Soorata namoota tuffatamootii hanga maaddii mootiitti: Qullubbii adii, qorsa dhibee hedduu

Qullubbii adii

Madda suuraa, Getty Images

Qullubbiin (qullubbiin adii) waggoota kuma hedduuf nyaata miyeessuuf, akkasumas qorsaaf (qorichummaf) tajaajilaa jira.

Fooliin isaa, keessumaa erga nyaatanii kan namatti hin tolle ta'ullee qorichummaan isaa garuu gaffii hin qabu.

Farra baakteeriyaafi farra vaayirasii ta'uun kan beekamu qullubbiin, naaya miyeessuun alatti wallaansa fayyaa aadaa keessatti baayyisee baratamaadha.

Qullubbiin adii yeroo jalqabaaf ka argame Eeshiyaa giddu-galeessaatti yoo ta'u, isaan booda gara Awurooppaafi Ameerikaatti babal'ateera.

Har'a Chaayinaan qullubbii adii omishudhaan addunyaarratti biyya dursaa jirtudha.

Qullubbiin adii seenaafi aadaa keessatti maal fakkaata? Qullubbiin adii ddhuguma fayyaaf faayidaa qabaa? BBCn qoratee akkasitti qixeesseera.

Nyaata miyeessuuf galtee murteessaa

Qullubbiin adii nyaata hedduu keessatti akka miyeessaatti baayyee barbaachisaadha.

Mana-barumsaa Lixa Kaaba Faransaay keessatti barattoota Ameerikaa, Awustiraaliyaa, Ingiliziifi Eeshiyaarraa dhufan kan barsiisu Sheefiin lammii Deenmaark Pool Eriik Yeensan barataabn qullubbii adii hin beekne na mudatee hin beeku jedha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qullubbiin adii nyaata baayyee akka miyeessu amana; isa malee nyaata Faransaay maal akka fakkaatu yeroo yaadu baayyee isa ajaa'iba.

"Isaan [warri Faransaay] nyaata qullubbiin adii keessa hin jirre yaaduu waan danda'an natti hin fakkaatu," jedha.

"Shoorbaa keessatti, muduraa [ataakiltii] ykn nyaatawwan foonii keessatti qullubbiin ni gala. Qullubbii adii keessaa dhabuun waan yaadamu miti."

Haata'u malee, baroota 1970oota gara jalqabaa keessa Deenmaak naannoo baadiyyaatti yeroo biqilu qullubbiin adii gonkumaa hinbeekamu ture.

Qullubbiin adii yeroo sanatti fuulii isaatiin akka beekamu yaadatu. Haata'u malee, warri Turkii gara Deenmaarkitti baqachuu yeroo jalqabanitti nyaanni miyaawaan qullubbii adiin hojjetamu baratamaa dhufe. Yeroo ammaa Sheef Yeensan piizaa Xaaliyaan irratti qullubbii adii dabaluu barateera.

"Aniifi waahelli kiyya maaraqii ganama tokkoo tokkoo kubbaayyaa keessatti qullubbii adii tokko daakamaan isaa itti dabalame fayyadamuu barreerra," jedha.

"Qufaa/utaalloon kamiyyu ykn dhukkubni qaama argansuu tokkollee nu hin mudanne. Kun sababa qullubbii adiidha."

Imala dheeraa

Faayidaan aadaafi hafuuraa qullubbii adii baroota kume hedduu kan lakkoofsisedha.

Giriikonni durii waaqa falfalaa fi eegduu maatii taate Hekkeeteef aarsaa godhanii qullubbii adii daandii qaxxaamuraarra kaa'uuf ture.

Masirii keessatti qullubbiin adii awwaala warra Farahoon Tutaankihaman du'aa booda jireenyati isaan eeggata jedhamee keessatti argameera.

Sheekkoofi durdurii Chaayinaafi Filiippiins keessatti namoonni Vaanpaayeroota loluudhaaf qullubbii fayyadamuusaanii oduun agarsiisan jiru.

"Addunyaarratti gosti nyaataa durii beekamaa ta'e ittii [waxii] Mesoppotaamiyaa yoo ta'u, umrii waggaa 3,500 lakkoofsiseera. Ittoo kana keessatti mataa qullubbii adii sadiitu dabalama," jechuun qullubbii adiirratti kitaaba kan barreessa Roobiin Cheeriin ni dubbata.

"Wallaansi fayyaa baayyee kan durii ta'e [qullubbii adii] gara waggoota 3,500 kan lakkoofsisedha. Kun ammoo Eebers Paappirees jedhamee kan waamamu yoo ta'u, qullubbiin adii dhukkubootaa hanga ilbisoota namaxxi maxxanan, akkasumas rakkoo onnee ykn argansuu akkamitti akka fayyisu hedduu dubbatameeraaf," jechuun adeemsa seenaa isaa ibsa.

Hakiimiifi namni falaasamaa Giriik durii Hippokiraates malawwan wallaansa fayyaaf qullubbiin adii gargaaramaa turuu dubbata Cheeriin.

Kanaan alattis, qorattoonnii fi barreessitoonni bebbeekamuu warri akka Aristootil fi Aristoofaanis qullubbuu adii akka qoricha ykn qorsa ta'etti ibsaa turan.

Namoota qullubbii adii gurguran

Madda suuraa, Getty Images

Nyaata namoota garbummaan gurguramaniitii hanga maaddii mootiitti

Qullubbiin adii Mesoppotaamiyaa, Masirii, Giriik, Room, Chaayinaafi Indiyaa durii keessatti bal';inaan beekamaa ture.

Loltoonni warra Roomaa qullubbiin adii gootummaafi jabina akka isaaniif kennu amanu ture. Yeroo weerara gaggeessanitti guutummaa Awurooppaa keessa tatamsaasaniiru.

Qullubbiin adii nyaataafis ta'e qorichaaf kan gargaaru yoo ta'u, yeroo ta'e garuu nyaatatti kan dabalamu miseensota hawaasa jireenya gadaanaa ta'eef qofa ture.

Roobiin Cheerii, "dhugaa dubbachuuf nyaata iyyeessotaaf qofa ta'u ture," jedha.

"Masirii keessatti garboota Piraamidii ijaaraniif ykn markabanyoota warra Roomaaf jabina akka kennuuf jedhamee faayidaarra kan ooludha. Gatiin isaa rakasa ture; nyaatawwan miyaa hin taane qaban dhoksuu danda'a. Kanaaf, soorata iyyeessonni nyaatan akka ta'etti fudhatama ture.

Yeroo seenaa murteessaa Awurooppaa jaarraa 14ffaa fi 16ffaa keessa, Bara Haaromsaa guddinni aartiifi saayinsii mul'ate keessa beekamtiin qullubbii adii jijjiramuu jalqabe.

"Henerii 4ffaa Faransaay qullubbii adii fayyadamuun baayyee nyaateera, kun ta'uun ammoo hanga tokko jaalalli qullubbii akka dabalu taasiseera," jechuun ibsa Cheeriin.

Itti dabaluun, jaarraa 19ffaa keessa bara Viktooriyaa warra Ingiliiz bulchite beekamtiifi jaalalli qullubbii adii dabaleera.

Qullubbiin adii turtiin booda baroota 1950ootaafi 1960oota keessa seenaa baqattoota waliin wal qabatus argateera. Kunis ilaalcha hin taane dhabamsiisuuf gargaareera.

"Qullubiin adii Yihudoota, Xaaliyaanota fi Kooriyaanota ittiin arrabsuuf fayyadaa tureera. Hundi isaanii 'warra qullubbii adii nyaatan' jedhamanii waamamu ture; kanaaf hiika hin taane qaba ture" jechuun dubbata Roobiin Cheerii.

Qullubbii adii akka qorichaa/qorsaatti

Yeroo ammaa kana guutummaa addunyaarra sanyiiwwan qullubbii adii 600 ol ta'an ni jiru. Tokko tokko akkuma sanyiiwwan warra Uzbeekistaan fi Joorjiyaa irraa argamanii yeroo dhiyoo keessa ture kan sadarkaa idil-addunyaatti beekaman.

Qullubbiin adii soorata ykn nyaatawwan ammayyaa keessatti gahee guddaa taphatuun alatti, mallattoowwan qufaa ykn utaalloo wallaanuuf ykn akka namatti furu gochuuf gargaara.

Yaaliin kilinikaawwanii dhiibbaa qullubbiin adii dhibeewwan warra akka dhiibbaa dhiigaa, kolestiroolii, akkasumas kaanserii irratti qabu qorataniiru, haata'u malee, bu'aawwan argaman waan wal fakkaataa tokko miti.

Qorannoon xiqqaan biyya Iraan keessatti gaggeeffame tokko, qullubbiin adii fi cuunfaan loomii ji'a torbanoota ja'a keessatti dhibee kolestiroolii fi dhiibbaa dhiigaa hir'isuuf akka gargaaru adda baaseera.

Haata'u malee, Yunaayitid Isteetis, Yunivarsiitii Istaanfoord keessatti namoota fayyaaleyyii 200 ji'a ja'a keessatti hirmaachise qorannoon guddaan tokko gaggeeffamee kolestiroolii hir'isuu isaa hin argine.

Bara 2014 keessa qorannoon Awustiraaliyaa Yunivarsiitii Siidinii keessatti gaggeeffame ammoo qullubbiin adii keessa isaatti qabiyyee farra ilbisootaa, farra vaayirasii fi farra fangasii cimnaa ta'e akka of keessaa qabu mirkaneesseera.

"Qullubbiin adii Poteesiyeemii, Fosfarasii, Zinkii, Salfarii hangi isaa baayyee guddaa ta'ee fi Maaginiiziyeemii, Mangaanezii fiAyirenii hanga tokko of keessatti qabateera. Biqiltuu ykn midhaanbaayyee ajaa'iba ta'edha," jedha dubbi himaan Waldaa wallaansa fayyaa nyaataa Biritaaniyaa fi ogeessi sirna nyaataa daa'immanii kan ta'an Baahii Vaan Dee Boor.

"Makoo Salfarii namatti tolan Aliisiin jedhamu qabu. Faayibarii Piriibaayootikiin badhaadhedha. Garaa keenyaaf kan sifaa'u ykn mijatu waan ta'eef, fayyaa marrummaan kenyaatiif faayidaa qaba. Dabalataanis, qorichummaa farra jarmootaa tokko tokkos of keessaa qaba." Faayibariin qullubbiin adii baakteeriyaa marrumaanii faayida qabeessa ta'e akka gabbatuu fi gogonsa garaa fi garaan bokokuu ittisuudhaaf akka gargaaru ibsaniiru.

Guyyaatti qullubbii adii firee /ija tokko nyaachuun nama gaheessa ta'e tokkoof gaariidha jedhamee yaadama.

Haata'u malee, akka Joornaalii Ameerikaan Faamilii Fiziishiyaan jedhamu irratti bahetti taanaan, keessumaa garaa qullaatti qullubbii adii baayyee fudhachuun garaachi jeeqamuu, garaan nama bokokuu fi jarmoota faayidaa qaban marrummaan keenya keessa jiran jijjiiramni akka dhufu gochuu danda'a.