Gosoota nyaataa saddeet dhuufuu namatti baay'isan kana beektuu?

Madda suuraa, Getty Images
Dhuufuun waanuma baramedha. Namni fayyaalessi tokko guyyaatti si'a 5 hanga 15 dhuufa.
Guyyaa tokko tokko gaaziin garaa nama guutuunis mallattoo fayyaati. Garuu isa si qaanessuu fi miira gaarii hin taane sitti dhagahamu yoo dagatta taheef.
Sababni isaa gosoonni nyaataa akka dhuufuun nama qabu godhan fayyaa onneef gaarii kan tahanii fi nyaata faayiberii of keessaa qabanidha. Gosoota nyaataa faayiberii kanneen garaachi keneya daakuu hin danda'u.
Garuu baakteeriyaan qooqnqoo keenya keessaa isaan daakuu danda'a.
Gosoota nyaataa kam fa'itu akka dhuufuun nama qabu godha? Nyaatonni dhuufuu namaa akka malee ajjeessani hoo isaan kam fa'aadha?
Yeroo akkamii immoo hakiima dubbisuu qabda?
1. Gosoota nyaataa faatii [coomaa]
Gosoonni nyaataa cooma of keessaa qaban suuta jedhanii daakamu. Yeroo kana mar'immaan keessa osoo naanna'anii waan akka asiidii akka burqu godhu. Yeroo kana foolii badaa akka uumamu godhu.
Foon cooma qabu garuu keessumaa baay'ee rakkisaadha. Sababni isaa coomni foon irraa amiinoo asiidii Metoonaayin jedhamu waan of keessaa qabuufi. Akkasumas salfarii of keessaa qaba.
Salfariin baakteeriyaa mar'immaan keessa jiruun daakamun gara haayidiroojin salfaayidiitti jijjiirama. Kun ammoo foolii hanqaaquu tortoree fakkaatu akka uumu godha.
yeroo kana foolii gaazii nyaatota namni nyaate kaaniin uumamaniis tahe gaazii garaa keessatti uumamuu akka badaa tahu godha.
2. Baaqeelaa/boloqqee

Madda suuraa, Getty Images
Baaqelaa fi missirri faayiberii baay'ee of keessaa qabu. Akkasumas sukkaara qaamni keenya haala gaariin bulleessuu hin dandeenye raafinos jedhamu of keessaa qabu.
Sukkaarri kun gara mar'immaaniitti yoo seenan mar'immaan ammoo aannisaa argachuuf jecha isaan fayyadama.
Yeroo kana haayidiroojinii, miteenii akkasumas salfarii foolii badaa qabu uumu.
3. Hanqaaquu
Akka namoonni hedduun jedhan hanqaaquun baay'eema akka dhuufuun nama qabu hin godhu.
Garuu salfarii metoonaayiniin guute of keessaa qabu.
Kanaaf yoo dhuufuunkee akka malee akka ajaa'u hin feetu tahe foonii fi baaqelaa waliin haqaaquu hin nyaatiin.
Yoo hanqaaquu nyaattee garaa si si afuufe ykn bokokse obsuu hin dandeessu. Yoo kana hin taane alaarjikii biraaf si saaxiluu mala.
Dhuufuun dirqama taha jechuudha. Kun ammoo foolii akka malee badaa qaba.
4. Qullubbii

Madda suuraa, Getty Images
Qullubbii, qullubbii adii fi baaroon fa'aa waan akka kaarbohaayidireetii garaa afuufuu danda'an of keessaa qabu.
Yeroo kana dhuufuuf nama saaxilu jechuudha.
5. Aannaniifi bu'aasaa
Aannan horii fi re'ee [reettii] laaktosii asiidii jedhamu of keessaa qaba. Laaktosiin kun sukkaara garaa keenya keessatti gaaziin akka uumamu godhudha.
Uummata addunyaa %65 kan tahu ammoo qaamni isaanii asiidii laaktos kana waliin wal hin simatu. Alaarjikii adda addaa isaanitti fida.
Yoo aannan dhuganis garaa isaan bokoksa. Kun gaaziin akka baay'atu waan godhuuf dhuufuu fida jechuudha.

Madda suuraa, Getty Images
6. Qamadii fi midhaan kaan
Kaarbohaayidireetii fi faayiberii dhuufuu uumuu danda'an midhaan akka qamadii fa'aa keessas jiru.
Kanaaf nyaatonni akka daabboo, paastaa fi kaan isaan irraa hojjetaman garaa afuufuu danda'u. Kunis dhuufuu fiduu danda'a.
Isa irratti nyaatonni akka qamadii, garbuu fi ruuzii giluteenii of keessaa qabu. Yoo qaamnikee giluteenii hin simatu tahe garaa si afuufuun dhuufuu fiduu danda'u.
7. Birookoolii fi raafuuu
Raafuu maramaa, birookoolii fi gosoonni isaanii akkasumas kuduraaleen baala magariisaa nyaataaf oolan faayiberii baay'ee guddaa of keessaa qabu. Kun ammoo qaamni keenya nyaatota kanneen bulleessuuf akka rakkatu taasisa.
Haa tahu malee, baakteeriyaan mar'immaan keessaa aannisaa isaan irraa argachuuf itti fayyadama.
Kun ammoo gaaziin akka uumamu godha. Dabalataan kuduraaleen akkasii salfarii of keessaa qabu.
Foolii salfariin uumuu danda'u ammoo isinuu beektu.

Madda suuraa, Getty Images
8. Kuduraalee
Kuduraaleen kanneen akka appilii, maangoo fi isaan fakkaatan sukkaara guddaa of keessaa qabu. dabalataan kanneen akka appilii fa'aa ammoo faayiberiis of keessaa qabu.
Firuktoosii ykn gosti sukkaaraa isaan kanneen keessa jiru salphaatti hin daakamu.
Nyaatota kanneen nyaachuun gaaziin akka nutti baay'atu gochuu danda'a. Garuu namoonni baay'een rakkoo kanaa hin qaban.
Dhuufuu dhaabuun danda'amaa?
Kuduraalee fi muduraalee gaaziin akka uumaman godhan kanneen guyya guyyaatti nyaacuun qaama keenyaaf barbaachisaadha.
Gosoota nyaataa kanneen hin nyaattu taanaan, nyaata kaan ammoo baay'istee nyaatta taanaan ammas qaamakeetti hin tolu.
nyaatakee keessaa faayiberii kan qaban dhabuu hin qabdu. Garuu suuta jedhii itti maki. Osoo hin baay'isiin jechuudha.

Madda suuraa, Getty Images
Bishaan baay'isanii dhuguun gogi garaa akka nama hin mudanne godha.
Goginsi garaa akka gaaziin uumamus godha. Yoo bobbaan mar'immaan keessa ture achumatti gaazii uumuu itti fufa.
Kun ammoo foolii baay'ee gadhee tahe akka uumu godha. Kanaaf guyya guyyaan bishaan gahaa tahe dhuguu hin dagatiinaa. Akkasumas shayee miintii qabu dhuguun gaarii akka tahe Tajaajilli Fayyaa Biyyaalessaa UK ni gorsa.
Kun ammoo garaa afuufame hir'isuuf oola.
Yoo dhugaatii lallaafaa baay'ee dhugdan gaazii akka malee hammeessun deefuu fi dhuufuun akka hammaatu taasisu.
Ancaqqee ykn mastiikaa alanfachuunis akkasuma akka gaaziin gara qaama keenya keessaatti galu waan godhuuf dhuufuu ykn afuufamuu garaaf sababa tahuu mala.
Yoo kana goote garuu namoota naannoo kee jiran irraa fagaachuukee ilaalladhu.
Dhuufuun dhibee miti. Garuu yoo akka malee sitti baay'ate hakiima dubbisuu hin dagatiin. Qorichoonni tokko tokkos akka dhuufuun foolii badaa qabaatu taasisu.












