Dr. Li’ulsaggad: ‘Doktara barnoota yunvarsiitii waggaa torbaa booda hojii dhabee qonnatti deebi’e’

Dr. Li’ulsaggad hojii dhabiinsaaf qonnatti gale

Maqaan isaa Dr. Li’ulsaggad Indiriyaas jedhama. Dhalatee kan guddatte Walaayittaa Sooddoo aanaa Ibaalaa Abbayyaa jedhamutti.

Ijoollummaa isaatti namoonni naannoo isaa yeroo dhukkubsatan ogeesa fayyaa argatanii yaalamuuf dadhabii fi fageenya deeman argaa waan guddateef, ijoolummaan isaa irraa qabee oggeessa wallaansa fayya ykn hakiima ta’uuf hawwuu akka eegale hima.

Naannoo isaaniitti ogeessi fayyaa Dr. Qalamuu jedhaman jiraachuu fi isaanis hawaasa naannichaatiin haalaan kan beekamanii fi isaan argachuun hedduu ulfaataa ta'u kaasa.

Akkasumas, hakimiin kun hawaasan baayyee kan jaalataman ta’uu arguunsaa ammoo isaan akka fakkeenyaatti ilaalee hamileen hakiima ta’uusaa daran akka dabaleef hima.

Dr. Li’ulsaggad gaaffiifi deebii BBC Afaan Oromoo waliin taasiseen akka himetti, yunvarsiitii Walaayittaa Sooddoo seenuun ogummaa ijoollummaasaa irraa qabee hawwaa ture kana waggoota torbaaf erga barateen booda Adoolessa bara 2015 eebbifame.

Qorumsa bahiinsa yunvarsiitiis qoramee darbuudhaan ogummaa abjuusaa ta’e kana fiixaan bahee gulantaa Doktara jedhus argateera. Garuu wanti hundi akka inni daa'immummaan yaade fi hawwe sana hin taaneef.

Hojii dhabdummaa fi hojii qonnaa

Dr Li'ulsagaddi

Dr. Li’ulsaggad ilma qonnaan bulaa maatii isaa waliin hojii qonnaa hojjechaa guddate. Erga eebbifamee hojii barbaacha asiif achi jedhuleen hojii argachuu hin dandeenye.

“Ogummaa baradhe kanaan hojjechuuf godina keenya kana keessa carraa hojii yaaleera. Garuu hin arganne. Booda callisee maalifan taa’a jedheen hojii qonnaatti deebi’ee maatiikoo gargaaraa jira,” jedha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yeroo barataa turetti yeroo shaakalaaf Hospitaaluma Walaayittaa sooddootti argamu keessa hojjechaa waan tureef, namoonni naannoo yeroo qe’eetti isa argan achuma hojjechaa akka hafeetti fudhachuun, amma maatii akkan gargaarutti na yaadu jedha.

“Namoonni naannoo hojii wallaansaa sana hojjechaatuma waanin hojii qonnaa hojjedhu na se’u. Maatiinkoo ammoo waan jiru hunda hubannoo waan qabaniif nan hin dhiphisan. Baayye na hubatu,” jedha.

Ta’ulleen ogummaa fayyaa ''kan waggaa torba hirriiba malee itti dabarsee baradhe kanaan hojii dhabee yeroon hojii qonnaatti deebi’u namatti ulfaata, nama dhukkubas” jechuun miira gaddaa isaatti dhagahamu dubbata.

Ogeessi fayyaa kun ogummaa barate kanaan magaalota biyyattii fageenya irratti jiran deemuun hojii barbaaduuf humna gahaa akka hin qabnes dubbata.

Ta’ulleen amalleen ogummaa waggaa torbaaf itti dadhabee ittiin eebbiifame kanarraa abdii hin kutaanne. Carraa hojii bakka itti bahetti deemee dorgomaa hojii qonnaa isaas maatiisaa gargaaruu akka itti fufu BBC'tti hime.