Dargaggoo Abarraa Dachaasaa: ''Dargaggeessi simintoo jiidhaa boca barbaadetti ofsirreessuu danda'uudha''
Hojjataniifi dafqanii fiixaan bahiinsa yoo argatan jireenya keessatti dhimmi kana caalaa nama gammachisu kan jiru hinfakkaatu.
Keessattu ammoo yeroo gabaabaa keessatti bu'aa olaanaa galmeessuun ofi bira darbuun warra kaaniif carraa hojii umuun gammachu dachaa akka qabaatu amanamaadha.
Dargaggoonni haala kanaan BBC keessummaa taasifate Abarraa Dachaasaa jedham. Innis waggoota shan keessatti ka'umsa birrii 30 irraa gara miiliyoona shaniitti guddachu dubbata.
Riipportarri BBC's fixaan bahiinsa kanaaf icciitiinsaa maalii jechuun gaaffii dhiyeesseef, 'Hojii kamuu kan birrii argamsiisu taanaan nan hojjedha,'' jechuun deebiiseera dargaggoo Abarraa Dachaasaa.
Dargaggoo Abarraa Dachaasaa Magaalaa Adaamaatti hojii maxxansaa irratti nama bobba'ee milkaa'inatti bahaa jiru. Hojiin amma ittiin milkaa'aa jiru kun garuu barnoota inni barateen hidhata kan qabu akka hintaane hima.
Abarraan akkamitti hojii amma ittiin milkaa'e kana jalqabe, muuxannoo fi mudannoo jireenyasaa isaa akkasiin BBC'tti hime.
Seenaa dhalootaa
Kanan dhaladhee guddadhe Godina shawaa bahaa naannoo Magaala Adaamaa bakka Marmarsaa jedhamutti. Barnoota sadarkaa lammaffaa kiyya ergan xumuree boodas gosa barnootaa saayinsii Biqiltootaatiin Yunvarsiitii Miizan Teeppii irraa eebiifame.
BBC: Akkamitti hojii maxxansaa kana jalqabde?
Abarraa: Yunvarsiitiirraa eebbifamnaan akkuma namoota biroo hojii barbaadachaan ture. Hojiis argadheen ture. Garuu hojiin suni mul'ata ani qabu waliin kan deemu waan hin turreef itti fufee hin hojjenne.
Kanaafuu hojii sana dhiiseetan eegaa kanan gara hojii maxxansaa kanatti seene. Yeroos birriin ittiin ani jalqabe qarshii 30 qofa ture. Magaalaa Finfinnee naannoo 'Goojjam barandaa' jedhamuttiin eegale.
BBC: Hojiileen ati amma hojjechaa jirtuu fi sadarkaan irra geesse attamiin ibsiita?
Abarraa: Amma hojii maxxansaa kanaan qofa damee sadii baneera. Tokko Magaalaa Finfinneetti argama. Akkasumas gosawwan hojii kiyyas babal'iseera.
Hojiiwwan ammaan tana hojjataa jiru keessaa hojii maxxansaa, qonna, hojii sibiilaa fi hojii mukaas nan hojjedha. Xiyyeeffannaa guddaadhaan kaniin hojjechaa jiru garuu hojii maxxansaa kana.
Hojiin waggoota shaniin dura birrii 30'n jalqabe sunis ammaan tana gara birrii miiliyoona shanii oliitti guudateera. Hojjettoota dhaabbiin qaxaramanii fi kanneen kontiraatan hojjetan baayyeedhaafis carraa hojii uumeera.

BBC: Birri 30 nan jalqabee yoo jettu maal jechuudha mee naaf ibsi?
Abarraa: Jalqaba baasii qarshii 30tiin T-shirt tokko maxxansiise 'sample' isaa dhiheesse. Innis fudhatama waan argateef akka dabalata maxxansuuf marsaa itti aanu maallaqa dursa naaf kennani. Adeemsuma kanaan itti fufeen booda mana maxxansaa dhuunfaa kootii banadhe
Kanaafuu kaumsi kiyya jalqabaa T-shirt isheen jalqaba birrii qabu 30n maxxanse sanatu business kiyya naaf bane, kaumsi kiyya qarshittiidha sana ture.
BBC: Iccitiin milkaa'ina keetii maali?
Abarraa: Jalqabarratti ani hojii tokko qofarratti daanga'ee hin hojjedhu. Kallattii birriin ittiin argamu kamuu nan hojjedha. Anaaf ulaagaan hojii hojjatamee galii argamsiisuu qofa ta'uudha.
Namni tokko waan barbaadu ta'uudhaaf fedhii fi carraaqqiin jiraannaan milkaa'inni fagoo hin jiru.
BBC: Gufuuwwan hojii kana keessatti simudatan maali fa'i?
Abarraa: Biyya keenya keessa rakkoo hedduutu simudata. Anis rakkooleen akka nyaata 'Buffee' kan gosa gosaan qophaa'u sanaatti gosti rakkoolee ani hin kaasne hin jiru.
Fakkeenyaaf, waan nyaatamu fi waan dhugamu dhabuu, nama yaadaanis ta'e maallaqaan nadeeggaru dhabuu fi namaan tuffatamuu na mudateera.
Walumaagalattis gosti rakkoo na hin muudatiin hin jiru. Wal'aansoon jireenya waliin itti ture garuu daranuu nacimse.
BBC: Fuulduratti maal irra gahuuf hajjataa jirta? Ykn mul'anni kee maali?
Abarraa: Gara fuula duraatti akkuma addunyaatti gama 'interpiriinarshipii' kanaan nama ofiifis biyyaafis bu'aa buusu ta'uun barbaada. Yeroo gabaabaa keessatti akkuma addunyaatti nama qabeenyaan beekamaa tahe akkan ta'uuf galma kaa'adheen hojjechaa jira. Nan milkaa'as!

BBC: Dargaggootaaf maal dhaamta?
Abarraa: Dargaggeessa qabeenyaa fi humna guddaa ofkeessaa qaba. Tarkaanfiin jalqabaa of hubachuudha. Mul'anni kiyya maaliidha? Eessa gahuun barbaada? gaaffiilee jedhaniif deebii kennuun karoora ifa ta'e qabaachuun dhimma murteessaadha.
Ani birrii dhabuun milkaa'inarraa nama hambisa jedhee hin yaadu. Dargaggeessi simintoo jiidhaa fakkaata anaaf. Kanaafuu boca barbaadetti ofsirreessuu kan danda'amu umurii dargaggummaa kanatti.
Waan kana ta'eefu, hiyyummaan bu'aa ilaalcha sammuu keenyaati. Dargaggeessi umurii kanatti taa'uu hin qabu. Hamma dhuma lubbuun jiruutti hojjechuu qaba.













