'Miila qullaa deemeen baradhe' - Harvaardirraa kan eebbifame Dr Silashii

Dr Silashi Bedasie Hirko, yuunvarsiitii Haarvaardi irraa qabxii guddaan eebbifaman

Madda suuraa, Dr Silashi Bedasie Hirko

Dr Silashii Badhaasee Hirkoo barana Yunvarsiitii Harvaadirraa seeraan qabxii olaanaa galmeessuun eebbifame- Harvaard Yunvarsiitii jajjaboo sadarkaa addunyaatti eeraman keessa tokko.

Dr Silashiin sadarkaa kanarra otoo hin gahiin gargaarsa dhabee, daaree miila duwwaas deemee, gargaarsa dhabee akka barate yaadatee dubbata.

Namni kaayyoo galmasaa hin hanqatu kan jedhu Silashiin, ''hawwiinkoo bara dheeraa booda dhugoome,’’ jedhe.

Ofii Dr Silashii Badhaase eenyu?

'Barattee eessa geessaa naan jedhu'

Dr Silashiin Badhaasee Shawaa Lixaa Aanaa Dirree Incinniitti dhalatanii guddatan. Mana barnoota sadarkaa tokkoffaas achumatti baratan.

Ammaan yunvarsiitii seenutti takkaa ogeessa seeraan ta’a jedhee yaadee hin beeku jedhe.

Mana barnoota sadarkaa tokkoffaa wayita baratu maatiin qonnatti malee barnootatti jabaadhu naan hin jedhanii jedhe.

Abbaan isaa Obbo Badhaasee Hirkoo mana afur fudhanii ijoollee 17 horatan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ijoollee Obbo Badhaaseen horatan keessa tokko kan ta'e Silashiin obbolaan isaa warroomnan hojiin itti baayyachuu dubbata.

Kanaf maatiin isaa barnootaa sadarkaa gadaanaatti akka dhaabu jajjabeessaa akka turan hima. ''Barattee eessa geessaa naan jedhu ture,’’ jedha.

Maatiin isaa kutaa 8 olitti akka baratu hin barbaadan ture, akka inni jedhutti.

Gara maatiitti wayita deebi'u hojiin waan itti heddumatu, yeroo boqonna ijoollee taphaaf daree bahan dareetti hafee hojii-manee hojjadha ture jedhe.

Silashiin qabxii gaariin gara sadarkaa lammaffatti darbe, barachuuf garuu gargaarsa maatii dhabuu hima.

Mana Barnoota Sadarkaa 2ffaa Gudaritti wayita darbu miila qullaa deemee barate. ''Kutaa 9 fi 10'ttu yeroon darbu miila duwwaan deemee barachaa ture,’’ jedha.

Torban torbaniin lafa deemsa miilaan sa’aatii afurii galaa gateettiitti baate magaalaa Gudaritti marmaare barate.

Silashiin waanti barataaf barbaachisu sirnaan otoo hin guutamneef barachuu dubbata.

Maatii isaatiin waldhabuu hordofee kutaa 11'tti galaa fi kiraan manaa dhabe.

Kutaa 12ffaatti darbee gatii galmee kaffalu dhabnaan barachuu hin danda'u jedhee abdii kutatee akka ture yaadata. Garuu barnoota addaan hin dhiisne.

ALI bara 1993 kutaa 12tti qabxii olaanaa (3.8) galmeessuun Yunvarsiitii Haramaayaa seene.

Silashiin qabxii olaanaa galmeessullee waan ittin yunvarsiitii seenee baratu dhabe.

Luba Waldaa Kiristaana Gudar tokkotu gargaare yunvarsiitiitti gaggeessuu himu.

Yunvarsiitii Haramaayaatti qabxii olaanaa erga galmeesse booda akka gargaaraniif jaarsummaa abbaasaatti ergateera garuu fudhatama hin arganne.

Silashiin Yunvarsiitii Haramaayaatti qabxii olaanaa (3.7) galmeessuun eebbifamee, Yunvarsiitichatti seera barsiisuuf carraa argate.

Yeroo sanatti seerri maatii Oromiyaa akka fooyya’u qorachuu, tajaajila gorsa seera yunvarsiitiin Haramayaa hawaasa naannoof bilisaan kennu deeggara akka ture kaase.

Waggoota afuriif yunvarsiitichatti erga barsiise booda carraa barnoota dhuunfaan barbaade argateen gara biyya Jarmanitti giddugaleessa Munich Intellectual Property Law Center jedhamutti digirii lammaffaa barate.

Achittis qabxii gaariin eebbifamu hima.

Seerri inni barate mirga haqa abbaa ykn copy right, mallattoo daldalaa fa’arratti xiyyeeffata.

Sagantaa barnoota sana barsiistota yunvarsiitiiwwan jajjaboo addunyaa akka Okfoordiirra dhunfanitu barsiisa ture jedhe.

Sana booda digirii doktoreetii isaa Yunvarsiitii Otowaa Kanaadaatti ALA bara 2015-20tti barate.

Dr Silashii waraqaa qorannoosaa mirga haqa abbaa(copyright) dhaabbilee barnoota olaanoo Itoophiyaa keessa jiruun walqabsiisuun hojjate.

Dr Silashi Bedasie Hirk

Madda suuraa, Dr Silesh Bedasie SM

Abjuu dhugoome

Yunvarsiitii Otoowaarraa erga eebbifame booda carraa Yunvarsiitii Harvaaditti barachuu ALA bara 2020 argate.

Dr Silashiin maqaa gaarii Yunvarsiitii Harvaad qabu yeroo digirii jalqabaa baraturraa kaase dhaga’a ture dubbata.

Yeroo sanaa eegalee bara tokko Harvaaditti barachuu hawwuu eegale jedhe.

‘’Hawwiin koo bara dheeraa booda dhugoome,’’jedhe.

Dr Silashiin Yunvarsiitii Harvaadittillee qabxii olaanaan barana digirii lammaffaan marroo lammataaf eebbifame.

Barattoota Afrikaa muraasa waliin damee seerarraa akka eebbifaman kan dubbatu Dr Silashiin, Itoophiyaarraa ana qofatu damee kanaan eebbaaf dhiyaate jedhe.

Dr Silashiin ogeessa seerota dinagdee idil-addunyaati.

Dr Silashiin qorannoowwan seera Itoophiyaarratti gaggeesse 20tti dhiyaatan barruuwwaan sadarkaa idil-addunyaa fi biyyaaleessarratti maxxanfamu hime.

Gara fuulduraatti ogummaa seeraa yunvarsiitiititti barsiisuufi qorachuu akka ittifufu barbaadu Dr Silashiin himeera.

Namni abjuusaatti cichee yoo hojjate, yeroon dheeratuus bira gahuun hin hafu jedhe Dr Silashiin. Abbaa ijoollee shanii kan ta'an Dr Silashiin maatii waliin biyya Kanaadaa jiraatu.

Dr Silashi Bedasie Hirko maatiisaanii waliin

Madda suuraa, Dr Silashi Bedasie