Hojii Kalaqaa: 'Halkan sa'aa 8 irrattiin mana maatii koo gube'

Dargaggoo Faariis Eliyaas

"Halkan meeshaa buna danfisu osoon hojjedhuu dhoohinsi uummamee mana maatii koo qorqoorroo 29 ol ta'e gube" jedha dargaggoo Eliyaas Yirdaaw.

Kalaqaa fi qorannoo hawaatiif yeroo ijoollummaa isaarraa eegalee hawwii akka qabu kan himu dargaggoon kun, yeroo ammaatti dhaabbata 'Finfinne Aerospace and Robotics International School' /FARIS/ jedhamu hundeessee hoogganaa jira.

Dhabbatichatti hanga ammaatti barattoota 4,000 oliif qorannoo hawaa, kalaqa fi roobotiksii irratti leenjii kenneera. Leenjin kunis hojjettoota biyyaalee garaagaraatti baratanii deebi'aniin akka kennamu hoji gaggeessaan FARIS Eliyaas Yirdaaw hima.

Magaala Ambootti dhalatee kan guddate dargaggoo Eliyaas, dhaabbatni FARIS yeroo ammaatti proojektoota rakkoolee hawaasaa furuu danda'an hojjechaa akka jirus dubbata.

Turtii dargaggoo Eliyaas waliin taasifne akka armaan gadiitti qixeesineerra.

BBC:FARIS maaliidha? Yaadni dhaabbata kana hundeessuuhoo akkamiin dhufe?

Eliyaas: FARIS dhaabbata dhuunfaa biyya keessaa gama qorannoo hawaa fi 'artificial intelligence' irratti hojjetu dha. Waggoota muraasaa asis hojiiwwan qorannoo hawaa, 'Rocket science' fi 'artificial intelligence' walin walqabatu hojjechaa tureerra.

Yeroo ijoollummaa koo astiroonootonni Ameerikaa addeessarra alaabaa Ameerikaa yeroo kaa'an animmoo 'photoshop' gochuun alaabaa keenya irratti hojjedha ture.

Yoom astroonootii gara addeessaa fi Maarsitti akka erginu osoon hin beekin dhaabbata qorannoo hawaa irratti hojjetu hundeessuu akkan qabu mul'ata nan qaba ture.

Kalaqawwan Dargaggoo Faaris kalaqe keessaa

BBC: Waggoota sadeen hundeeffama FARIS booda jiran keessatti maal hojjettan?

Eliyaas: Daa'imman xixiqqoorraa eegalee hanga barattoota digirii lammaffaatti barattoota 4,000 oliif leenjiiwwan garaagaraa keennineerra. Kun hubannoo uumuu fi beekumsa hawaa dargaggoota keenyaa kakaasuu irratti kan xiyyeefate dha.

Kan biraa proojektota hawaa, rookeettii akkasumas hojii saatalaayitii fi diroonii walin kan walqabatan hojjechaa jirra.

BBC: Hundeeffama FARIS irraa eegalee hanga ammaatti rakkoowwan akkamiitu isin mudate?

Eliyaas: Qormaata heddutu nu mudate. Inni duraa yaadni akkanaa biyya keessatti kan barame hin turre. Kan biraa sochiin saayinsiif tekonoloojii hagas mara waan hin turref qormaata cimaatu nu mudate.

Haa ta'u malee jalqaba kan manaa baane nama tokko abdannee miti. Mootummaarrati hirkachuufis miti. Mul'atichi waggaa hedduuf kan bilchaachaa dhufe waan ta'ef qormaatni heddu jiraatullee qormaatawwan kunneen darbaa jirra.

BBC: Yeroo ammaatti magaala Finfinneen ala magaalota biroo keessatti dameewwan qabduu?

Eliyaas: Magaala Finfinnee keessatti dameewwan lama qabna. Bishooftuu, Adaamaa fi Amboo keessattis dameewwan qabna. Yeroo dhiyoottis magaala Naqamtee keessatti ni banna. Haala kanaan humna dargaggoota keenyaa ijaaruf socho'aa jirra.

BBC: Dameen qorannoo hawaa, artificial intelligence fi roobotiksii dagaaguu dhiisunsaa Itoophiyaa hagam miidhee jettee yaadda

Eliyaas: Itoophiyaan kanaan dura qabeenya lafarra jiru qofa fayyadamaa turte. Amma garuu qabeenya hawaa fayyadamuu eegaluunshee boru diinagdee keenya guddisuu fi carraa hojii uumuu kan danda'u dha.

Hawaan kan Awurooppaa, Ameerikaa yookin Afriikaa qofaa miti. Kan hundaati. Kanaafu qabeenya lafarra jirtu qofaan of daangesinee fayyadamuu osoo hin taane gara hawaatti darbinee abuuruu qabna.

Gama nageenyaatinillee akka biyyaatti rakkoo nageenyaa ofirraa qolachuu fi nageenya saba keenyaa eegsisuu kan dandeenyu karaa dandeettii namtolcheetiini. Kanaafuu 'artificial intelligence' fi qorannoon hawaa biyya kamiifu barbaachisaa dha.

BBC: Yeroo baay'ee biyyaalee guddataa jiran keessatti dargaggootni kalaqa haaraa qabatanii as bahan kalaqni isaanii osoo hin babal'atin yeroo kufan mul'ata. Kun maalif sitti fakkaata?

Eliyaas: Biyyaalee guddatan keessatti dhaabbilee xixxiqaa kalaqaan hundeeffaman kudhan keessaa afur yookin shan ni milkaa'u. Biyya keenya keessatti garuu dhaabbileen kudhan hundaa'anii kurnanuu ni kufu.

Kanaaf sababni gaggeesitootni isaanii mul'ata yeroo dheeraa qabaachu dhiisuu isaaniti. Kanaaf dargaggootni yaada qabaatanii gara hojii yeroo seenan qarshiidhaan qofa deeggaruu osoo hin taanee gama hundaan cinaa dhaabbachuu barbaachisa.

BBC: FARIS dhaabbilee barnootaa garaagaraa walin akka hojjetu dhagaheen jira. Eenyufaa walin hojjetaa jirtu?

Eliyaas: Ani miichummaatti nan amana. Tekinoloojin kan hojjetamu kophaatti miti. Kanaaf dhaabbilee biyya keessaa fi biyyaalee biroo walin walitti dhufeenya hojii cimaa uumnee hojjechaa jirra.

Akka fakkeenyaatti yunivarsiitiwwan biyya keessa jiran 13 walin, ministeera Inoveeshinii fi Tekinolooji akkasumas Institiyuutii saayinsii hawaa fi tekinoloojii walin hariiroo cimaa uumnee socho'aa jirra.

BBC: Hojiilen kalaqaa fi projeektotni amma irratti hojjetaa jirtan maalfaadha? Hagam isinif milkaa'aa jiru?

Eliyaas: Projektiiwwan rakkoo hawaasaa hiikuu danda'an sadi kan dhibbeentaa 70 ol xummuraman ni qabna. Isaan keessaa tokko meeshaa namootni dubbachuu hin dandeenye namoota biroo walin waliigaluu akka danda'an gargaaru dha.

Inni biraan geejiba walin walqabatees hojjechaa jirra. Kana malees saatalaayitii yaali furgugeessuf hojjechaa jirra. BBC: GalatoomiEliyaas: Galatoomaa