Basaastota, dirooniifi xombora: US akkamiin Maaduuroo to'atte?

Nikoolaas Maaduroo

Madda suuraa, Reuters

Basaastotni US ji'ootaaf sochii pireezidantii Veenzuweelaa Nikolaas Maaduuroo to'achuu taasisaa turan.

Gareen xiqqaa tokko kan madda mootummaa Veenzuweelaa of keessaa qabu namni ganna 63 Maaduuroon eessa akka rafu, maal akka nyaatu, maal akka uffatuufi akka maddeen waraanaa jedhanittimmoo bineensa manaa qabullee hordofaa ture.

Achii jalqaba ji'a Muddee ergamni tokko hundaa'e. Ergamichi "Operation Absolute Resolve" jedhame. Bu'aa karoora eeggannoon ji'ootaaf gaggeeffamaa tureeti.

Mana akka Maaduuroon keessa jiruu tolchuun loltootni akkaataa opireeshiniisaanii itti milkeessan shaakalaa turan.

Oppireeshiniin biyya Kibba Ameerikaa kana keessatti karoorfame bara waraana ololaa booda raawwatamee hin beeku. Koongireesiin US dhimma kana irratti hin mariisifamne. Qubas hin qabu.

Hoogganoonni waraanaa olaanoon garuu dhimmicharratti qophii gahaan erga godhamee booda yeroo isa sirrii karooricha itti raawwatan eegaa turan.

Guyyoota afur dura Tiramp hayyama kennee ture. Haata'u malee haalli qilleensaa hanga gaarii ta'utti obsan.

''Yeroo Kiriismasiifi bara haaraa waraana US keessatti dhiiraaf dubartiin qophii turan. Haalli sirrii ta'ee hanga ajajni Pirezidantii dhufutti eegaa turan'' jedhe qondaala waraanaa olaanaa kan ta'e Janaraal Daan Caayin Dilbata wayita miidiyaaleef ibsa kennu.

Ajajni inni dhumaa Pirezidant Doonaald Tiraamp kan dhufe gaafa Jimaataa ture.

''Wanta kana guyyoota afur dura gochuuf turre, guyyoota sadii dura, lama dura, achii yeroon gahe.

achii haa jalqabnu jenne,'' jechuun Tiraamp Jimaata halkan opireeshinichi raawwachuu booda Sambata miidiyaaleetti hime.

Janaraal Daan Tiraamp ajaja wayita dabarsu ''carraa gaariifi saffisa gaarii'' nuun jedhee jedheera.

Ajajni Tiraamp kan dhufe Karakaas magaalaa Maduuroon keessa jirutti halkan walakkaa yeroo ta'uu gaheedha. Kunis waraanni qophii dhumaa halkan dukkana keessa akka raawwatu godheera.

Wanti itti aane ergama qilleensaa, lafoofi galaanarraa sa'aatii lamaafi daqiiqaa 20 fudhateedha. Kunis Waashingitaniifi guutuu addunyaatti raajii ta'eera.

Daangaafi qulqullina ittiin hojjetameen qixxee hin qabu jedhameera. Ammoo biyyootni hedduun balaaleeffataniiru.

Tiraampiif garensaa duula kana yeroo hordofan

Madda suuraa, Donald Trump / TruthSocial

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Tiraamp duula kana Waayit Haawusitti kutaa Sichiweeshin Ruum jedhamu keessa taa'ee miti kan hordofaa ture. Filooridaatti qarqara galaanaa Palm Biichitti iddoo Mar -a- Lago jedhamu gorsitootasaan marfameeti. Tamsaasa kallattiin daayireektara CIA Joon Raatkliiffi Ministira Haajaa Alaa Maarkoo Ruubiyoo fa'a waliin ta'ii kana daawwachaa ture.

''Kan ilaaluun wanta hin amanamneedha,'' jedhe Tiraamp guyyaa Sambataa yaada kenneen. Osoo wanta raawwate argitanii jiraattanii akkuma nama sagantaa televizhinii ilaaluuttin ilaalaa turre. Saffisaasaafi jeequmsasaa osoo argitaniittu ta'ee...waanuma ajaa'ibaati, namoonni kun hojii dinqii hojjetan.''

US ji'oota muraasa darban xiyyaaraafi loltuudhaan Veenzuweelaarra marmaaraa baate.

Duula Operation Absolute Resolve kana irratti garuu xiyyaarootni gosa adda addaa 150 samiirra turan. Kaan xiyyaara boombii harcaasu, kaan jeettii waraanfi kanneen biroos jiru. Anga'ootni US xiyyaarotni kun hanga oppireeshinichi milkaahutti samiirra turan jedhu.

''Raawwiiin oppireeshinii kanaa walxaxaa, akka malee walxaxaa ture. Sochiin martuu, qubannaansaa, lakkoofsi xiyyaaraa'' jechuun Tiraamp Fox News tti hime. Haala dhalatu kamiifuu xiyyaara waraanaa tokko tokko qabannee ture jedhe.

Gaazexessituun BBC Aanaa Vaneessaa Herreeroo galgala sana jalqaba sagaleen dhukaasaa guddaan dhaagahamuu, achiis aarrii guddaan uumame waa arguu rakkisaa gochuu himte.

Booda xiyyaarotni magaala guutuurra bararaa akka turan dubbatte.

Namni halkan sana waan ta'e arge akkuma dammaqneen samiirra xiyyaarota hedduu balali'aniifi sagalee dhukaasaa gurguddaa dhageenye jedhe.

Viidiyoowwan dhukaasaa fi dhoyinsootaa hedduun miidiyaa hawaasaa gubbaa qoodamuu hordofee, BBC kanneen mirkaneessuuf yaaleera.

Kanaanis iddoowwan shan irratti haleellaan raawwatamuu mirkaneeffateera.

Haleellaawwan US gariin sirna ittisa qilleensaa biyyattiirratti xiyyeeffatan kaan ammoo buufatalee waraanaa. Tiraamp duulli kun eegalamuu dura magaalaa Karaakaas keessa ibsaan akka hin jiraanne godhamuu ibseera. ''Dukkanaafi balaafamaa ture'' jedheera.

Haleellaawwan raawwataman

Madda suuraa, Getty Images

'Akka itti deemne beekaniiru'

Haleellaawwan naannawa Karaakaas akkuma itti fufeen humnoonni US gara maagaalaa seenan. Miseensonni Delta Forcefi miseensonni humna ergama addaa qaama duula kanaa akka ta'an maddeen BBCtti himaniiru. Akka malee hidhataniiru. tarii yoo qe'ee Maaduuroo sibiili marsee jiraate jedhanii waan akka xombooraa sibiilicha gubus qabataniiru.

Loltootni qe'ee Maduuroo kan gahan duulichi eegalamee osoo badaa hin turiin ture.

Tiraamp qe'een Maaduuroo dahoo waraanaatii jechuun ibse. Ammoo akka warri US itti dhufaa jiran Maaduuron beekee ture jedhe. ''Qophiidhaan eegan. Akka dhufne beekanii ture.''

Loltootni Maaduuroo dhukaasa bananii helikooptara US miidhaniiru jedhe Tiraamp ammoo hilikooptarichi balali'uu danda'eera jedhe.

Loltootni US mana cabsanii erga seenan booda iddoon cabsanii seenuu hin dandeenye akka ture hime. ''Sibiila cimaan cufameera. sababamu kanaaf achi kaahame''

Booda maaduuroofi haati warraasaa Seliyaa Floorees qabaman.

Ministirri Haajaa Alaa US Maarkoo Ruubiyoo Maaduroon abbaa irree seeraan filatame miti. Adeemsi isa qabuu osoo Kongireesiitti himameera ta'ee rakkoo keesa gala turee jedheera.

Qe'ee Maduuroo keessa loltootni US akkuma guutaniin eegdota Kuubaa hedduun kan eegamu Maaduuroon kutaa dahannoo tokkotti miliquuf yaalee akka ture Tiraamo dubbateera.

''Kutaa dahannoo tokkotti baqachuuf ture, achis isaaf dahoo hin ta'uuf ture malee. balbalicha sekoondii 47 tti diigna ture'' jedhe Tiraamp.

''Gara balabala sanii siiqeera. Cufuu dadhabe.Kuticha hin seenne.''

Hireen Maaduuroo osoo baqatuu ajjeesuu tureeraa jedhamee kan gaafatame Tiraamp ''ta'uu danda'a ture'' jechuun deebise.

Duula kana keessa gama USn namootni ''hangi ta'e rukutamaniiru'', loltuun du'e garuu hin jiru jedhe.

Amma dura US nama bakka Maaduuroon jiru himeef doolaara miliyoona 50 kennuuf waadaa galtee ture. Haata'u malee Sambata gara ganamaa hilikooptariin US Karaakaas keessaa Maaduuroo fudhattee gara US bararteetti.