Addunyaan kun dubartootaaf akka taatutti hin tolfamne?

Dubartoota yunifoormii waraanaa uffatan

Madda suuraa, The Washington Post via Getty Images

Jalqaba bara kanaatti gareen dubartoota qofarraa ijaarame yeroo duraaf imalli gara hawaatti gochuuf ture haqameera.

Akka haqamuuf sababa kan jedhames huccuun addaa uffatamee deemamu hedduun dhiirotaaf akka ta'utti qofa bocamuu irra kan ka'e, dubbiin dhuguma addunyaan kun dhiira qofa qalbiitti qabachuun bocamtee gaaffii jedhu daranuu falmisiisaa godheera.

Gaazexessituufi barreesituun kitaaba Invisible Women: Exposing Data Bias in a World Designed for Men jedhamuu, Kaarolaayin Kriyaado Pereez dubbiin huccuu addaa imala hawaa hedduu na hin dinqinee jetti.

''Dubbiin kun waayee wantoota kalaqamanii yeroo haasofnu irra deddeebiin ka'a, yaadni kalaqaa fi bocaa gaafa yaadamu dafee kan qalbiitti dhufu dhiira'' jetti Kaarolaayin.

Kaarolaayin rakkoo fayyaa onnee waliin walqabatee odeeffannoo medikaalaa argataniin mallatooleen dhibee onnee kan bu'ureeffaman mallatoolee dhiirotarratti mul'ataniin ta'uu yoo argattu dhimma loogii saalaarratti qorannoo gaggeessuu eegalan.

Huccuun ittasaa poolisootaaf qophaa'u qaama dubartoota kan ilaalcha keessa galchu miti, wanni akka manatsirii ija balaarraa ittisuuf qophaa'es fuula dubartootaa kan gidduugaleeffate mitii jedhu.

Womankini

Madda suuraa, Womankini

Huccuu imala hawaa

Huccuun addaa imala hawaa Nasa imaltoota dubaraaf akka ta'utti bocamuu dhabuu wajjin walqabatee imalle garee dubartoota akka haqamu sababa ta'eera.

gosti huccuu qophaaye xiqqaa, gidduu galeessaa fi guddaa ta'ee addatti dubatoota ilaalcha keessa kan galche ta'uu dhabuun dubbii ijoodha.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Loltuu waraanaa

Madda suuraa, David Turnley via Getty Images

Meeshaalee humna Waraanaa

US gare waraanaa dhiirri qofti keessatti hirmaatu Marine Corps and Navy SEALs keessatti dubartootas hirmaachisuu kan eegalete bara 2016 tti ture, haata'u malee meeshalee qaama kana keessatti hojiirra oolan heddun kan bocaman dhiirotaaf akka ta'utti.

Humni Waraanaa huccuu safara xixiqqaa qopheessus kopheewwan, Helmeetiifi kaan Dubartoota ilaacha keessa hin galchine.

Dubartootni waraana Iraaqiifi Afgaanistaan keessatti haga bara 2018 turan meeshaalee dhiirootaaf bocaman fayyadamaa turan.

Safartuun balaa konkolaataa

Madda suuraa, Andy Cross via Getty Images

safartuun balaa konkolaataa fi miidhaa gahuu malu safaruus Ameerikaa fi biyyoota gamtaa Awrooppaa keessatti harka caalu dhiirota yaada keessa kan galchu ta'uun wantoota addunyaan kun dubartootaaf hin bocmne jedhuuf akka sababaatti ka'a.

Guddina saffisaa teeknoolojiiwwaan bilbila harkaa ammayyaa(Smart phone) waliinis komii guddaatu ka'a. Appiiwwan bilbiloota kanarra jiaaniifi hangi bilbilootaa(screen sizes) ammas dubartoota yaada keessa osoo hin galchiin akka bocaman wantootni mul'isa danuudha jedhu qorattootni.

Kaarolaayin kalaqxootni kun ta'e jedhanii loogiiwwan saalaa akka kanaa gochuutti jiru jedhee hin yaadus jedhu.

Bilbiloota apple

Madda suuraa, Getty Images

Huccuuwwan Ispoortii, meeshaalee waajiraafi qorannoo saayinsii hedduun haalli itti bocaman haala dubartootaaf ta'uun mitis jedham.

Kaarolaayin kitaaba ishee waayee loogii saalaa haasa'u maxxansuun ishee dhimmoota akka kanaarratti hubannoon jiru akka dabalu gumaachuu isaaf gammachuu akka qabdu himti.