Wal'aansa qaama teessumaa guddifachuu du'aaf nama saaxilu 'BBL' jedhamu

Madda suuraa, Cairo Nakhate-Chirwa
Kaayiroo Naakaatee- Chiirwaa baatii Waxabajjii darbee keessa ture kan wal'aansa qaama teessummaa (udduu) guddiisuufi (BBL) jedhamu taasifatte.
Bu'aasaatti gammadduudha. ''Qaama teessummaa koo (udduu) naaf guddiiseera'' jetti. Haata'u malee, wallaansi kun akka balaa qabu yoo dhageessu yaaddoonshee garmalee dabale.
Kanas kan hubatte erga wal'aansa kana kan argattee turte Aliis Weeb du'uushee hordofuunis hakiimoonni wal'aansa ishee irratti hirmaataniiru jedhaman to'annoo jala oolfamaniiti.
Wal'aansi BBL, osoo yaalii baqaqsanii hodhuu hin raawwatiin yeroo baayyee guutuun qaama teessummaa (hudduu) keessatti lilmoodhaan qorichi naqamuun akka guddatu, boca geengoo ykn ol kaafamu akka qabaatu kan taasisuu yoo ta'u, wallaansi kunis UK keessatti garuu beekkamtii seeraa hin qabu.
Ogeeyyiin UK keessatti argamanis, wal'ansa seeraan ala dhoksaatti raawwatamu kanarratti to'annoon akka taasifamuuf gaafataniiru.
Dhaabbanni NHS Inglaand ammoo wallaansi kun guutummaatti akka hin hojjetanneef akeekkachiiseera.
Qajeelchi Fayyaa fi Eegumsa Hawaasummaa gamasaatiin yeroo ammaatti damee yaalii miidhaginaaf baqaqsanii hodhuu irratti filmaatawwan qajeelafamaa qorataa akka jiru ibsuun, yeroosaa eeggatee odeeffannoo dabalataa akka kennu hime.
Shamarree Kaayiroon baatii Waxabajjii darbee ture kan odeeffannoo waa'ee dhagala'aa qaama teessummaa guddiisuuf oolu ilaalchiisuun Instagiraamii irraa argatte. Wallaansi kunis Liquid BBL jedhamuun beekama.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Odeeffannoon Instaagraama irraa argatteen wallaansi kun Paawundii 1,200 akka kennamu ibsa.
Isheen beeksiisa kana agartee sa'aatii 24 booda apaartimantii Landaniitti argamu tokkoo dhaquun yaaliicha argachuuf gaafatte.
Namni wal'aansa kana kennuuf dhugaa oggeessa fayyaa ta'usaa wanti mirkanneessite hin turre. ''Yeroo beeksiisicha argu pirofeessara ta'e jedheen tilmaame'' jetti.
BBCn nama wal'aansa kana Kaayiroof kennee dubbiisuudhaaf yaaliin taasisee hin milkoofneef.
Kaayiroon akka jettuutti wayita yaaliin kun kennamuufiitti, ''dhukkubbiin'' itti dhagahamee ture. Torban lamaan booda ammoo qaama naannawa ittiin lilmoon seeneetti waan akka dhangala'aa agarte. Kanaan alatti rakkoo omaatu na hin mudane jetti.
Haata'u malee Aliis Weeb du'ushee wayita dhageesseetti, dhiibbaa yaaliin kun booda keessa qabaatu qorachuu eegalte.
Hanga ammaatti dhiibbaan irratti ume homtuu jiraachuu baatulleen, yaalii kana fuhachuusheetti akka gaabbite dubbatti.
''Bu'aasaatti baayyee gammadeera. Gatiinsaas rakasa ture. Garuu amma gaaffiilee hedduu natti uumaa jira'' jette.

Madda suuraa, Family handout
Yaaliin BBL baqaqsanii yaaliin ala raawwatamu maali?
Wallaansi BBL ykn qaama teessuummaa furdiifachuuf dhagala'aadhaan osoo yaaliin baqaqsanii wallaanuu hin barbaachifne kunis, qorichi lilmoon kennamuu qofaan raawwatama.
Wallaansi kun kilinika keessatti kennamu kan danda'u yoo ta'u, UK fi biyyoota garaa garaa keessatti kutaalee hoteelaa keessatti fa'i akka kennamu dubbatama.
Dhaabbanni 'Save faith' jedhamu tokko qorannoon gaggeessee akka mul'iseetti, namoonni baayyeen qorichi lilmoodhaan isaaniif kennamu maal akka ta'e hin beekan.
Dhangala'aan kunis hyaluronic acid & PLLA (Poly-L-lactic acid) ta'u danda'a jedhama.Dhaabbanni tajaajila fayyaa UK NHS wallaansii qaama teessumaa guddifachuu yaalii baqaqasanii wallaanutiin ala kennamu hin gorfamu jedha.
Wallaan qaama teessummaa furdifachuu karaa baqaqasanii yaaluutiin raawwatamuun, cooma qaamaa bakka ta'e muruudhaan gara qaama teessuumaatti dabarsuun ta'u danda'a. Wallaansi kunis yeroo baayyee kutaa wallaansa baqaqasanii yaaluu keessatti raawwatama.
Yaaliin udduu furdifachuu wallaansa baqaqasanii yaaluutiin raawwatamu mataansaa du'a hordofsiisaa jiru hordofee, waldaan oggeessoota fayyaa Biriteen bara 2018tti waggaa 14f dhorkee ture.

Madda suuraa, Cairo Nakhate-Chirwa
Waldaan kunis bara 2022tti qajeelfama wallaansa qaama teessuumaa guddiifachuu baasuulleen, ammalleen wallaansi kun balaa akka qabu akeekkachiisa.
Maamiltoota isheetiif wallaansa qaama teessuummaa furdisuu kan kan kennitu Dr Soofii Shootar ''maamiltoonni loo baayyeensaanii wallaansichi maal akka ta'e hin beekan'' jetti.
Yaalii baqaqasanii wallaanuu malee hin raawwadhu kan jettu ogeettiin tun, Kaayiroon hanga ammaatti rakkoo omaatuu qabaachu baattuulleen, balaa qabaachunsaa baramu qabaata jetti.
Yeroo dhagala'aan sun udduurra waraanamuutti, sochii dhiigaa cufuu akka danda'uufi kun ammoo balaa dhiingi kantaruu hordofiisuu akka danda'u akeekkachiisu oggeessoonni.
Taateen akkasii kun ammoo balaa du'aa qaqabsiisuu danda'a jedhu.
Kana malees madaa, godaannis, jijjiramu boca qaamaa akkasumas miidhaawwan wallaansa kanaan wal qabata gara biraa hordofsiisuu dana'a.
Waldaan oggeessoota Yaalii Baqaqasanii wallaanuu Biriteen akka jedheetti, wallaansawwan yaalii baqaqasanii wallaanutiin ala kennaman kaan caalaa wallaansa BBL kun carraan balaaf nama saaxilusaa olaanaadha.
Maqaa waltajjii Laaviidaa Lookaa jedhamuun kan beekamtu Kaayiroon, keessattuu dubartoonni ''indastirii muuziiqaa Hip-Hop'' keessa hojjatan qaamni teessummaa saanii guddaa akka ta'u eegama'' jetti.
Oggeessoonni wallaansaa akka jedhaniitti, wallaansi kun miidhaa fayyaa qaamaa irratti qabaatuun alatti, walitti dhufeenya jireenya quunnamtii saalaa booreessuufi miidhaa sammuu qaqabsiisuu danda'a jedhan.












