Sababoonni ijoo kalee keenya nu dhabsiisan maal fa'i?

Madda suuraa, Getty Images
Magaalaa Finfinneetti namoonni kaleen isaanii hojii dhaabe tajaajiila diyaalisiisii argachuuf si'a tokkotti giddugaleessaan birrii 2,500 hanga 3,000 kaffalu.
Namni kaleen isaa hojii dhaabde torbanitti yoo xiqqaate si'a sadii tajaajila diyaalisisii argachuu akka qabutu ogeessaan gorfama. Namoonni tajaajila diyaalisisii guyyaa guyyaan yeroon argachuu qabanillee jiru.
Maallaqa hangasii kaffalanii tajaajila kana argachuun garuu namoota heddutti ni jabaata.
Ofii otoo maallaqa itti hin kaffaliin kalee keenya akkamitti eeggachuu dandeenya laata?
Dhimma kanarratti ispeeshalistii keessoo qaamaa fi kalee kan ta'an Dr Maammoo Nigusee gaafanne.
Dr Maammoon waggoota lamaa asitti magaalaa guddoo Laayibeeriyaa Monoroviyaatti ispeeshalistii kalee ta'uun hojjataa jiru.
ALI bara 2006 -2014'tti hospitaala Phaawuloos kan magaalaa Finfinneetti argamu keessa hojjataa turan.
Murteessummaa fayyina kalee jireenya nagaaf
Fayidaan kalee ijoon xurii qaama keenya keessaa dhabamsiisuudha. Xuriin bulbulamee bifa fincaanitiin qaama keessaa baha.
Fincaan qaama keessaa yoo hin baane qaama nama dhidhiitessuun, qaama keessa deebi’ee miidhaa qaamota biroorraan qaqqabsiisa.
Kaleen xuraa’aa qaama keessaa hin dhabamsiisu taanaan namni yeroo dheeraaf yoo tajaajila diyaalisisii argateen alatti lubbuun hin turu.
Kana qofaa miti gumaachi fayyaa keenyarratti qabu, kaleen elektoolaayitiiwwan lafee jabeessan to’ata.
Hormoonni qaamni keenya dhiiga diimaa akka oomishu taasisu isarraa madda.
Madaallii asiidii fi beezii qaama keessa jiruu kan eeguu kaleedha.
Kaleen keenyaa warshaalee gurguddaa waliin walfakkaata jedhan Dr Maammoon.
Yoo Kaleen hojii dhaabde maashina bakka kalee bu’ee xuraawaa dhiiga keessaa dhabamsiisu diyaalisisiitu barbaachisa.
Ofii maaltu dhibee kalee fida?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhibee kalee baay’inaan kan namatti fidan; dhukkuba sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaa, dawaa namoonni faarmaasii ykn dukkaana qorichaarra bitanii fudhatan.
Dawaan dhukkubbirraa bayyanachuuf fudhataman – fakkeenyaaf mataa bowwoof fudhatamu dayigilofinaak jedhaman gorsa ogeessa malee yoo fudhataman kalee miidhu.
Dhibeewwan akka busaa rakkoo kaleef nama saaxilu akka danda’u eeran.
Kana malees, cirraacha kalee, dhibeewwan madinummaan qaamaa of miidhuurra maddan fi qacceen walqabatan jiru jedhan.
Namoota umrii maanguddummaa keessa seenaniirratti ammoo xannachi piroostet jedhamu yoo dhiita’u, fincaan akka hin baane dhorkuun sududaan kalee miidhutu mul’ata jedhan.
Hakimni kun dhibee kalee bakka gurguddoo lamatti qoodan. Balaa tasa nama mudatuun kaleen dandamachuu dadhabuurra kan maddu(acute kidney failure) jedhanii waaman.
Dhiigni balaa tasaatiin garmalee namarraa dhangala’e yoo bakka hin buufamiin hafe kalee miidhuun rakkoo kanaaf nama saaxiluu mala.
Kana malees, nama garaa kaasu tokko dhangala’aa qaama keessa bahu yoo bakka hin buufamne rakkoo kalee kana hordofsiisu mala.
Rakkoon kalee inni lammataa dhibeewwan namarra turan(chronic) kan akka dhibee sukkaaraa fi dhiibbaa dhiigaarra kan maddudha.
Sababni dhibee kalee namatti fidan ijoon isaan kana haa ta’an malee, waanti dhibee kalee namatti fidan kan hafan biroos jiru jedhan.
Akka ogeessi kun jedhanitti dhibee kalee madinummaan qaamaa of miidhu(auto-immune disease) irraa maddan ittisuun rakkisaadha.
Dhukkubsattoota dhibee wayita yaalaan waan hubatan wayita himan kalee madinummaan qaamaa of miidhurraa maddu kun irra caala namoota umrii giddugaleessaarratti mul’ata.
Namoonni hiyyumma keessa jiraatan yeroo heddu carraa dhibee kaleef saaxilamuu qabu.
Namoota jiruu fooyyee qaban kanneen dhiibbaa dhiigaa fi sukkaaraa qaban dhiibee kaleef saaxilamoodha.
Mallattooleen dhibee kalee akeekan maali?
Yeroo hedduu dhibeen kalee mallattoolee hin agarsiisu. Naannoo ijaa, miila dhidhiitessuun tarii mallattoo dhibee kalee akeeku mala. Akkasuma dhukkubbiin naannoo kaleerraa namatti dhaga’amu jiraachu mala.
Ogeessi wal’aansa kalee kun dhibee kalee sadarkaa shanitti qoodan. Hanguma sadarkaan isaa 1-5tti dabaluu dhukkubbiin isaas waliin dabalaa adeema jedhan.
Dhibeen kalee sadarkaa olaanaarra erga qaqqabee booda hir’inni dhiigaa mudachuu waan danda’uuf dadhabbiin namatti dhaga’amuu mala. Hirriba dhabuu, sirnaan harganuu dadhabuu, funuunu, dhiibbaan dhiigaa dabaluu, fincaan namaa diimaachuu-[mallattoo dhibees ta’uu dhabuu mala]
Hammi fincaanii hir’achuu, darbee darbeemmoo of wallaaluun mallattoolee dhibee kalee akeeku malu jedhan.
Dhukkubsattoonni diyaalisis argatan meeqa?
Diyaalisisiin meeshaa bakka kalee bu’ee dhiigaa qulqulleessu.
Meeshaan kun hojii Kaleen hojjatu hojjata. Kaleen nama nagaa qabuu sekondiifillee hojiisaa hin dhaabu.
Garuu maashinni diyaalisiis yoo xiqqaate torbanitti sa’aatii muraasaaaf qaama namaa keessaa xuraawaa dhabamsiisa.
Yeroo kaan guyyaa guyyaatti diyaalisisiin yeroon itti barbaachisu jira. Dhibeen kalee babal’ataa dhufurraa kan ka’e magaalaa Finfinnee fi kutaalee Itoophiyaa kaanitti iddoo tajaajilli diyaalisisii itti kennamu babal’ataa dhufe jedhan.
Dhibeen kalee teekinolojiin diyaalisisii bal’achuusaatiin baramaa adeeme.
Tajaajilli diyaalisisii kennamuusaatiin dhukkubsattoonni dhibee bay’inaan mul’atani jedhan.
Itoophiyaa keessatti namoonni hangamii tajaajila diyaalisii hordofan qorannoo sirnaan gaggeeffame jiraachuu baatu, namoota kuma tokko ni caalu jedhanii tilmaamu Dr Maammoon.
Meeshaaleen diyaalisisiin ittin hojjatamu biyya alaarraa waan galfamaniif gatiin isaanii qaaliidha.
Kaffaaltiin isaanimmoo dhaabbilee fayyaa dhuunfaa fi mootummaattu gargaarummaa qaba jedhan. Namoonni kaleen isaanii hojii dhaabe tajaajila diyaalisisii argachuuf si’a tokkotti giddugaleessaan birrii 2,500 hanga 3,000 kaffalu jedhan. Guyyaa guyyaan nama tajaajilli kun barbaachisutti kaffaltiin isaa garmalee jabaata.
Magaalaa guddoo Laayiberiyaa, bakkaa amma hojjataa jiranittilllee kaffaltiin isaa kan Itoophiyaatti beekaniin waliitti akka dhiyaatu kaasan. Namoonni kaffaluun humna qabanillee akka xiqqaatu eeran.
Kalee fayyaa qabaachuuf maaltu gorfama?
Namoonni dhibeewwan sukkaaraa fi dhiibbaa dhiigaa qaban dawaa ogeessan ajajameeef sirnaan akka fudhatan gorsan.
Namoonni dawaa dhukkuboota namatti wayyeessan fudhachuuf ajaja ogeessaa hordofuu akka qaban gorsan.
Kana malees, soorata madaalame argachuu dhimma fayyaarratti gorsa hakiima hordofuu gorsan.
Dhugaatii alkoolii baay’isuun al-kallattiin ta’ee kallattiin kalee miidhuu waan danda’uuf xiqqeessu ykn dhiisuutu ogeessaan gorfama.
Nama kaleen isaa hojii dhaabeef diyaalisisiitti gargaaramurra garuu kalee tokko namaa biraarra buqqisanii nama kaleen isaa hojii dhaabee dhaabutu caala filatamaa jedhan.












