Pireezidant Mulaatuu Tashoomaa fedhiin aangoo gadhiisan

Madda suuraa, Getty Images
Manni maree federeeshinii fi bakka bu'oota uummataa walgahii addaa lammaffaa bara hojii afraffaa har'a taasisaniin iyyata aangoo gadhiisuu pireezidaantii Mootummaa Federaalawaa Dimokiraatawaa Rippablika Itoophiyaa DrMulaatuu Tashoomaa fudhateera.
Dr Mulaatuu Tashoomaan Fulbaana 2006 irraa eegalee hanga har'aatti waggoota shanif preezidaantummaan tajaajilaa turaniiru.
Waggootni shanan darban tarkaanfilee jireenya koo keessaa iddoo guddaa kan qabanidha kan jedhan Dr Mulaatu Tashoomaa "uummata koo tajaajilaa turuu kootti gammachuutu natti dhagahama" jedhan.
"Deeggarsa naaf taasifamaa turef uummata Itoophiyaa fi mootummaa nan galateefadha" jechuunis dubbatan.
"Hanga humniifi beekumsi koo naaf hayyame itti gaafatamummaa natti kenname amanamummaan akka raawwadhe natti dhagaahama" jedhan.
Hidhamtoota hiikurraa eegalee gareewwan qabsoo hidhannoo keessa turan gara qabsoo nagahaatti akka dhufan taasisuun hojiilee dirree siyaasaa bal'isuuf hojjetamaa turan keessaa isa ijoo akka ta'e himan.
Araarri Itoophiyaa fi Eertiraas milkaa'ina guddaa dha jedhan.
Gama biraatin "murteen mootummaas isaan xixxiqoollee ija eenuymmaa, amantaa fi afaanin ilaallamaa jira" kan jedhan Dr Mulaatu Tashooma siyaasni wal shakkii irratti hundaa'e biyyattii balaaf kan saaxilu waan ta'eef adeemsi kun hafuu qaba jechuunis dubbatan.













