Astiroonotni Nasa shamarran yeroo duraaf hawaarra tarkaanfatan ta'an

Jesiikaa fi Kiristiinaa

Madda suuraa, Science Photo Library

Ibsa waa'ee suuraa, Jesiikaa Miyeer kara bitaa, Kiristiinaa Kooch kara mirgaa

Astiroonootni dubaraa Nasa Kristiyaan Koch fi Jeesikaa Miyeer dubartoota yeroo jalqabaaf Buufata Hawaa Idila addunyaa keessaa bahuun seenaa dalagan ta'an.

Dubartootni kun Buufata Hawaa Idila addunyaa (ISS) keesaa bahuun kutaa to'anno annisaarra rakkoo mudate furuuf sa'aa torbaa ol turaniiru.

Kooch Kan dura Astiroonota dhiiraa waliin buufata kana keessaa bahuun hawaarra kan tarkaanfattee beektu yoo taatu, Miyeeraaf guruu kun isa jalqabaati. kanaan dura dubartootni 14 hawaarra kan tarkaanfatan yoo ta'u, kana alanaa wanni adda godhu lameenuu dubara ta'uu isaaniiti.

Kanneen kana duraa hundi Astiroonota dhiiraa waliin taasifame.

Pireezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Astiroonota kanattii bilbilanii viidiyoodhaan baga gammaddan ittiin jedhaniiru.

Isaanii hawaarra tarkaanfatan''isin dubartoota gootaa fi sammuu qarooti'' jedhaniin.

Kooch Elektirikaal Injinaar yoo taatu, Miyeer ammoo qo'annoo lubbuu qabeeyyii bishaan keessaa (marine biology) dooktireetii qabdi.

Rakkoo kutaa to'anno annisaarra gahe sirreessanii keessoo buufatichaatti kan deebi'an yoo ta'u, kutaan sirreessan sun 'SpaceX Dragon'itti fe'amee sakatta'iinsaaf gara addunyaa keenyaatti ergama.

Presentational white space

Nasa'n Guraadhala keessa Kooch garee dubartootaa kan jalqabaa sochii "extra-vehicular activity"(sochii Astroonotaa buufata qoranno hawaan alaa) Hawaarratti dubartii biroo Anaa Maak Kileen waliin akka taasisan beeksisee kan ture ta'uus, kafanni addaa imala hawaaf barbaachisu fi Maak Kileeniif ta'u argamuu dhabuu isaan hafeera.

Kutaa to'annoo anniisaa

Madda suuraa, NASA

Ibsa waa'ee suuraa, Kutaa to'annoo anniisaa

Dubartiin jalqabaa buufata hawaa keessaa bahuun hawaarra tarkaanfatte dubartii lammii Raashiyaa Siveetlaanaa Saviitiskaayaa jedhamtu yo taatu, bara 1984 buufata qorannoo hawaa Raashiyaa Salyut 7 jedhamtu keessaa bahuun sa'aa sadii fi daqiiqaa 35 turte.

Dhalli namaa jalqabaa hawaarra deeme akkasuma lammii Raashiya akan ta'e Aleeksiye Liyoonoov yoo ta'u, ji'a kana keessaa umurii 85 addunyaa kanarraa boqote.