Barattoota Yunivarsiitii Hawaasaa pilaastikii irraa dibata kophee kalaqan

Laa'ikafi Limenih otoo mana yaalii keessa hojjetanii

Madda suuraa, Icoglabs

''Barataa kutaa 12 taheen raadiyoo otoon dhaggeeffadhuu pilaastikiin gatame biyyoo waliin walitti makamuuf waggaa dheeraa akka itti fudhatu raadiyoo irraan dhagahe.''

Pilaastikiin akka feete lafatti gatamu qaljummaa biyyoo akka hir'isu, naannoo akka faaluufi lubbuu qabeeyyiin qaama bishaanii keessa jiran sababa kanaan akka du'aa jiran dhagahe Limanih Mulaat

Kanaaf immoo Naayijeeriyaan fa'aa oomisha pilaastikii dhaabuuf akka jirtu hima ture odeeffannoon inni raadiyoo irraa waggaa lama dura dhagahe.

Naannoosaatti laastikiin loon nyaatan akka isaan ajjeese beeku arguunsaafi bishaan qodaawwan pilaastikii keessatti kuufamee dhukkuba busaa yeroo fidu argaan guddadhe.

Kana booda,''abjuu kootiin meeshaa pilaastikii gara dibata kopheetti jijjiirtun hojjedheen of arge kanaafin maqaa maashinii kanaa'Dream' jenneen'' jedha Limanih.

Pilaastikoota kana gara waan faayidaa qabutti jijjiiruuf Limanih lafa dhalootasaa Naannoo Amaaraa iddoo Dambacaa jedhamutti hojii kalaqa isaa eegaluu ni dubbata.

''Yunivarsiitii Hawaasaatti ramadamee hiriyyaa koo La'aakamaariyaam waliin wal-barree 'doormii' tokkotti ramadamne jennaan waliin hojjechuu jalqabne,'' jedha Limenih.

Wiirtuu kalaqa Yunivarsiitii Hawaasaa waliin tahuun maashinii awutoomaatikii dizaayin gooneeti bara 2018 ganna keessa kalaqnee. Hojicha xumuruufis baatii sadii nutti fudhateera jedha Laa'ikamaariyaam.

''Pilaastikii gatame erga guurreen booda si'eessitoota garaagaraa foormulaa fayyadamuudhaan erga itti daballee maashinichatti naqna. Sana booda maashinicha guutummaan guutuutti awutoomaatikii gatii taheef gara dibata halluu gurraacha ykn magaala geeddaruun baasa.

Laa'ikafi Limenih waraqaa ragaa fudhatan agarsiisaa

Madda suuraa, Icoglabs

Akka barattoonni kunneen jedhanitti maashiniin isaan hojjetan kan aara hin baasneefi oomish haftee tahuun gatamu kan hin qabne yoo tahu qilleensa naannoos hin faalu.

Dabalataan maashinichi pilaastikii kamiyyuu feestaalii dhaa hanga 'haayilaandii' fudhachuu ni danda'a. Sababiinsaa immoo akka of sirreessutti waan hojjetameefi.

Dibaticha oomishnee barattootaafi liistiroo magaala keessa jiraniif gurguruu jalqabneerra jedha Limanih.

Fayyadamtoonnis dibata kophee kaan irra akka cululuqu nutti himaniiru, dabalataan immoo oomishichi irra deddeebi'ee yoo dibame kophee akka hin tarsaasnetti oomishame.

Maashiniin hojjetan sa'atii tokkotti kan kg5 oomishtuu haa taatuyyuu malee gara fuulduraatti warshaa dhaabnee bal'inaan oomishuu barbaanna.

Kanaaf oomisha kanarratti namoonni fedhii qaban nu faana akka hojjetaniif barbaadaa jirra jedha La'aakamaariyaam. Kanas otoo yunivarsiitiirraa eebbifamnee hin bahiin dhugoomsuu feena jedhu.

Maashiina pilaastikii gara dibata kopheetti jijjiiru

Madda suuraa, La'ikamaariyaam

Namoota harka qalleeyyii pilaastikii kanneen guuranii fidan irraa kiloo tokoo qarshii shaniin bituu yaannerra jedhu.

Limanih, 'waggaa tokkoo keessatti addunyaa irratti pilaastikii toonii biiliyoonaan lakkaa'amutu gara naannootti gadhiifama gatii taheef nuti kana dhabamsiisuu barbaanna jedha.

''Mul'atni keenyi Afrikaa keessatti oomishtoota dibata kophee 'Dream shoe polish' jedhamu qabaachuu dha.'' Kanaanis, 'pilaastikiin addunyaarra akka badu barbaanna'' jedha.

Laa'ikaamaariyaamiifi Limanih wal dorgommii bara darbe Yunivarsiitii Hawaasaa 'yaada daldalaa' irratti taasifameen tokkoffaa baanee beekamtii arganneerra. Wal-dorgommii Icog Labs qopheesse irratti taasifneen illee badhaafamneerra jedhan.

Baatii darbe hundeessitoota Twitter keessaa inni tokko Jaak Doorzii Itoophiyaa dhufee wayita ture wal arganii waa'ee daldala isaanii haasa'anii akka turaniifi innis akka isaan jajjabeesse dubbatu.