Giiftiin Duree Venizuweelaa US to'atte eenyudha? Nama akkamiiti?

Madda suuraa, Getty Images
- Barreessaa, Tom Bennett
Yeroo humnoonni waraanaa Ameerikaa halkan qixxee magaalaa guddoo Venizuweelaa irratti haleellaa raawwatan dallaa isaanii keessaa Pirezidant Nikoolaas Maaduroo qofa hin fudhanne.
Isaan waliin haadha warraa isaanii Giiftii Duree Siliyaa Filoores, ganna 69, waliin fudhatanii dooniirra buusuun gara Niiw Yoork geessan.
Filoores Venezuweelaa keessatti nama jabduu jedhaman keessaati. Nama siyaasaa hiree biyyattii qajeelchanidhas.
Waggootaaf Mana Maree Biyyaalessaa hogganaa erga turan booda abbaan warraa isaanii filannoo bara 2013 booda aangootti cichanii akka turan gargaaraniiru.
Maaduroon haadha warraa isaanii Giiftii Duree taate kana jabinashee yoo leellisan ''First Warrior'' jedhanii waamu. Loltuu jabduu akka jechuuti.
Filoores sagantaa Televijinii dhiheessu turan, miidiyaa biyyaalessaa irratti abbaa warraa isaanii Maaduroo waliin salsaa shubbisuus ture.
Harka wayyaa jalaan garuu gorsitoota ijoo Maaduroo keessaa tokko akka ta'anitti yaadama.
Filoores irratti himannaan malaammaltummaafi gubboo ni ka'a.
Waggoota dhihoo kana maatiin isaanii qoricha nama hadoochu, kokeenii, Ameerikaa galchuun mana murtii Ameerikaan yakkamaa ta'aniiru.
Yeroo ammaas abbaa warraa isaanii waliin himannaa qoricha nama hadoochu daddabarsuu, akkasumas himannaa meeshaa waraanaa mana murtii Niiw Yoorkitti isaan eeggata.
Filoores yeroo jalqabaaf Maaduroo kan wal baran bara 1990 keessa dargaggeettiifi ogeettii seeraa ta'aniiti.
Fonqolcha mootummaa bara 1992 fashale irratti abukaatoo ta'un tajaajilani.
Kanneen yeroos himataman keessaa tokko Huugoo Chaavez, kan yeroo booda pirezidantii Veneziweelaa ta;an tokkodha.
Yeroo sanatti ture Filoores kan Maaduroon yeroos eegduu Chaavez ta'un tajaajilaa ture waliin kan wal barte.

Madda suuraa, AFP via Getty Images
''Qondaalota waraanaa goota ta'an hedduuf abukaatoo turte. Mana hidhaatti abukaatoo Ajajaa Chaavezis turte... waan cima,'' jedhu Maaduroon waa'ee ishee yoo dubbatan.
''Yeroo bara qabsoo wal barre, achii ija na seente,'' jechuun himu.
Eegasii eegalee hireen lamaanuu Chaavez fi sochii siyaasaa isaatti maxxane.
Erga Chaavez filannoo 1998 mo'atan booda Filoores takkaamatti ol guddatan.
Bara 2000 Mana Maree Biyyaalessaa seenan, bara 2006 immoo hogganaa mana marichaa ta'an.
Filannoon haqa miti jechuun morkattoonni waan hin hirmanneef waggoota jahaaf parlaamaa paartii tokkoon dhuunfatame hooggan.
Yeroo Chaavez bara 2013 boqotan Filoores Maaduroo duuba dhaabbatte. Filannoo bara sanaa Maaduroon xiqqoof irra aanan.

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Ji'oota muraasa booda cimdiin lamaan bultii tolfatan.
Hariiroon isaanii garuu kan waggaa dheeraati. Ijoollee isheen horatte sadiifi kan Maaduroo tokko waliin guddisaa turan.
Bultii erga ijaarratan booda bulchiinsa Maaduroo keessatti akkaan barbaachisaa ta'u hima gaazexessaan Venizuweelaa Enrikuwee Arroyijaa.
Dubartii jabduu Maaduroo duuba jirtu ta'uu ragaa baha.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hojii isaanii keessatti himannaa malaammaltummaa garagaraa irratti ka'a.
Bara 2012 namoota 40 maatii isaanii dabalatee akka qacarriin milkaa'an harka galfachuun waldaaleen isaan himatu.
''Maatiin kiyya as dhufaniiru. Maatii kiyya ta'u isaaniitti baay'een gammada. Isaan biran dhaabadha,'' jechuun deebisan.
Sadaasa bara 2013 ilmaan obbolaashee lamaan Haayitii keessatti Bulchiinsa To'annoo Qorichaa Ameerikaan yeroo hidhaman Filoores haala rakkisaa keessa seenan.
Ijoolleen obbolaa isaanii kunneen kokeenii 800kg ta'u Ameerikaa keessa galchuuf yeroo jedhan to'ataman.
Filoores ilmaan obbolaashee aangawoonni US ''butuu'' himatan.
Abbaan seeraa garuu ilmaan obbolaashee lamaan qoricha nama hadoochu biyyatti galchuuf yaaluun hidhaa waggaa 18 itti mure.
Kunneen bara bulchiinsa Baayidan qaama hidhamtoota walii daddabarsuu jedhuun bara 2022 Venizuweelaatti deebifaman.
Baatii darbe garuu bulchiinsi Tiraamp ijoollee obbolaashee sadii, kan duraan lamaan dabalatee, qoqqobbii haaraa irra kaa'e.
Ministirri Maallaqaa US Iskoot Beseent ''Nikoolaas Maaduroofi yakkamtoonni michootasaa Venizuweelaa jiran qoricha ummata Ameerikaa summeessu,'' Ameerikaatti ergaa jiru jedhan.
Yakka kanaafis jedhan Maaduroofi namoota isaanitti dhihoo jiran akkasumas dhaabbilee isaanii seeratti akka dhiheessan himani.
Himannaan haaraa Filoores itti himatamuu danda'an keessaa muraasni bara 2007 dolaara kuma dhibbaan lakkaa'amu fudhachuun nama qoricha nama hadoochuu daddabarsuun beekamu fi Biiroo Venizuweelaa Farra Qorichaa Nama-hadoochuu gidduu mariin akka taasifamu haala mijeessaniiru kan jedhudha.
''Kanneen ishee qeeqaniif isheen malaammaltuu, mootummaa mirga sarbuufi hacuucu,'' bakka buuti jedhu Sagantaa Chaatam Haawus Laatin Ameerikaatti qorattuu kan ta'an Kiristoofar Sabatiinii.
Isheen nama aangoo guddaa qabu duuba dubartii jabduu jirtudha, ciminnishee garuu nama baay'eef hin mul'atu jedhu.












