Dorgommii kalaqaa bara kanaan eenyutu mo'ata laata?

Madda suuraa, ICOG LABS FB
Dorgommiin hojii kalaqa dargaggootaa biyyaaleessaa kan baranaa dhaabbata 'Solve IT Innovation' jedhamuun gaggeefamaa ture harra mo'attoota ifa akka taasisu himame.
Hojii-gaggeessaan dhaabbata iCog Labs kan ta'an Obbo Geetinat Asaffaa BBC'tti akka himaniitti, bara darbee irraa kaasee dhaabbanni Solve IT Innovation jedhamu dhaabbilee biraa waliin ta'uun dargaggoo umuriinsaanii 18-28 jiduutti argaman dorgommii kalaqaa gageessa.
Kaayyoo isaa guddaan Finfinneerratti xiyyeeffachuun garuu dargagoota naannolee biyyattii kamiiyyu irraa dhufan dandeettii isaanii akka baasan taasisuuf leenjiisuun, deegaruun bu'aadhaaf qaqabsiisuuf.
kana malees, dorgommichi dargaggoota dandeettiii kalaqaa qabaniifi naannoolee biyyattii garaa garaa irraa dhufan kan biyyoota gara biraa waliin walitti fiduufi dhaabbilee dandeetti nam-tolcheen akkasumas teknolojii irratti hojjatan waliin waliitti fiduudha jedhu hojii gaggeessichi.
Dorgommii bara darbe gaggeefameenis Imbaasiin Ameerikaafi iCog Labs waliin ta'uun kan qopheessan yoo ta'u, dorgommiin baranaa ammoo Imbaasii Ameerikaa, Jaayikaafi iCog Labs waliin ta'uun kan qopheessaniidha jedhaniiru.
Barana dargaggoonni hojiilee kalaqaasaanii qabachuun guutuu biyyattii irraa galmaa'aniiru.
Dorgommii bara darbee irratti dargaggoota gara 1,500 ta'an kan galmaa'anii turan yoo ta'u, dorgommii bara kanaarratti garuu lakkoofsichi dabaluun dorgomtoonni 2,800 ta'an galmaa'un marsaa dhumaatiif kanneen 160 ta'an filatamusaanii Obbo Getinat ni dubbatu.
Akkasumas hojiiwwa kalaqaa 63 dorgommiif dhiyaataniiru barana.
Dorgomtoonni kutaalee biyyaarra dorgommichaaf dhufaniiifis tajaajilli bakka turtii, leenjii, dowwannaan dhaabbilee teknolojii taasifameefiira jedhu.
Dorgomtoonni naannoolee hundarraa hirmaachusaanii kan dubbatan hojii gaggeessan kun, kanneen Finfinneerraa hirmaatan garuu lakkoofsaan caalmaa akka qaban himu.
Beeksiifni dorgomiichaas ifa kan taasifame karaa feesbuukii, tiwiitaraa, telegraamiifi kkf yoo ta'u, akka gara marsariitii iCog Labs galuun guutan gaafatamu.
Haalli kunis dargaggoonni teknolojii digitaalaatti fayyadamuun guutuuf kan dandeessisu yoo ta'u, mala kanatti fayyadmuunis qabxii tokko argatu.
Dorgomtoonni irra jireessi dameewwan barnootaa, hoteelaafi turizimii, fayyaa akkasumas qonnaa irrratti xiyyeeffachuun hojiisaanii kan dhiyeessan yoo ta'u, ''bara kanatti qonnaan qotamu kan qabaatu teknolojiin ture,'' jedhu Obbo Geetinatti.
Keessattu damee fayyaatiin hojiiwwan yunivarsitii Jimmaa irraa dhufan baayyee ta'u dubbatu. Gaambeelaa irraa akkasumas sirna aadaa hawaasni qabqau karaa teknolojiitti gargaaramu irratti dargaggoonni hojii kalaqaasanii akka dhiyeessan dubbatu.
Bara darbe kalaqa dargaggoon tokko teknolojii hanga oksijinii dhukkubsataan fudhatu to'atu kalaqee kan mo'ate yoo ta'u, innis Jimmaarraa yoo ta'u badhaasa qarshii kuma 75 argatee ture.
Dorgommichaan lammaffaa kan bahe ammoo Maqaleerraa meeshaalee gataman adda addaa irraa fayyadamuun hojii anniisaa ibsaa maddisiisuu dandeessisu hojjachuun kan dhiyeesse ture.
Sadaffaan kan bahee ammoo Baahirdaari irraa meeshaa 'Hello Reminder' jedhamuuf daa'imman osoo badanii mobaalilatti fayyadamuun argachuu akka danda'amu kan kalaqa ture.
Kanaaf badhaasni qarshii kuma 50 kennamuufii Obbo Getinatti himaniiru.
Dorgommiin kunis oggeessoota bilisaafi dhaabbatichaan ala ta'aniin kan murteeffamudha jedhameera.
Dorgomtoota bara kana hirmaatan hundaafuu waraqaa ragaafi kanneen tokko hanga sadaffaa bahaniif ammoo pirojaktichi badhaasa hanga qarshii kuma 100 akka kennu barameera.
Sirni badhaasichaas ambaasaadaroonni Imbaasiiwwan Jaappaniifi Ameerikaa, qondaaltoonni motummaa olaanooniifi keessummoonni bakka argamaniitti Finfinneetti akka gaggeefamu Obbo Geetinat BBC'tti himaniiru.
Dorgommii dandeettii kalaqaafi tekinoloojii fayyadamuu dargaggoota Itoophiyaa bakka gara garaarraa walitti fide kana kan bara kanaa (2019) eenyufaatu mo'ata laata?














