Maaliifan dhuufa jettanii yaaddanii beektu?

Namoota wal cinaa taa'an sadii

Madda suuraa, Getty Images

‘’Du’aan dhuufaa? jennaan, yoo bokoke dhiisaa?'' jedhe namichi jedhama.

Waa’ee dhuufuu amma yoonaatti saayinsiidhaan kan qoratame isiniif qooduuf jirra.

Ofii dhuufuun eessaa akka dhufu? Yoon dhuufuu dhiisee qabadhe maalin ta'a jettanii yaaddanii beektu?

Ofii namooonni hundi ni dhuufuu? Bineensonni biroo ni dhuufuu? jedhaniif deebii asii argattu.

Namni kamiyyuu deeffuu fi dhuufuun gaazii liitira 2.5 ta’u guyyaatti gara alaatti baasa.

Deeffuu fi dhuufuun kun qilleensa gara keessatti fudhannu, dhugaatii dhugnu fi baakteeriyaa qaama sirna bullaa’insa soorataa keenya keessa jiranirraa maddu.

Qaamni keenya gaazii baayyee kana karaa afaanii ykn dhuufuu dhabamsiisa.

Tarii gaazii kana baastu ofirratti otoo hin hubatiin ta’uu mala.

Hammi gaazii qaama keessaa bahu kanaa xiqqaa ta’uu mala-Yeroo kaan tarii hajaa’u dhabuu mala.

Dhuufuu dhuufuun guutumaan guutuutti fayyummaadha, garuu yoo garmalee baayyate rakkoo fayyaa akeeku mala.

Maaliif dhuufna?

Sababni dhuufnuuf gaaziin mari’maan keenya keessaa bahuu waan qabuufidha.

Qilleensi fudhannu hangi tokko gara mar'imaniitti qajeela, ta’us gaaziin mari’maan keessa jiru harki caalu baakteeriyaa nyaata keenya daakuuf gargaaraniin oomishamu.

Gaaziin kun karaa deeffuu fi dhuufuu qaama keessaa dhabamsiifamu.

Gaazichi irra caalaa haayidiroojiinii fi kaarboon daayi’oksaayidii of keessaa qaba.

Fooliin dhuufu ajaa’u kompaawundoota salfarii hamma xiqqaa dhuufuu keessatti argamanirraa madda.

Narvoonni handaara qaama bobbaa dhamsiisu(munnee) keessatti argaman kan dhabamsiifamuuf jiru bobbaa ykn fi dhuufuu ta’uu adda baasuuf gargaaru.

Agarsiiftuu Munnee

Madda suuraa, Getty Images

Nama hundatu dhuufaa?

Eyyeen, namni tokkollee otoo hin hafiin hunduu ni dhuufa.

Gaasiin gara qaama keenyaa seene hangi tokko mari’imaan furdaa seena, akkasuma gocha baakteeriyaa mari’amaan keessa jiraataniirra kan maddee dhuufuun ni uumama.

Dhuufuun irra caalatti naayitiroojiinii fi kaarboon daayi’oksaayidii fi haayidiroojiinii, meetiinii wajjin walmake qaba.

Foolii hajaa’uu akka qabaatu kan taasisu ammoo iskaatool, indoolii, meetiiniitiyoolii, haayidiroojiinii salfaayidii fi daayimeetiil salfaayidii hamma xiqqaan dhuufuu keessatti argamu.

Maaliif garmalee dhuufna?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Namoonni muraasni warra kaan caalaa dhuufuun waanuma jirudha.

AkkaTajaajilli Fayyaa Biyyaaleessaa UK(NHS) jedhutti, namni giddu galeessaan guyyaatti si’a 5 hanga 15tti dhuufa.

Haa ta'u malee, haalonni muraasni hanga jedhamee ol dhuufu namatti baayyisu ni jira.

Dhuufuun mallattoo dhukkuba dhibee mari’manii madinumaan qaamaa tishuu mar’imanii miidhuun uumamu ‘coeliac disease’ jedhamu qabaachuu keenya akeeku danda’a.

Akkasuma qaamni keenya sukaara aannaan keessatti argamu laaktoosii kan jibbu yoo ta’e dhuufuun garmalee namatti heddummachuu mala.

Kana qofaa miti, qaamni nyaata keenya daakuun itti ulfaate nyaachuun, goga garaarraa kan madde, dhibee garaachaa fi mari’maan dheekkamsisu ‘irritable bowel syndrome’ jedhamuun madduu mala.

Akkasuma dhukkubbii qaamoota sirna bullaa’insa nyaataa muraasaaf mudatu(gastroenteritis) fi dhukkuba garaachaa irraa madduu danda’a.

Miidhaa cimaa qorichoonni fudhannu qaqqabsiisan dhuufuu namatti buusuu malu.

Soorata akkamiitu nama dhuuffisa?

Baaqalaa,- baaqelaan fayyummaa onneef filatamaadha. Hammuma baayistee nyaattu dhuufta.

Baqalaa akkuma gosa soraata biroo biroo hedduu faayibarii bulbulamaan baay’ee of keessaa qaba.

Kana fayyaa keenyaaf fayidaa guddoo qabaatus, dhuufuu namatti buusa. Gosoonni soorata akka misiraa, ataraa, raafuu maraa, qullubbii fi appiliin soorata dhuufuu namatti buusan keessatti ramadamu.

Bineensonni ni dhuufuu?

Akkuma dhala namaa hundaa bineensonnis ni dhuufu– garuu bineensonni hundinuu ni dhuufu jechuudhaa?

Hilleetti dhuuftii?

Eeyyee. Hilleettiin biqiltuu soratti, garuu garaacha addaatti biqiltootaa daakuuf hin qabdu.

Maaykiroo-orgaanizimoota (baakteeriyaa fi pirootiistota) mari’imaan furdaa ishee keessatti argamurratti hirkatti.

Nyaanni fi sirni bullaa'insa sootaa hilleettii dhuufuun akka oomishamuuf galtee guddoo ta’u.

Yeroo baayyee dhuufuun akka waan qoosaatti ilaalamu mala, kun hilleetiif dhimma akka qoosaatti ilaalamu miti.

Sababni isaas hilleettiin yoo hin dhuufne battala ajjeesuullee mala.

Sarariitiin ni dhuuftii?

Namni beeku hin jiru! Dhimmi dhuufuun walqabatu mataduree qorannoon saayinsii danuun irratti hin dhiyaannedha. Garuu haala sirna bullaa'insa nyaataa ishee ilaaluu dandeenya.

Sarariitiin sooratashee harka caalu qaama isaaniitiin alatti bulleessiti.Lubbu qabeeyyii soorattu summii nyaata bulleessuuf ishee gargaaruun waraanuun bifa dhangal’aatiin gara garaacha isheetti xuuxxi.

Allattiin ni dhuuftii?

Simbirroonni qaama bobbaa dhamsiisu(munnee) qabu, garuu simbirroonni akka dhuufan ragaan amma yoonaatti agarsiisu hin jiru.

Yad-rimeen tokko akka agarsiisutti, simbiroonni namaa fi hoosistoota biroo caala sirna bullaa'insa nyaataa saffisaa waan qabaniif dhuufuun isaan hin barbaachisu jedha.

Nyaanni allaattiin soorattu salphaatti ujummoo garaachaa gabaabaa keessa yeroo dheeraa hin turu.

Yaad-rimeen biraa simbirrootaa baakteeriyaa gaazii uumu akka hoosistootaatti hin qaban kan jedha.

Daayinoosariin ni dhuufaa?

Eeyyee! Akkuma saree, ilbiisota muraasaa fi mil-dhibbee (millipedes), daayinoosaroota akka dhuufu shakkii hin jiru. Dhuufuu fi deeffuun haala jijjiirama qilleensa baramaa yeroo ammaa kana bocaniiru.

Deeffuu fi dhuufuun horii gaasii gocha namaatiin qilleensa faalan hunda keessaa dhibbeentaa 10 ol qaba.