliin gammachuun dabarsaa akka jirus BBC'tti hime.