Dargaggoo waan obboleessa isaa ajjeesse haaloo bahuuf kalaqa eegale

Madda suuraa, ICOG LABS
''Obboleessi koo sababii dhukkuba busaatiin baadiyyaatti lubbuunsaa darbe,'' naannoon Gaambeellaa iddoo dhukkubni busaa baay'inaan mudatu tahuu kan himu dargaggoon ganna 24 Toorpoot namoonni baayyee daafii kanaan du'aa turan jedha.
Naannoo inni itti dhalate buufatni fayyaa gahaa akka hin jirreefi manni isaanis buufata fayyaa irraa sa'aatii tokko akka fagaatu hima.
Yeroos dhaabotni dhukkuba busaa irratti hojjetan saaphana farra bookee busaa isaaniif haa kennaniyyuu malee, obboleessa isaa du'a irraa hambisuu hin dandeenye.
''Kanaan baayyee gaddeen maqaa obboleessa kootiin waa tokko nan hojjedha jedheen yaade. Dhukkuba busaa dhaabuun akka danda'amu nan amana ture, garuu akkamiin akka tahe hin beeku,'' jedha dargaggoon kuni.
Maqaan guutuu isaa Toorpoot Naayarikgoor Roomdoor jedhama. Naannoo Gaambeellaa aanaa Akoob jedhamutti dhalate.

Madda suuraa, Toorpoot
Barnoota isaa sadarkaa tokkoffaafi lammataa Finfinneefi Gaambeellaa dabalatee, magaalaawwan garaagaraatti barate. Amma Yunivarsiitii Dillaatti gosa barnootaa 'Electrical and computer engineering' waggaa 4ffaa barata.
Wal-dorgommii dhaabbatni hubannaa nam-tolche (artificial intelligence) irratti hojjetu iCog Labs jedhamu kan Finfinnee jiru piroojektii iCog Solve IT jedhamuun qopheesseen meeshaa nama busaan qabate salphaatti adda baasuu danda'u hojjechuun, naannoo isaa Gaambellaarraa bakka bu'uun mo'atee calallii dhumaatti darbe.
Toorpoot bara darbe dhaabbatni Huawei Yunivarsiitii Diillaa deemuun barnoota ICT baatii tokkoof erga kenneen booda, wal-dorgommii ICT networking qopheesse mo'achuun, Itoophiyaafi Afrikaa Bahaa bakka bu'uudhaan Chaayinaa magaalaa Shiinjiin, iddoo waajjirri mummee Huawei argamu deemuun, waa'ee neetworkii bilbilaa 5G hubannoo akka argate dubbata.

Madda suuraa, Icog Lab
'Meeshaan kalaqe 'Tor device' jedhama'
Dargaggoon kun ''Seeliin dhiiga diimaa dhala namaa boca 'biconcave' (fiixee gubbaafi jalaan geengoo tahee gidduunsaa kan qal'atu) qaba,'' jedha.
''Yeroo dhiigni kuni bookee busaan faalamu kallattiidhumaan bocni isaa ni geeddarama.
Kanaaf meeshaan ani kalaqe hubannaa nam-tolchee (Artificial Intelligence -AI) kan qabu yoo tahu, quba keenya gaafa irra keenyu, suuraa qubaa teeknolojii 'laser sensor' jedhamuun fudhachuun ifa cimaa keessa akka darbu taasisa.
Ifti suni namni tokko dhukkuba busaan faalameera yoo taheef - mallattoo + (positive) agarsiisa, yoo fayyaa taheefimmoo mallattoo - (negative) agarsiisa.
Suuraan adeemsa kanaas kompitaraan waraabamuu danda'a jechuun Toorpoot akkatti meeshaan inni kalaqe kuni hojjetu nuuf ibseera.
Suuraan gara kompitaraa yookiin bibila keenyatti gale appilikeeshinii machine learning jedhamu fayyadamuun dhiiga nama dhukkuba busaan faalamuufi faalamuu dhiisuusaa xiinxaluu dandeenyas jedheera.
Kana gochuuf immoo barnoota wal'aansaa adda tahe qabaachuun hin barbaachisuus jedheera.
Meeshichi sadarkaa amma jiruun parsantii 70 hojjechuu akka danda'u kan dubbatu Toorpoot gara fuulduraatti foyyessuufi guddisuun gutummaan guutuutti akka hojjetu ni taasisna jedheera.
Dargaggoon kuni meeshaa kana yeroo kalaqu hiriyyaansaa Roobeel Kabbada Yunivarsiitiidhuma Diillaatti barnoota Computer Programming qo'atu qooda guddaa akka qabus dubbateera.
Abjuu Toorpoot
Abjuun koo ''hojiif qacaramuu otoo hin taane qacaruun barbaada'' barataa waggaa lammataa taheen dhaabbata mataa koo 'TM' jedhamu dhaabuun barattoota ana booda yunivarsiitii galaniin nan barsiisaan ture.
Marsariitii, sooftweeriifi barnoota networking nan barsiisa jedheera Toor.
Gara fuulduraattis dhaabbata teekinolojii rakkoo hawaasummaa hiiku hundeessuun hawwii isaa akka tahe dubbateera.
''Barnoota argadheen biyya koof waan baayyee hojjechuun barbaada,'' jedha.
''Namootni hojii koo arganii na jajjabeessaniifi 'nama akka keetu nu barbaachisa' jedhan kana caalaa akkan hojjedhuuf humna natti horu'' jedheera.
''Akka dhalataa Gaambellaatti baayyee natti dhagahama. Naannoo sana namoonni ogummaa ICT qaban hin jiran kanaafin dhaabbata hundeessuu barbaade,''
Gara Gaammbellaa deemee dargaggoota ogummaa ICTn barsisuun rakkoo hawaasaa akka hiikan deeggaruuf fedhii akka qabu dubbateera.

Madda suuraa, Toorpoot
Hogganaan olaanaa Icog Lab Obbo Geetinnat Asaffaa, dhaabbatichi teekinolojii AI gara Itoophiyaafi Afrikaatti babal'isuu kan kaayyeffatedha jedhu.
Teekinolojii kana namootni jiruufi jireenya guyyuufi aadaa isaanii waliin wal-simsiisuun akkatti jireenya hawaasummaa isaaniif fayyadamanirratti ni dalagnas jedhu.
Kanaafis jedhu obbo Geetinnat dargaggoota magaalota biyyatti garaagaraa irra jiran kan dandeettii waa kalaquu qaban Hubannaa Nam-tolcheefi teeknolojiiwwan biroo idaanee kalaqni isaanii akka gurguramuufi sadarkaa idila-addunyaatti fudhatama argachuu akka danda'u michoota hojii biroo waliin isaan quunnamsiisna jedhan.
Sagantaan iCog Solve IT - Toorpoot amma irratti dorgomaa jiru, bara 2018 keessa akka jalqabe nutti himuun, marsaan lammaffaa torbee lama keessatti dorgomtoonnii magaalawwan 15 naannoo hundumaa keessaa dhufan iddoo argamanitti sirni eebbaa ni jiraata jedhan.
Dhumarrattis kalaqootni murteessitoota dhaabbata keenyaan ala jiraniin filatamoo tahuun mirkanaa'an ni badhaafamu, beekamtiinis ni kennamaaf jedhaniiru obbo Geettinnet.















