Yohaannis Getaachoo: Hojjetaa misooma dirreetii hanga inveestarummaatti

Dargaggoo Yohaannis Getaachoo godina kennaa uumamaa bosonaaf dammaan badhaate Iluu Abbaa Boor aanaa Aallee magaalaa seena qabeettii Goree keessatti dhalatee guddate.
“Achumattin guddadhe, barnootas kutaa tokkoffaa hanga 10ffaatti achumattin baradhe” jedha dargaggoon kun.
Barnootasaa kutaa 10ffaa erga xummureen booda Kollejjii Barumsa Leenjii Tekinikaafii Ogummaa Qonnaa Agaarfaatii Saayinsii Beeyladaan eebbifameera.
“Bara 2005 hanga 2007’tti Hojjetaa Misoomaa ta’uun hojii mootummaa hojjechaan ture,” kan jedhu dargaggoo Yohaannis, bara 2008 keessa garuu hojii mootummaa dhaabuusaa hima.
Sababnisaammoo hojii caalmaatti milkaa’ina naaf fida jedhe hojii horsiisa kanniisaafii omisha dammaa eegaluuf ture.
Maatiinsaa bifa aadaatiin ta’us oomisha dammaa hojjechaa akka turan kan himu dargaggoon kun, ijoollummaasaarraa kaasee kanniisotafii damma waliin hariiroo cimaa qabaachuu hima.
Kunis hojii omisha dammaarratti bobba’ee akka hojjetuuf sababa isa tokko ta’uu hima.
“Lammaffaammoo haala omishaa biyya alaa jirufii wanta barumsarratti baradheen walqabatee gara qonnaan bultootaa gadi bu’ee yemmuun hojjedhu quuqama guddaatu nakeessatti uumama ture,” jechuunis qonnaan bultoota deeggaruun cinatti innillee hojicharratti bobba’uuf kaka’umsi keessatti uumamuu hima.
“Bara sana naaf hinmilkoofne…”
Hojii mootummaa dhaabuun hojii dhuunfaasaa hojjechuuf kan murteesse dargaggoo Yohaannis, bara 2008titti hiriyaasaa waliin ta’uun lafa maatiisaa irratti gaagurawwan 50 dhaabuun hojii horsiisa kanniisaafii omisha dammaa eegalan.
Hojiin dargaggoota lamaanii kunis kaapitaala birrii kuma 70’n eegalame.
Waqtii sanatti gaagurawwan 50 keessaa kan kanniisa qaban gaagurawwan 30 akka ta’an kan himu dargaggoon kun, oomisha dammaa hanga yaadan akka hinargannes hima.
“Bara sana keessa badaa naaf hinmilkoofne. Gatiin gaaguraas guddaa ture. Gaagurri nuti hojjennes maashina malee harkumaan hojjenne waan ta’eef rakkina qabu ture,” jedha.
Sababawwan kanaanis omisha dammaa akkasumas galii hanga yaadan osoo hinargatiin hafuu hima.
“Mindaa dhiistee gara hojii dhuunfaatti yemmuu dhuftu jireenyi sitti ulfaata. Kanaaf gara hojii mootummaattin deebi’e,” jedha.
Haaluma kanaan gara hojii mootummaatti deebi’uun hanga bara 2012’tti hojjete.

Abdii haaraa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dargaggoo Yohaannis Getaachoofii hiriyoonnisaa kanbiroo afur waliin ta’uun bara 2012’tti waldaan gurmaa’uun hojii omisha dammaa eegalan.
“Hanqinoota kana dura turanirraa muuxxannoo fudhannee, hojii mootummaa dhiisee gara hojii dhuunfaa kanatti deebi’e,” jedha.
Yeroo kanatti leenjiiwwan garagaraa fudhachuun gaagurawwan ammayyaa omishuu isaaniifii karaa inisheetivoota garagaraatiinis gatii madaalawaa ta’een gaagurawwan ammayyaa argachuu akka danda’an hima.
“Bara 2012 gaagura 100 binnee hojiitti galle. Bara 2014 immoo gaagura 150 ta’e. Bara sana damma kilogiraama 840 arganne,” jedha.
Bara 2015 keessammoo omishasaanii guddisuun damma kilogiraama 1750 omishuusaanii kan himu dargaggoon kun, bara kana ammo omisha dammaa kilogiraama 6,000 akka argatan tilmaamasaa himeera.
Yeroo ammaa gaagurawwan 420 akka qaban himuun damma omishan dukkaana isaanii magaalaa Goree keessatti argamutti gabaaf dhiyeessu.
Kana malees gaagurawwan ammayyaa omishuun gurguruunis galii ni argatu.

Inveestimantii
Waggoota muraasa dhufan keessatti omisha dammaa isaanii sadarkaa olaanaan guddisuuf karoorfatanii hojjechaa akka jiran kan himu dargaggoo Yohaannis, hojii isaanii kanaafis lafa investimantii hektaara 100 ta’u fudhachuu isaanii hima.
Karoorri qabatanii hojjechaa jiranis “Waggoota dhufan lama (2017 fi 2018) gidduutti lakkoofsa gaaguraa 1000’n gahuudha” jedha.
Kana malees haala mijataa jiruurratti hundaa’uun gaagura konkolaataan iddoodhaa iddootti geejibsiisuun damma gosa garagaraa omishuuf karoorfachuusaanis hima.
Bara darbe keessa baazaarii idil- addunyaa biyya Sudaan magaalaa Kaartumitti qophaa’erratti omisha dammaa isaanii dhiyeessuun hirmaachuusaanii kan himu dargaggoo Yohaannis, ammatti gabaan biyya alaa xiyyeeffannoo isaanii ijoo akka ta’e dubbata.
“Wanti achirratti agarre dammi biyya keenyaa qulqullinaan baay’ee gaarii akka ta’edha. Damma ‘organic’ ta’edha kan oomishnu. Wanti guddaan achitti agarres gabaan biyya alaa damma naannoo keenyatti oomishamu kana akka barbaadudha,” jedha.
Kanaafis damma baay’inaanfii qulqullinaan oomishuun gabaa biyya alaaf dhiyeessuuf hojjechaa akka jiranis himeera.












