Nasa'n mana fincaanii doolaara miiliyoona 23 baasu hawaatti erguuf

Madda suuraa, MOD
Nasa’n mana fincaanii harkisi lafaa isaa zeeroo ta’e gara Buufata Hawaa Idil-addunyaatti erguuf.
Manni fincaanii kun jalqaba buufata hawaa kanatti erga yaalamee mirkanaa’ee boda gara fuulduraatti deemsa qorannoo saayinsiif gara addeessaatti taasifamu keessatti tajaajilaaf oola.
Keessumaa manni finaanii sirna vaakiyuumii bu’uureffachuun hojjetame kun akkaataa saayintistoota dubartootaaf mijataa ta’etti kan hojjetame.
Kaargoon fe’umsaa mana fincaanii kanaa gara hawaa geessu Kamisa darbe ture Varjiiniyaa Oddoola Kawaalooppis irraa kan furguggifamuuf ture.
Haata’u malee saataalaayitiin kun furguggifamuuf daqiiqaan sadi wayita hafu rakkoon teeknikaa imala kanaaf sodaachisu waan mudateef gufateera.
Manni fincaanii akkuma mana fincaanii kaanii nama tokkoof kan tajaajilu yoo ta’u, itti fayyadami isaa garuu akka isa lafarraa miti.

Madda suuraa, NASA
Manni fincaanii haaraan Nasan hojjete kun bakka harkisa dachee zeeroo ta’etti qaama namaa keessaa balfa guuree baasuun, saayitistoonni hawaa akka qulqullaa’na godha.Manni fincaanii hawaa kun akka maashina awwaara qulqulleessuu(vacum cleaner)’ttidha kan hojjetame.
Balfa keessoo namaatii xuuxee iddoo qophaa’etti geessee gata, sagaraa fi baakteraa daguugee nama keessaa baasa.Manni fincaanii kun kiilogiraama 45 ulfaata, seenti meetira 71 asii ol dheerata.
Manni fincaanii amma hojjetame kun kan kanaan dura hawaa keessa ture irra harka 65’n xiqqaata.














