Paayleetota dubartii: Daandilee xayyaaraa kamtu hedduu qaba?

Madda suuraa, Hindustan Times
Feedhii imaltootaa eeguuf jecha daandileen xayyaaraa duula paayileetota dubartii hedduu qacaruu cimsanii jiru.
Baasiin imaltootaafi daawwattootaa waggoota dhiyoo as haalaan dabaleera. Hedduun isaanii ammoo waan addaa argachuuf baasii dabalataas ta'u baasuuf fedha qabu.
Bara 2017tti tuuristootni idila addunyaa haaraan miiliyoona 350 ta'an kan bara 2010 turaniirra galmaahanii jiru jedha Dhaabbatni Tuurizimii Addunyaa.
Daandilee Xiyyaaraa kamtu paayileetota dubartii hedduu qaba?
Addunyaarratti paayiletoota gabaa keessa jiran keessaa 5.18% qofatu dubartoota jedha gabaasni waldaan paayileetota daandilee xiyyaaraa.
Akka Waldaa paayiletoota dubartootaa daandilee xiyyaaraa idila addunyaatti,daandileen xiyyaaraa Indiyaa ammoo paayiletoota dubartootaa 12.4% qabaachuun addunyaarratti dursa qabataniiru.

Daandiin xiyyaaraa biyyaalessaa Indiyaa Zoom Air paayiletoota dubartii heddu qabaachiinis dursa qabateera. Paayiletoota qabu 30 keessaa 9 dubartoota.
Akka dura teessuu kominikeeshinii Waldaa paayiletoota dubartootaa daandilee xiyyaaraa idila addunyaa Kaatiiy Maak Koluufitt Kaampaniiiwwan Indiyaa ''Dubartootni baayyeen paayiletotat daandilee xiyaaraa akka ta'an haalaan jajjabeessu''.
UK keessatti paayileetotni dubartootaa daandilee xiyyaaraa 4.77 %.
Miindaan gidduu galeessaa Paayileetotaa hammami?
Miindaan daandileen xiyyaaraa daladalaa kaffalan garaagarummaa ni qabata. Xiyyaara balaliisanii fi muuxannoo Paayilatichi/paayiletittiin qabdurrattis ni hundaa'a.
Miindaan ka'umsaa garuu Yiiroo 20-30,000 gidduudha.

Kaampiteenota muuxannoo qabaniif garuu kaffaltiin isaa hanga £140,000 gahuu mala.
Adda addummaan kaffaltii saalarratti hundaa'ewoo
Jalqaba bara kanaatti kaampaniiwwan UK hojjettoota 250 ol qaban addaddummaa miindaa saalaratti hundaa'e qaban yeroo duraaf akka gabaasan gaafatamaniiru.
Daandileen Xiyaaraa UK addaddummaa miindaa saalarratti hundaa'e guddaa akka qaban himama.
Addaddummaan miindaa dhiiraaf dubaraa kaampaniiwwan hunda keessa jiru gidduu galeessaan 9.7% ta'a.













