Ambaasaaddar Saahilaworqi Zawudee Pireezidantii Itoophiyaa ta'uun filaman

Saahilaworq Zawudee

Madda suuraa, Reuters

Ambaasaaddar Saahilaworqi Zawudee pireezidantii mootummaa Federaalawaa Dimokiraatawaa Rippablika Itoophiyaa ta'uun filataman.

Walgahii addaa lammaffaa bara hojii Afraffaa Manneen maree federeeshinii fi bakka bu'oota uummataa waliin taa'an irratti Ambaasaaddar Saahilaworqi sagalee guutuudhaan filatamaniiru.

Kunis erga gaaffiin fedhiin aangoo gadhiisuu pireezidantii duraanii Dr. Mulaatuu Tashoomaa fudhatama argateen booda.

Ambaasaaddar Saahlaworqi erga kakuu seenanii booda haasaa taasisan keessatti ''Biyya koo fi ummata koo gargaaruuf dirqama fudhachuu koof gammachuu guddaatu natti dhagahama '' jedhan.

Pireezidaanti Ambaasaaddar Saahlaworqi Zawudee, waggoota darban humna qabaniin biyyasaanii tajaajilaa kan turan har'a garuu fedhiisaaniitiin kan aangoo gadi lakkisan Pireezidaantii duraanii Dr. Mulaatuu Teshoomee Wiirtuu galateeffataniiru.

''Kanarraa kan barannu biyyoota Afriikaa hedduu keessatti kan baratamen ala biyya keenya keessatti fedhiidhaan aangoo gadi dhiisuun jijjiiramaafi abdii egereef carraa kennuu eegaluudha'' Jedhan.

''Biyyoota guddataniifi dimokiraasiin keessatti dagaage keessatti kan baratameedha kun. Aangoo duras ta'e booda jireenyi kan itti fufu ta'uu hubachuu keenya agarsiisa."

"Namoota biroof carraa kennuun kun caasaalee mootummaa hunda keessatti akka itti fufu nan amana'' jedhan.

Deemsi jiru walxaxaa fi kan qorumsi itti baayyatu ta'us kana keessa bahuuf waldhaggeeffachuun biyya keenyaaf tokkummaan hojjennee ce'uu feesisa jedhan.

''Tokko kan ijaaru kaan kan diigu osoo hin taane, tokko karaa nagaa kaanimmoo hidhatee osoo hin taane, mootummaanis ta'ee morkattoonni akka biyya tokko ijaarrutti hubannee adeemuu nu gaafata''

Jijjiiramni kun akka eegalletti akka fiixa ba'uuf akkasumallee biyya cimtuu ijaaruun nageenyaan ala hin yaadamu kan jedhan Ambaasaaddar Sahlaworqi Zawudee hunduu nageenyasaa jabeessee akka eeggatu dhaaman.

''Nageenyi dhuunfaa keenyaaf, maatii keenyaaf, biyya keenyaaf darbees biyyoota ollaa keenyaaf,naannolee gidduutti, daayaaspooraa gidduutti jiraachuun murteessaadha'' jedhan.

Rakkoo nageenyaatiin adda durummaan kan miidhaman dubartoota ta'uu kan dubbatan Pirezidaantiin kun ''yeroo turtii aangoo kiyyaa kana keessatti xiyyeeffannaan kiyya dubartoota Itoophiyaa fi warren nageenya barbaadan hunda waliin ta'uun nageenya mirkaneessuurratti ta'a'' jedhan.

''Isin dubartoonni shamarran keessan dhiirotaan walqixa baratanii bakka guddaa akka ga'an ,ofiisaaniifis, maatiifis akkasumas biiyyaaf mallattoo abdii akka ta'an waan dandeessan kan gochaa turtan anis bu'aa qabsoo kanaa waanan ta'eef baga gammaddan'' jedhan.

Dhaamsa dubartootaaf

Dhimmi badhaadhina fiduu hirmaannaafi fayyadamummaan dubartootaafi dargaggootaa kan yaadaa qabu waan taheef dubartootifi dargaggooti biyyatti jabaatanii hirmaattota misoomaa akka tahaniifi hiyyummaa akka dhabamsiisan galafata jedhaniiru.

Dubartootni utubaa manaa fi biyyaati. Dubatooti yeroo miidhaman maatiin miidhama, hunda caalaa labatni egeree biyyattii ni miidhama jedhan.

''Dubartiin maatii dha. Maatii immoo fakkeenya biyyaati, biyyammoo dhiirris dubartiinis kunuunsuu qabu. Dhiiras ta'ee dubartii ofiif jedhee biyyasaa,haadhasaa,obboleettiisaafi dubartii haadha warraasaa taatee kunuunsuu qaba ''jedhu pireezidaantiin haaraa.

Labata miidhama dubartootaa kamiyyuu hin fudhannee ijaaruu qabna. '' Waa'ee dubartii baayyee kanin dubbadhe warra isinitti fakkaateef 'yoom tuqame ganaa dha' '' jechuun dubbatan Ambaasaadar Saahalework Zwudee.

Ergaa kana kanin dabarsu hojii maneen baroota darberraa as gahe waan jiruufi dhiiroti muraasni dhimma dubartootaa hubachuuf laphee isaanii banachuu jalqaban yerootti dhufan waan taheefi jedhu.

Seenaa Itoophiyaa keessatti yeroo jalqabaaf hirmaannaan dubartootaa kaabinee mootummaa harka 50 tahuufi isaanis kabaja kanaaf gahuunsaanii fakkeenyatti eeraniiru. Kunis gama hundaan akka itti fufu akka abdataniifi qabsoo itti fufaa taheen deeggaramuu akka qabus yaadachiisaniiru..

Aadde Sahilaworqi Zawudee

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ambaasaaddar Sahilaworqi Zawudee

Dubartoota Itoophiyaafis ergaa barumsa isaanii jabaatanii akka baratan, warreen dalagaa garagaraarra jiran isa kana duraa caalaa akka jabaataniifi dhimmi wal dhabdee kaasu yoo mudatu dafanii akka qaqqabaniifi nagaa buusuuf adda durummaan akka hirmaatan dhaaman.

Obboloota dhiiraa wajjin akka hojjetanii hiyyummaafi boodatti hafummmaa akka balleessani gaafataniiru.

Ambaasaadara Saaheleworq ''Nagaan keenyi guutuu kan tahu, nagaan keenyiifi misoomni keenyi kan mirkanaa'u dhiirotnis ta'e dubartoonni carraafi faayidaa wal-qixaafi yoo argatani dha.'' jedhan

Itoophiyaanis galma waloo dhiirotaas dubartootaas waan taateef. Mirgooti isaanii kan kabajamuu danda'uu ifaajaafi qabsoo lachuutii.

Dhugaan kun hawaasa bal'aattii irra deddebi'ee itti himamuu qaba sababiinsaa immoo namooti kana hubatan muraasa waan tahaniifi jedhaniiru.

Ministirri mummee Dr Abiy imammaata isaanii hunda hirmachisaa taheefis jabeessanii galatoomfataniru.